December 31, 2008

Dhaamsa Waggaa Haaraa 2009 HD-GS-ABO

Dhaamsa Waggaa Haaraa 2009 HD-GS-ABO


Mudde 31, 2008


Miseensotaa fi Deggartoota ABO,

Gootota Oromoo hacuuccaa diinni ummata keenya irraan gahaa jiru dura dhaabbatuu dhaan bilisummaa fi kabajaa saba keessanii deebisuuf wareegama ulfaataa baasaa jirtan miseensota WBO;

Ummata Oromoo Bal’aa biyya kee keessatti hiyyummaa fi hacuuccaan dararamaa jirtu,

Hidhamtoota Oromoo kanneen rorroo fi dhiitamuu mirga namoomaa lammii Oromoo irra gahaa jiru saaxiluu fi mormuun keessan diinaan akka yakkaatti fudhatamee mana hidhaa keessatti jireenya gadadoo keessa jirtan,

Lammiiwwan Oromoo jireenyi gabrummaa isinitti haddhaawee fi biyyaa keessan keessa jiraachuu dadhabuu irraa biyya ambaatti baqattanii jirtan baqattoota Oromoo;



Hunda dura baga waggaa haarawa 2009 waliin geenye jechuun maqaa hogganootaa fi miseensota ABO, maqaa WBO kan diinaa wajjin falmaa hadhaawaa irra jiruu fi maqaa dargaggoota Oromoo falmaa irra jiraniin gammachuu fi hawwii qabu isinii dabarsa.

Barri haaraa bara qabsoo, injifannoo, bara milkii, nagaa fi fayyaa, bara tokkummaan sabaa fi qabsaawotaa itti cimu akka nuuf ta’u hawwa. Barri kun bara qabsoon keenya itti dagaaguu fi furga’u akka tahu hawwii dhaabbataa qabnuun dabarsa.

Bara darbe xumurree isa haaraatti yeroo ceenu, inni keessa dabarre maal fakkaata ture jennee wal gaafachuu fi of duuba mil’annee ilaaluun yeroo hunda barbaachisaa dha. Barri dabre gaddaa fi gammachuu, bu’aa-bahii, hongaa fi milkii akkamiin dabre jennee gamaaggama gabaabaa goonu malee isa haaraa itti tarkaanfannu keessatti maal akka nu eeggaatu gahaatti beekuun nu rakkisa. Kanaaf nuti akka dhaabaa fi ummataatti, bara 2008 keessa bifa akkamiin dabarsine? Dhibdeen hamaa fi milkiin gaarii nu qunnaman maal faa turan jennee wal qaabsisuun barbaachisaa taha. Bara moofaa geggeessinee bara haaraa simachuuf yeroo qophoofnu, barri dabre 2008 akkuma waggoota dhibbaan lakkaa’aman dabranii kan harqoota gabrummaa jalatti dabarsine waan taheef gaddaan yaadanna.

Addi Bilisummaa Oromoo dhaaba kudhanoota sadii oliif qabsoo siyaasaa, hidhannoo fi diplomaasii wal irraa osoo hin kutin geggeessaa har’a gahee dha. Dhaabni kun eessaa ka’ee har’a gahe kan jedhu guutummaatti beekun namoota hagoof yoo tahe malee hundi hubachuun ni rakkisa taha. Dhaabni ABO kan bu’aa bahiin, gufuu fi gufaatiin, shirri alaa fi keessaa itti heddumaate dha yoo jenne dhugaa irraa nuhi hin fageessu. Diini dhaaba kana dhabamsiisuuf shira hin xaxin, falli hin falin hin turre. ABO garuu dhaaba kaayyoo haqaa irratti bu’ureeffamee fi deggersa ummata Oromoo miliyoonotaan lakkaawamu waan qabuuf hawwiin diinaa kan ABO balleessuu haga har’aatti milkaawuu hin dandeenye. Yoom illee milkaawuu hin danda’u.

Bara 2008 baroota kaan irraa adda kan godhuu shirri keessaa fi alaa wal kiphee argamuu dha. Mootummaan Wayyaanee akeeka ABO dhabamsiisuu erga aangootti ol bahee kan jalqabe osoo hin tahin bara Dargii lolaa ture iyyuu akeeka kana tarkaanfachiisaa ture. Erga biyya bulchuu jalqabee ammoo karaa hundaan ABO dhabamsiisuuf dabaa fi shira ol aanaa xaxaa har’a gahe. Keessaafuu WBO zoonilee Oromiyaa adda addaa keessaa haxaawee baasuuf duula wal irraa hin citne ofiin geggeessu cinaatti , biyyoota ollaa guuza kadhatee of gargaarsisuun itti duuluun ni ture. Har’as kanumatti jira.

