GUMII BILISUMMAA OROMIYAA(Oromiyaa Liberation Council)
BOKKUU ARAARAA:Walga'ii Waldaa Qoramaata Oromoo (OSA) Magaalaa Washington DCHoward University ti Hagayya (July) 29,2002, qophaawaame irratti kan dhiyaate
AUGUST 5, 2003
Presented by: Lubee Birru
Akkaataa Oromoon Tuulamaa akka seera Gadaa tti rakkina dhaloota Oromoo jiddutti dhalatuuf furmaata kennu gababatti ibsuuf.
Namoonni lamaas ta'an, gurmuuniis ta'an, gosaafii gosaaniis, lagaafii lagaaniis, waldhabbiin unuma jira. Kuni Oromoo qofa otoo hinta'in uumama Waaqqayyoon uumee addunyaarra facaase hunda irratti muldhata. Waldhabbiin namaa arrabaan yokaan barreechudhaan walitti dabruu irraa kaasee hamma lubbuu wal galaafachuutti deema. Kuniis bifa adda addaatiin muldhata. Kanaafu, namni erga uumamee calqabee hamma ammaatti meeshaa ittiin wal-lolu, bifa bifaan qopheeffataa jira.
Oromooniis hamma humna isaaniitti meeshaa (miya) lolaa tolfachu irraa adabatanii hinbeekan. Darbannaa dhakaa irraa kaasee, furrisa, futtaasaafii xiyya, shimalaafii eeboo, mancaafii billaawa, waantaa, (gaachena) gaaleefii kanneen kana fakkaatan tolfatanii, ittiin waliifii alagaaniis lolaa turan. Erga warri Europpaa meeshaa lolaa addunyaarra facaasan boodaas, Oromoon dandeettii qabaniifii haala aanjaween qawweefii bombii bifa adda addaa horuun diina, alagaafii waliiniis lolaa jiran.
Eegaa, rakkina dhalatu yo yeroon dafanii qabbaneechuu baatan, boodarra arraba afaanii bira dabree hamma dhiiga walii dhangalaasutti deema jechuudha. Takka dhiigni dhangalaanaan nagaa fiduun yo danda'amellee yeroo, beekumsaafii qarooma gaafata.
Dhugumaan ho ilaalle, Oromoota jiddutti arrabaan wal-xureechuun, oduu dharaatiin wal-ajeechuun, harkaan walitti fiiguun, shimalaan wal-madeechuun, alagaatti wal gurguruun, gita alagaa filatanii lammii ofii dabarsanii kennuun, tokkummaa Oromoo addaan diiguun, dhiiga lammii dhangalaasuun, walumaagalatti, badiileen akkasii kuni duriis waan ture, ammaas unuma jira.
Oromoonni biyyoota alagaa keecha jiraatanifii, kan Oromiyaa jiran, akkuma hawaasa uumama (people) biraatti namoota yaada hokaan amala adda addaa qaban qabna. Kana jechuun, hawaasa keenya keessa, warra dhugaa dubbataniifii,worra soba akka midhaanii alalfatan ; kan tokkummaa Oromoo dhugoomsuuf halkanii guyyaa dhama'aniifii, tokkummaa Oromoof diina ta'an; kan hundumaa caala Oromiyaa dursiifataniifii, warra Oromiyaa caalaa ganda itti dhalatan hokaan kutaa koloneeffataan moggaaseef faarfatantu argina. Dabalees, dhaloota (nation) keenya keecha, kan bilisummaa Oromiyaatiif of wareeganiifii, kan tokkummaa Xoophiyaatiif jecha lubbuu isaanii dhaban; kan bilissummaa malee jedhaniifii, warra karaa fedheen Xoophiyaa “demokratomte” keechatti angoof hixatan; kan qabeenyaaf firoota isaanii gatanii Oromiiyaa irraa baqataniifii, kanneen garaa isaanii guuttachuuf jecha diinaaf jilbiiffatanii ilmaan Abashaa jala fiigantu argama. Walumaagalatti, akkuma qabsaawoonni baayyeen qabeenya, beekkumsaafii yeroo isaanii bilissummaa Oromiyaatiifii tokkummaa Oromoof gumaachaa jiranitti, Oromoonni dhaloota gantu uftaasisanii,qawwee Abashaa baatanii, beekumsa, humnaafi yeroo isaanii diinaf gumeechanii, meeshaa Abashaaf tahuun ufii badanii, badii dhaloota Oromoo irratti hojjachaa jiran baayyeedha.
Kara biraatiin, rakkinni woldaa (dhaaba) Oromoo keechatti dhalatu yeroon furmaata dhugaa waan hin arganneef waldaan hokaan dhaabooliin Oromoo akka qurxummii Haroo Dambal baayyataa jiru. Akka amma agarrutti immoo, kutaan wal ijaarun, amantiin wal qooduun, gandummaan walii tumsuun, furmaata itti fakkaatee kanneen wixirfatan bayyetaa jiru. Amala akkanaatu yeroo bilissummaa keenyaa dheerechaa jira. Kuniis anaatu karaa dhugaarra deema jedha. Suniis anaatu dhugaa qaba jedha. Dhugaan dubbatamu garuu manguddoo Seera Gadaatiin laalamee hinbeeku. Kuni hundumtuu dogoggora. Kuniis karaa ittiin araarri dhufu, seeraafi heera abboolii keenyaa wallaalu, dagachuu, hokaan tuffachuu irraa kan maddu.
