Barattoota Oromoo barsiisota yuniversity jimmaa dramaa kijibaa midiyaan wayyaanee hojjettu saaxilan
Sadaasa 24, 2005 (Jimmaa) - Fincilli diddaa Gabrummaa Oromiyaa keessatti qabate Torban lamaan darbe keessaa gageeffamaa jirachuun isaa ni yaadatama. Namni maqaan isaa hin beekamne, qaama Kolleejjii ta’uu kan malu Raadiyoo Faanaatiif maqaa barattoota kolleejjichaatiin fincilli Oromiyaa keessatti qabate kana balaleffachuun kan barreessee lukkee wayaanee akka ta´e bira geenyee jirra. kunis kan raawwatame qaama maanaajmentii kolleejjichaan qindeessee fi fakkeessee barreessuun qilleensa irratti akka tamsa’u taasissera. Nuti barattoonni Oromoo kollejjii barsiistota jimmaa Fincilla CUDn gaggeesse deeggaraa hin jirru. Nuti diddaa gabrummaa Ummanni Oromoo gaggeessaa turee fi hardhas itti jiru irraatti hundoofnee fi waamicha dhaabni keenyi ABO uummata Oromoof dabarse hubachuun qabsoo keenya itti fufaa jirra, fuuldurattis itti fufna! barreeffamni maqaa barattoota kolleejjii barsiistotaa Jimman jedhee raadiyoo gita bittuu wayyaaneef barreeffamee qilleensarra oole kan balaalleffanuu fi fincilla diddaa garbuummaa barattoota Yuunversiitii, Manneen barnootaa adda adda fi uummata keenyaan finiinaa jiru kun akka itti fufu waamicha dabarsaa nutis durummaan diddaa gaggeessuuf waadaa galaa fiixxaan ba’isa qabsoo kanaaf uummaanni bakka jiruu hundatti akka qabsaa’u waamicha dabarsina.
Injifannoon Ummata Oromoof!
Oromiyaan qabsoo ilmaansheetiin ni Bilisoomti!
Barattoota Oromoo Kolleejjiii barsiisotaa Jimmaa.
Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved
Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
No comments:
Post a Comment