Wayyaaneen akka kanatti akeeka ABO dhabamsiisuu ykn yoo hanqate ammoo dadhabsiisuu jedhu tarkaanfachiisaa yeroo jirtu keessatti kanneen dammaqinsi qabsoo Oromoof qaban hir’uu fi wareeggama qabsoo kanaaf baafamaa ture itti hin dhagahamne fi mararfannoon isaan kanaaf qaban xiqqaa tahe fii kannen fedhii dhuunfaa dursan gochaa tokkummaa ummataa fi sabummaa Oromoo wareegama ulfaataan har’a gahe sharafu raawwatan as bahuu irraa dhaabni duula fuula lamaan itti baname of irraa faccisuutti seene. Dhaabni keenya gufuulee isa qunnaman hundaa qulqullummaa kaayyoo, obsaa fi murannoo miseensotaa fi hogganootaa, akkasuma deggertoota isaan akkuma kanaan duraa irra aanuu danda’eera.

Barri xumurre bara qabsoo karaa maraa finiinee itti gaggeeffame dha. Waraanni Bilisummaa Oromoo zooniilee mara keessatti addatti ammoo zooniilee Bahaa fi Dhihaa keessatti diinaa wajjin falmaa hadhaawaa waggaa guutuu wal irraa hin citne gaggeesseen wareegama hiriyaa hin qabne kaffalee jira. Diina irrattis injifatnoo galmeessee jira. Jaarmayaa ABO biyya keessatti bobaa diinaa jalatti dhoksaan ijaaramee jiru diinnii fi gantootiin diiguuf yaaliin godhan murannnoo fi gootummaa miseensota keenyaan fashalee jira. Biyyoota ollaa keessatti jaarmayaa ABO diiguu ykn jeequf shirri yaadame jabina miseensotaa fi deggertootaan maseenee hafee jira. Biyyoota alaa keessatti jaarmayaa ABO diiguu ykn jeequuf daba dalagame irra aanameera. Walii gala shirri dhaaba keessaatti xaxamaa ture miidhaa guddaa dhaqqabsiisa jedhamee sodaatamaa ture osoo miidhaan ulfaataa yaadame hin geessisiin dhaabicha ittisuun danda’amee jira.

Gama biraan haalli ummatni keenya keessa jiru yeroo hunda irra ulfaataa tahuun hin falamsiisu. Har’as taanaan biyya keenyaa fi qabeenya isii kan irratti ajajaa fi akka barbaadetti ittii fayyadamaa jiru nuhi ilmaan biyyaa osoo hin taane kanneen humnaan nurra qubatan tahuun dhokataa miti. Hanga biyyaa fi qabeenya keenya irratti kan ajaju alagaa ta’etti ammo nagaa fi guddinni, bilisummaa fi dimokraasiin lallabamu isa dhugaa ummataan hawwamu osoo hin taane kan sobaa diinaan lallabamu tahuun ifaa dha. Badhaadhina fi guddinni dhugaan kan jiraatu bilisummaa waliin qofa.

Diinni halkanii guyyaa maqaa dimokraasii, guddinaa fi badhaadhina kaasa. Guddina hin jirre kan jiru fakkeessee ittiin ummatoota afanfajjeessuu barbaada. Ofii badhaadhaa, Oromoo mara hiyyummaa fi gadadoo dorgomaa hin qabne keessatti ittisaa, misoomtan jedhee nutti baaca. Kan misoomaa fi duroomaa jiru garuu diinaa qabeenya keenya saamaa jiruu fi kanneen dantaa isaaniif jecha saba isaanii gidiraaf dabarsanii kennuun diina tajaajilaa jiran qofa tahuu dhugaa hundi keenya hubannuu fi argaa jirru dha.

Dhugaa kana ololaan irra aanuuf Wayyaanee fi tajaajiltootni Wayyaanee dhara dhugaa fakkeessuuf yaalan. Sirna Cunqursaa sirna dimokraatawaa moggaasanii dhiheessan. Hiyyummaan misooma taasifama. Gaddi gammachuu fakkeeffamee dhihaata. Kan mul’ataa jiru garuu hiyyumni ummata irratti saaree ummata lakkoobsa guddaa gadachaa jiraatuu dha. Tajajijilli hawaasaa bakkayyuu caccabee ummatni mana yaalaa dhabuu fi, mana barnootaa ijoollee isaaf hanqatuun rakkina bakka hundatti mul’ataa jiru dha. Dargaggoon hojii dhabuu irraa abdiin fuul dura isaa itti dukkanaawee argama.

Diinnni keenya rakkoo siyaasaa biyyattii huudhee jiru karaa nagayaa furuuf yeroon itti qophii tahee mul’ate gonkumaa hin turre. Kan nagaa barbaadu fakkaatee mul’atuu fi ummata Oromoo dogoggorsuuf garuu yeroo adda addaa ajandaa haasawaa nagaa jedhu haqummaa of keessatti hin qabne kaasuun duula dhiibbaa siyaasaa ABO irratti geggeessuuf yaalaa ture. Dhihoo kanas akkuma amala isaa olola fakkaataa qabatee ka’uun ummataa fi addunyaa afanfaajjeessuuf yaaleera. Haa tahu malee osoo fagoo hin deemin mana marii isaa keessatti gaaffii ummata Oromoo furuuf qophii akka hin taanee ifatti irra deebi’ee mirkaneesse.

Hidhaa fi ajjechaan, saamichii qabeenyaa fi dhiitamuun mirga Oromoo, kan dhaaboti mirga dhala namaaf falman dhugaa bahan, ummata keenya irratti gaggeeffamaa jiru mootummaan Wayyaanee kan nagaa hin barbaadne tahuu caalaatti mirkaneessan. Hidhaa fi ajjeechaan yeroo ammaa bal’inaan ummata keenya irratti adeemsifamaa jiru kunis ummata Oromoo hamilee cabsee jilbeenfachiisaa hin jiru. Ummatni keenya gochaa diinaa kanaan osoo hin rifatiinii fi hamileen hin cabiin harka duwwaa diina dura dhaabbatuun diddaa isaa agarsiisuu fi QBO finiinsuu irratti argama. Dhaaba isaa jaallatu cinaa hiriiruun cimsaa jira. Tarkaanfii ummatni keenya fudhaataa jiru kunis gootummaa isaa mirkaneessa.

Wayyaaneen furmaata nagaaf yoomiyyuu qophii miti. Fuula duraafis furmaatni nagaa Wayyaanee irraa hin abdatamu. Kaayyoo fi hawwiin Wayyaanee ol’aantummaa murna bicuu gad-dhaabuun bittaa fi hacuuccaa jiru kan bara baraa taasisuu dha. Kana Caalaatti amansiisaa taasisuuf wagga lamaan dura weerara Somaaliyaa irratti jalqabeen ummata Somalii kumootaan lakkawaman ajjeessee kitilaan kan lakkaawaman ammoo qe’ee irraa buqqaase jira. Of jajjabeessuuf akeeka Somaliyaa seenneef bakkaan geenyeerra jedhu illee dhugaa jiru garuu injifatamuu isaa mirkaneessa. Humni inni nan dhabamsiisa jedhee dhaadate daran itti jabaatanii baqaan akka biyya isaanii gadi lakkisee bahu dirqaa jiran. Haqni mul’ataa kunis kufaatii mootumma Wayyaanee agarsiisuutti dabalee duulli dharaa yoomiyyuu kan injifatamu tahuu mirkaneessa.

Dhaabota siyaasaa sirnaa fi seeraan socho’aan hacucuu dhaan miseensota isaanii hidhuu, ajjeesuu fi wajjira isaanii cufuuis dabalaa fi jabaataa dhufe malee hin laaffane. Wayyaaneen sirna dimokraasiin gaggeessa afaaniin jedhu illee gara paartii tokkootti cehaa akka jiru tarkaanfiin fudhataa jiruu fi gochaan isaa ragaa itti taha. Roorroo ummata Oromootii fi kanneen biraa irratti akkasumattis humna sochii hidhannoo kamuu filmaata as deemuun duratti abjuu ofirraan dhabamsiisa jedhuun geggeessaa jiru qaama adeemsa paartii tokkichaatti of ijaaruuf EPRDF itti jiru tahuu hubachiisa.

Kaayyoo fi hawwii Wayyaanee irraa diddaa fi fincilli Oromiyaa irraa eegalee, Somaliyaa fi gola Itoophiyaa guutuu woliin ga’uun daran jabaachaa jira. Waraanni Wayyaanee Somaaliyaa keessatti lola isa mudateen kasaaraa irra gahetti dabalee akeekni isaa fashaluu irraa baqatee bahuun isaa waan hin oollee dha. Qabsoo ummata dhabamssisuuf ummata irratti yakka guddaa raawwatus qabsichi caalaatti jabaatee, dirmatnaa addunyaa hawwate malee hin dhabamne. Qabsoo ummanni Oromoo Oromiyaa keessatti gochaa jiru ukkaamsuuf shirri akaakuu danuu fi gara jabinaa akka dabalaa fi hammaataa dhufeen qaramaa fi jabaataa dhufe malee hin doomne.

Gochaan hammeenyaa ummata keenya irratti raawwatamu kun hawaasa addunyaa jalaa dhokataa miti. Haa tahu malee Mootummaan Wayyaanee dirqama dantaa humnoota aangawoo garii bakkaan gahuu fudhatee marxifatee tajaajilaa waan jiruuf gargaarsi addunyaa keessattuu biyyootii dhihaa, karaa diinagdee, waraanaa fi dipolmaasii kennamuuf irraa hin citne. Hanga qabsoon bilisummaa ummatoonni biyyattii gochaa jiran sadarkaa itti aanutti cehee jireenya mootummaa kanaa gaaffii jala hin galchinetti deeggarsi kun ni dhaabbata jedhamee hin abdatamu. Kanaaf furmaanni jiru qabsoo bilisummaa finiinsuu qofa.

Waan taheef:

Yeroon amma keessa jirru akka sabaatti yeroo didhaan guddaan nurra jiruu dha. Yeroon ammaa kun yeroo diinni keenya sabboonummaa ummata keenyaa kolaasee gabrummaa irra tursuuf wixxifataa jiruu dha. Kanaaf dhaaboti Oromoo hundii sabboonummaa Oromummaa wareegama qaqqaaliin argame dandamachiisuu fi dantaa ummata Oromootii fi QBO tiksuudhaaf harka wal qabachuun irratti akka socho’an yaadachiisaa kanneen beekaas tahe osoo hin beekiin ykn dantaa dhuunfaaf jecha kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo ABO diina duraa godhatanii irratti ololaa fi shira gara garaa xaxaa jiran gochaa isaanii irraa akka dhaabbatan hiree kanaan hubabachiisa.

Mirgooti haga ammaatti akka sabaatti argachu dandeenye tokkummaan waan qabsoofnee fi wareegama qaqqaalii kaffaleef ture. Har’a diinni keenya tokkummaa sabaa kana danda’u diiguu, dadhabu ammo laaffisuu irratti hojjataa jira. Kanaaf ummata Oromoo tokkummaa kee jabeessitee akka tikfatuu qabsoo mirga abbaa biyyummaaf gootu finiinsaa deemtu waamicha keenya haaromsina.

Miseensotaa fi deggertootni ABO, haala dhiphinaa kamuu keessatti kaayoo fi dhaaba keetti cichuun seenaa boonsaa galmeessiteen qabsoon sadarkaa amma irra jiru ga’eera. Qabsoo haga har’aa wareegamaan ture firii itti gochuuf qoodaa fi dirqama kee fuula hundaan ol kaasuun gaaffii yeroo ta’uu hubadhu. Gochaa farrummaa sabummaa fi tokkummaa Oromoo sharafuuf hojjatamu dammaqinaan dura dhaabataa fi faccisaa mooraa qabsoo bilisummaa gabbisuun dirqama dabalataa ofitti fudhatuun irratti kan bobba’uu qabdu ta’uu yaadachiifna.

Dhaabni ABO dhaaba kudhanoota sadii oliif qabsoo siyaasaa, hidhannoo, hawaasumaa fi diplomaasii godhee dha. Kana irraas muxxannon horate guddaa dha. Yeroo adda addaatti dhaaba kana keessa namtokkee fi murni bahuun diinaaf aanjaa uume malee bu’aan qabsoo argamsiise akka hin jirre kanneen bilisummaa ummata Oromoof cichitan hubattanii akka harka wal qabatnee tokkummaa keenya caalaatti jabeessinee qabsoo finiinsuuf hojjatnu waamicha keenya haaromsina.

Dargaggootni, barattootni, barsiisootni fi beektootni Oromoo ijaaramtanii dirqama sabummaa bahaa jirtan, bara 2009 keessa jaarmayaa keessan bal’isuu fi tooftaa qabsoo jijijjiruun akka qabsoo finiinsitanii ummata keenya galii isaan geessan waamicha Oromummaa isinii dabarsina.

Mootummaan Wayyanee tooftaa dullacha kan adda baasanii bituu jedhutti dhimma baatee ummatoota cunqurfamoo giddutti shakkii uumuun akka nu giddutti tokkummaa fi wal hubannaan hin jiraannee hojjataa turte. Bakka bakkatti shira kanatti milkooftee dhiigni ummatootaa garmalee dhangala’ee jira. Shira gabroomftaa kana maseensuun nuyi cunqurfamoota irraa eegama. Kanaaf nuti ummatootni cunqurfamoon harka wal qabannee shira diinaa dura akka dhaabbannu, hariiroo tumsaa wal gidduutti akka cimfannuuf waamicha keenya dabarsina.

Mootummaan Wayyaanee kan jiraachuu dandeesse gargaarsa mootummoota addunyaa fi dhaabota idil addunyaan akka ta’e beekamaa dha. Mootummaan Wayyaanee gargaarsa mootummootni fi dhaabotni kun kennaniifin irree bittaa ishee ummatoota cunqurfamoo irratti jabeeffataa jirti. Kana waan ta’eef mootummootni fi dhaabotni addunyaa gargaarsa Wayyaaneef godhan irraa akka gabaabsan kan godhu danda’u malli tokkichi yoo jiraatee humni qabsoo fi tumsi qabsaawotaa jabaatee argamuu qofa tahuu hubatuun kana irratti ciminaan akka hojjatamu qabsaawota hundaaf dhaamna.

Qabsoon kophaa kophaa baroota dheeraaf adeemsifame diinaaf hiree laate malee walabummaa fi sirna haqaa ummatoota hundaan hawwamu argamsiisuu hin dandeenye. Kanaaf yeroon amma keessa jirru kan humnoonni mirga haqa, dimokraasii fi bilisummaaf qabsaawan hundi harka wal qabatanii irree tokkoon sirna cunqursaa kana buqqaasuuf gamtaan qabsaawan tahuu ammas irra deebiinee yaadachiifna. Olola diinaan gurmuu qabsaawotaa laaffisuu fi umrii gabroomsaa dheeressuuf oofamu fashalsuuf hojjachuun dirqama hundaa ti.

Walumaa galatti Godinaa kanatti nagaa amansiisaa argamsiisuuf qoodni ummata Oromoo ol’aanaa ta’uu beeknee jijjiirama hundee argamsiisuudhaaf, godina keenya jeequmsaa fi lola irraa walaba gochuuf murannoon akka kaanu maqaa ABO fi qabsaa’ota Oromoo hundaan yaamicha keenya ammas gadi jabeessinee dabarsina.

Barri haraa kan sirni hacuuccaa itti dhabamu, bilisummaan ummatootaa itti mirkanaa’u akka tahu hawwa.

Gadaan gadaa bilisummaati!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Daawud Ibsaa

HD-GS-ABO

December 30, 2008

Dhaamsaa GPO Bara 2009 Ummataa Oromoof

Dhaamsaa GPO Bara 2009 Ummataa Oromoof

Rakkon Bara 2008 yaadachun bara 2009 ciminee akka hojeenuu isinif dhamna.

Barii 2008 keessaa dabaree kun baroota heeduu darban caalaa ummataa Oromooti hadha’aa akka ta’ee warri rakko kana dhandhaaman fi warri hordoofaa turees ni hubanaa. Rakko Bara 2008 keessaa ummataa Oromoo mudachaa ture karadhuma hunda ture. Rakkina Siyyassaa, Dinagdee, Samichaa, Belaa, ajeechaa, reebichaa, hidhaa, fixinsaa sanyii namaa wayyaaneen Oromoo irraati rawwaacha turtee. Kara birrasi wal-dhabdi Oromoo giduuti dhalaten diinaa dhisan wali irraati ololun Oromoo hunda kan gaddisise fi hamilee ummata keenyaa irraati midha gudda kan gesisedha. Rakkolee darbee wal yaadachisuu bara dhufu waan gari hojeechuu maluu yaadaa wal gumachun waan barbachisaa ta’eef.

TPLF biyyaa keessaati Siyyassaa fi Dinagdee Biyyaatti qoofati dhunfachuu irraa darbee siyyassa isaa ala namoota sochoo’an hunda akka isaan manaa hin banee gochuun ummataa irraa dhorkee dhosadhan ilee warraa nama qunaman qabee hidhun diktaterumaa isaa cimisachaa jirachuu isaati. Dhabilee siyyassaa biyyaa keessaa ummataa qunamuu dhorkamuu qoofa utuu hin tanee ummataas dhabbilee siyyassaa kam iyuu akka hin qunamnee dirqamee jira. Oromoo hedun Maqaa ABO, WFDO Fi KBOtin yaaki dhala namaaf hin malee irraati rawwatamaa jiraa. Dinagdeen biyyati harka miseensoota TPLF qoofa keessati galee jira. Mallaqa kuufisudhan ummati biyati bitachuu yaamuu dadhabuu daldaltoon waayyanee garuu qabeenyaa biyyaati hunda samman biyyaa alati gurgurudhan mallaqaa isaan biyyaa ala tulachaa jiru. Dollara Biliyoonaa 25 ta’uu harka Malasa fi daldaltoota TPLF harka akka jiru ragaatu jira. Maqaa investmentin samichii lammi keenyaa irraatti godhama jiru amoo jibisisa ta’ee jira. Waan nama dhibu amoo Oromiyaa keesssati waari lafa Oromoo wagoota 15n ol maqaa investmentin lammii buqisan fudhatan irratti waan tokko ilee hin hojeetin jirachuu isaan fi isaa hojeetanf bu’aa argatan irra ashuuraa kafaluu dhisu isaanti. bakka investment gudda qabanti mana barumsa, mana bufaataa fayyaa, karaa, bishan qulquluu ummataaf dhiyeesuu waadaa galan tokko ilee hin rawwane. Filannoo darbee irraatti Oromoo TPLF jalaa hirrirsuf kunnoo Finfinneetti Galmaa gidu gallessa Oromoo tolan isin ijaraa jeechuun ummataa Oromoo gowomsa turee, Galamaa gidu galessa Oromoo kana waggaa bayee booda umman Oromo mallaqaa walitti qabee ijaraachuu egalee. GPO salphina gudaa mootummaa fi namni dhunfaa ilee Oromoo irratti rawwatu kana balalefachaa ture balalefachas jira. Karoora Adunyaa “Milinyinm Goal” bara 2015ti midhan nyatan of danda’uu, Ganda tokko keessa mana barumsa sadarka 1ffaa fi Kellaa Fayyaa, Bishan dhugati, ibsaa, kara wal gesisuu, Ummata 25,000 bayatuf Buffata fayyaa tokkof mana barumsa sadarka lamaffaa barnoota gosaa hunda qabu, Ummata 75,000 Hospitalaa ammayyaa walin ga’uu kkf Ityoophian waaddaa seentee keessa waan hojeetamee hin jiru. Gaafin GPO Oromiyya keessa Gandoole jiran 6200 keessa kan mana barumsa argatan meeqaa? Annoolee 200 jiran keeesa Hospitalaa Kan qaban meeqa? Bishan dhuggati kan argatee Ummata meeqaa? Godinaalee Oromiyya 17 keessa Ibsaa ga’aa kan argatee meeqa? Aannaleen meeqatu argatee? Deebi hin qabu.

Wagoota 6 waltti ansinee gudina galmeesine jeechun Malas Zenawi Adunyaa kana irraa Chaina olitti %11 fi 12 gudina dinagdee argsifne jeedhee paarlaamaa keessati nu sobu isaan caalaa Aduunyaa ilee soba turan. Haqqi jiruu garu ummatin Ityoophiya Miliyoon 14 beelaan gagaa’ama jira kana keessa miliyoon 10 kan ta’uu Oromiyaa keessaa jedhamee tilmamama. Dhaabbilee Aduunyaa fi Ambasaderoon bayeen Oromiyaa keessaa beelaa jiru deemani qaman qoorachuuf gaafi dhiyeessan Malas Zenawi hayyama dhorkatee jira. Beellii Oromiyaa Godina 17 hundaa keessaati dhalatee qamnii Aduunyaa akka hin argnee godhe. VOA Afaan Oromoo qoofatuu gaabasaa nannoo Shashamanee, Borranaa irraati dhiyeese malee kan hafe akka dhokatuu godhame. Rakko Oromoo kana dura kan gaabaasaa turee VOA Afaan Oromoo qoofa ture kun akka itti hin fufneef Lammi Oromoo Afaan Oromoo VOAf akka hin gabbafnee waayyannen dhorktee jirti. Gazeexesitoon VOA fi kan Birroo Gazeexesitoon Oromoo Ciciimoon hojii irra aria’aman jiru. Kan biyyaa baqatee jira. Oromoon du’ee ilee iyaata dhabee jira.

Bara 2008 kan addaa isaa godhuu keessaa tokko Oromoo Asoosati hanga Baabileeti, Walloo Kamseeti hanga Moyaaleeti Oromoo waan ta’eef ajeefamuu, reebamuu, hidhamuu, hojii irra aria’amuu, yaakkaa wayyannee haga amati rawaata turtee keessa isaa hama ta’ee galmayee jira. Walloo Sanbateeti dhigii Oromootaa 13 dhangala’ee gaafi dhiyeesneef deebin tokko ilee dhabamee, namoota Maikaalawti hidhaman Darbataman Oromuma isaan qoofan Qalititi darbatamun isaan mallatoo fixinsaa sanyii nama TPLF Oromoo irraati rawwataa jiru ta’ee akka galama’uu Aduunyaati himachuu irra of hin qusanee. GPO kan iyyacha ture filaanno bara 2005 wal qabatee Oromiyaa keessaa lubuun 400 ol akka ajeefame fi isaan keessaa Miseensi Paarlaamaa Arsii Nagaale ilee keessaa akka jiru fi ajeechan Oromoo irraati rawwatamuu ilee galama’uu dhisun yaaka ta’uu isaa Aduunyaati himatee jira. Oromoo 40,000 ta’aan Hidhati akka gadi dhifamanfi Murtee du’aa Oromoota 12 irraati darbee murtee siyaassa waan ta’ee akka irra ka’ee bilisa ba’aan GPO Paarlamaa biyyati keessati qamoolee adunya hundat fi mana murti adunyati gaafin dhiyeessa turee deebin Malas Zenawi murtee mani seera murteese keessa galee murtee siyyasa hin lalanu jeecha ture ilee gaafa dhimma isaaf barbadeeti garu Oromoota 45 gadi dhisuu isaa labsee jira. Kun Gamachuu Oromoo ta’uu ilee Oromoo bayeen ammo gaafasuma hidhaman jiru. Kanaafuu hidhamtoon Oromoo kan mana hidha jiran hundi akka gadii dhifaman yoo godhamee malee rakko hidhamtoota Oromoo hikamuu hin danda’uu. Murtin hidha biyya keessati murteefama turee hund murtee Seeraa utuu hin tanee murti Siyyassati. Dhaabbilee fi nami dhunfaa mootumman jibuu hund irraati murti siyyassatu irraati murta’aa. Haqqn jiru garuu dhabbilee fi namoon dhunfaa wayyaneen jibaman fi balaleefataman kan ummataan jalataman fi haqaaaf waarra falmacha jiran ta’uu umman biyyati wal ta’ee mirkanesee jira. Ammas tanan Oromoon hidhama jira murasa kan Finfinnee keessaa Gazzeexeestoon beekan fi gaabaasan Caalaa Harargee, Walloo, Wallagaa, Lixaa Shaawaa fi guutumaa gollaa Oromiyaa hundati namota dararama fi hidhama jiranf horrdofan iyyachuufn murtesadha. Dhaabbileen ala jiran gochaa wayyannee TPLF Oromoo irraati rawwatuu wal tumsan irraati hojechuu dhiseen ABO irraati Ololuu hojii godhachun rakko gudda ta’aa jira. Warri Oromoo wal dura dhabbuf diina dhisan ABO irraati boba’aan kun utuu hin beekin ergaa diinaa rawwacha akka jiran hubatan gochaa akkasi irraa of qusachuu qabu.

Bara 2008 gochaa sukaneessa Oromoo irraati rawwatamee keessa Milishoota Gumuz hidhachiisan Oromoo irraati dulchisun lubu 400 ol baleesan, nama 15, 000 qe’ee isaa irraa buqisan, kumatama madoo gochuu isaa irraa iyuu gochaan sukaneessa dubartootaa Oromoo fi daiman irraati yaakka raawatameef yomilee dhifama kan hin godhamnefdha. Waraa kana qindeesee fi rakko kana utuu dhaga’uu lammi isaa irraati calliseef ni gaafatamu. Gochaa kana fakatuu Harargee Ciiroo, Borrana Fantalee, Gujii Wandoo Ganat, Balle kkf keessaati Oromoo akka Bosonuuti shirra wayyanneen xaxeen ajeefamee kan hafe reefi isaa ilee gubame. Biyyaa alaati Oromoo Basasoo (Somalia) keessaati akka Sarree dhigni isaa dhangala’ee, reefi isaa funanamee diina harka galee, kan qabame TPLF ti kenname. Oromoo yeroo dararamaa jiru kana keessa dhaaba Oromoo ABO keessaati jeequmsi ummamuun immoo hamilee Oromoo guddaa miidhe jira. balaa guddaas dhaqabsise. ummata guddaa kana caalaa of guddaa godhanii ilaalun bu’aan isaa badiinsa. Dantaa ofii caalaa kan ummata dursuun cimmina dha.

Waayyaanen ykn TPLF Qabeenya Oromoo samtee fixee xiqqeestee, Bosona Oromiyyaa Dhidheessati hanga Babbilleeti jiru murte, Albuuda hunda, midhaan, Tigraayti guurtee fixee. Lafa Oromoo maqaa investmentiin ijoolee Tigraayit hirtee fixee. lakkoofsa Oromoo fi Bal’ina Oromiyyaa ilaaluun Waayyanee obsaa dhoorke. Kanaaf Giddugaleesi lakkoofsa uumattaa fi manaa Aduunyaan lakkoofsa Ummataa Ityoophiyya 85,200, 000 ta’uu hagabaasu malee TPLF bayina ummataa biyyatii 75, 000,000 tilmaamamee dhiyeesun isaa nama gaddisisa. Kesumattuu Umman Oromoo baroota darban 30 keessaati guddina utuu hin argsisin 25,000,000 qoofa ta’ee hafuun isaa ajaa’iba. Lammii Biyyatii Miliyoona 85 keessaa Oromoon Miliyoona 42 tilmamama. Haarraf abbaa dhabee mirgi isaa haqamee kan Finfinnee fi Walloo jiru Amaharati lakkaawamun isaa, kan gara Gumuziiti kutamee Gumuziiti lakkaawameen kan Somalee fi Umatoota Kibaa dukaa tilmamame jira. Kun hundi darbee Guyyaa gaafa Oromoo Golla jiru ba’ee ani Oromoodha jeedhee haqqan lakawamuun ni dhuffa haarraf garu rakkon kun jirachuu isaa hubaachifnee seenaa galmeesunee darbun dirqama. Waan haarra hin iyaatin borri falmachun waan hindanda’amneef.

Waan bara 2008 nu mudatee kana hubanee rakko fi dhimmaa dhunfaa ofi irraa dhimmaa ummata Oromoo Milyoona 40 dursaa keenufn hojiiti boba’uun murteesdha. dhamsi keenyaa gababan:- waan hunda duraa Tokkuman Oromoo tikfamuu qaba, Bilisummaa Oromoof hojeechu, kan lolu rukutee diinaa laaleesu, Diyasporan qabeenya qabu qabsoof gumachuu, Oromoo qulqulu kan ta’ee dhaabbilee Oromoo irraati ololuu irraa of qusachuun diina keenya guddaa TPLF qoofa irraati hojeechuu. Qabsoo irraati waan dandeenye keessaa waan tokko irraati hirmachuu, Haawwaasi Oromoo wal ijaree qabsoo deema jiruu tumsuu, beektoon Oromoo Oromiyyaa atami akka arguu fedhan ammuma qoopheessan walaalaa Oromoo barsisuu. dhaabbilee Oromoo Ogannoota fi Miseensoota isaan hojii wal hirun jaaluuma isaan cimsachuun hadhaa diina of keessaa qulquleessan wal amaantaan qabsootii deemuun dirqamaa. Qunaamtin Oganntoota Siyyaasaa fi ummataa keenyaa giddu jiruu cimmun fi jabachuun murteesadha, garu haala jiru hubachuun iciitin diinaa bira akka hin geenyee hund iyuu of egannoo gochuu qaba.

Bara Bilisummaa akka nu ta’uu hawinaa.

Bilisummaan Ummataa Oromootiif

Gummi Paarlamaa Oromoo

Mudde 30/2008

TPLF Regime to suspend power export to neighbors

Ethiopia Will Suspend Power Exports to Neighbors, Reporter Says

By Jason McLure

Dec. 29 (Bloomberg) -- Ethiopia will suspend electricity exports to neighboring Sudan and Djibouti while it deals with a local shortage because of delays in completing new power projects, the Reporter said.

Ethiopia’s state-run electricity utility, which produces between 700 and 800 megawatts of electricity, faces a 100- megawatt shortfall due to growing demand and delays in the construction of new hydropower dams, the Addis Ababa-based newspaper said, citing Energy Minister Alemayehu Tegenu.

Construction of the Tekeze dam in northern Ethiopia, on a tributary of the Blue Nile River, has been delayed because the ground on which it was being built wasn’t strong enough, the report said. A second hydropower facility in southern Ethiopia has been delayed for over a year because a boring machine digging a 26-kilometer (16-mile) tunnel has been stuck underground, it said.

Ethiopia signed memorandums of understanding with Sudan and Djibouti to export power and is completing a feasibility study to send power to Kenya. The country plans to build as many as nine new dams over the next 10 years.

To contact the reporter on this story: Jason McLure in Addis Ababa via Johannesburg at pmrichardson@bloomberg.net.

December 28, 2008

Key Somali official (president) says president to quit Monday

By MOHAMED OLAD HASSAN – 36 minutes ago

MOGADISHU, Somalia (AP) — Somalia's president will resign Monday to try to end government infighting before the country's Ethiopian allies leave, a senior ally said Sunday in the latest in a series of conflicting statements on the leader's future.

President Abdullahi Yusuf will address a special session of the country's parliament to announce his retirement from politics, said Abdirashid Sed, a confidant of Yusuf and the most senior figure to comment so far on the president's plans.

"He decided to step down because he does not want to be seen as an obstacle to peace in Somalia," Sed told The Associated Press. "He wants to give a chance to the younger generation."

The announcement came as 19 people died in clashes in the Horn of Africa nation that has been ravaged by 18 years of civil war.

Map:Wordpress

The president's position has been in doubt since parliament last week blocked his attempt to fire Prime Minister Nur Hassan Hussein.

The political infighting has crippled the Somali government, which came to power two years ago after Ethiopian troops attacked an Islamic administration that had ruled much of the south and the capital for six months.

Islamist insurgents have hit back and now hold most of southern and central Somalia. Yusuf's administration only controls a few pockets of territory in the capital and one other town.

The Ethiopian allies are due to pull out within days and the government will be forced to rely on their own unpaid and ill-disciplined fighters to tackle the insurgency.

Hussein, a former humanitarian worker with broad international support, has welcomed talks with factions fighting in the civil war. He backed a peace deal signed with Islamic moderates that was criticized by Yusuf, a former warlord from one of Somalia's biggest clans.

Some analysts hope Yusuf's expected resignation and the departure of the Ethiopians — largely Christians in a Muslim country — may persuade the strongest and most hardline Islamic militia, al-Shabab, to enter peace talks.

But some analysts say al-Shabab's territorial gains have put it in a strong position and would have little incentive to talk with the government.

Al-Shabab fought with a moderate local Islamist group Sunday in the central Somali town of Dusamareeb, about 300 miles (480 kilometers) north of Mogadishu, leaving 10 dead, said witness Mohamud Jama Aden. The local militia accuses al-Shabab of harassing its members and destroying temples and tombs of respected clerics.

A separate clash between rival militias left five dead Sunday in the central town of Galinsoor, said clan elder Guhad Yusuf Aw-nure. Meanwhile, Ethiopian troops in southern Mogadishu shot dead four civilians following a bomb blast near one of their bases, according to resident Abdi Haji Isaq.

In Merka, a southern port city under al-Shabab control, armed men raided the office of the U.N. World Food Program and an Italian aid agency and took cash and equipment, an employee said. He asked that his name not be used for fear of reprisals. Nairobi-based WFP spokesman Peter Smerdon said they were investigating the reports.

Any political solution would also depend on the powerful clan warlords and the businessmen who have profited from the chaos in Somalia, with its government riven with corruption and squabbling.

Impoverished Somalia has not had a functioning government since warlords overthrew its socialist dictator in 1991.

Associated Press Writers Salad Duhul in Mogadishu, Somalia, and Malkhadir M. Muhumed in Nairobi, Kenya contributed to this report.

December 23, 2008

Merry Christmas!

May
Peace
Hope
and
Love
be with you
Today
Tomorrow
and
Always!

Merry Christmas
Wishes you

OromiaTimes