Yaa ilmaan Oromoo! Abbooliifii haawwan keenya rakkina akkanaa akkamitti furmaata arguufii turan? karaa kanaan qarooma akkamii nuuf dabarsanii dabran? jennee wal gaafachuun akkuma. Sababaa gabrummaa Abashaa jala jirruuf, alagoonni nun fira fakkaatanii Gadaa keenya nu harkkatti tuffatanii, akka Oromumma keenyatii qanoofnee kan isaanii fudhanu nu gorsaa turaan irraan kan ka'e, aadaan keenya qaqallachuun beekaamadha. Biyya Oromiyaa guutummaatti hojjaa irra hin oolin malee, rakkina dhalatuuf furmaata akkaa ta'uuf Luboonnii Oromiyaa hundumtuu akka naanno-ofii isaaniif tolutti Caffee isaaniitti tumatanii lafaa qabu.
Haata'u malee, uumama Oromoo keecha warri barmoota guddaa qabna ufiin jennu, waayee Gadaa abboolii keenyaa kan Caffee bara saddeet saddeetiin muramuu hammam beekna jennee wal gaafachuuniis barbaachisaadha. Jarana! kan beeknu wal barsiifnee, kan hin beekne manguddoo keenya gaafannee barannee wal barsiisuun rakkina waliin qabnu furuuf qoricha. Akkaan ani hubadhetti rakkina dhalateef furmaata nagaa fiduuf Caffeen Oromiyaa hundumtuu murtee Caffee Odaa Nabee irraa fageenya hinqaban. Ho xinnaate dhibba keechaa harka sagaltama wal-fakkaatu.
Caffeen Odaa Nabee handhura Oromiyaa keechatti argama. Akka seerri Odaa Nabee tumetti rakina hamma ammaa hasoofne kana furuuf Bokkuun hojjaa guddaa qabaa.
Bokkuun Maali?Duraan dursinee Bokkuun maal akka ta'e ibsuu baannaan akkuma barreesitoota tanaan duraa hurrii ijatti walmru hookan wal naqu ta'a. Bareesiitoonni baayyeen, jechuun ko kan alaga ta'anis, akkasuma Oromoonniis, mukicha Bokkuu jedhamee waamamu otoo hin ibsin, Abbaa Bokkuu Caffeetiin oto addaan hin basin; Bokkuuf Abbaa Bokkuu waliin waqaaranii ibsuu yaalu. Manguddoo lama kanaan ani haasofsiiseefii Alaqaa Atsmee kan bara 1900 barreeche malee, barreesitoonni kuun kan waayee Gadaa hokaan waayee Oromoo barreechan hundumtuu, Bokkuu Caffee Gadaatiif hiikkaa quufsaa kenuu isaanii an hin argine. Innumtuu taanaan, hiikkaan isaanii Abbaa Bokkuu ibsa malee Bokkuun waan ta'e, hojaan isaa maali? Ilmaan Oromoo akkamitti isa laalu? Gaaffii jedhuuf ibsa guutu hin kennine.
Barruulee diigdama caalan kanneeniin qoradhe keechaa, kan nama afurii caalchifadhe hikkaa isaanii akka kanaa gaditti ibsuun barbaada. Dr. Nagaasoo Gidaadaa, “Bokku was made from an evergreen tree (usually Waddessa tree)”. Bokkuun muka Waddeessaa kan yaroo mara lalisaa taherraa tolfama jedha. History of the Sayyo Oromoo or South Western Ethiopia, 218. Obbo Anga'a Dhugumaa Bokkuuf hikkaa lama kenneef. Hiikkaan tokko, “…it is the assembly place for the decentralized constituency of the local parlimentarians composed of several Abba Gadaas”. Iddoo waltti qabama Lubootaafii Abbootii Gadaa naannoolee adda addaati jedha. [Asiratti hamman qubaa qabutii, hamman mangoddo Boorana, Tuulamaafii, Macca irraa dhagayeeti, Bokkuun hiikkaa akkasii hinqabu. Kanaaf fuulduratii (saranatti)qoranno ciima gochuun nu-erra egama] Hiikkaan lammataa, “This symbol “Bokku” is made out of Olive tree. Its use is mostely symbolic, and it is carried by the defense minister “Abaa Duula” at war front. It is also widely used by the administrator Abbaa Bokku as a symbol of power ,(Anga'a Dhugumaa 2000:8”). Jechun, Bokkun mallatoo muka Ijarsa irraa tolfame kan Abbaan Duulaa qabatee duulu, akkasumatti ammallee, mallattoo aangoo Abbaa Bokkuu kan mirga ittiin biyya bulchu agrsiisu jedha. Kana irratii rakko hinqabu, bakka hndumatuu akkum kanatii hiikama.. Qabbannee Waaqoo immoo, “Bokku the wooden Scepter symbolizing authority and law”. Bokkuun muka mallattoo mirgaafii seera ittiin biyya bulchuuti, jetti. The partition of theOromo women in the Gada System. Their slavery under Abyssinian Colonialism and Their active Role in the present struggle for National Independence. P,6. Alaqa Astmeen akkana jedha. “Bokkuu maalet qibee yexeggebe ye weyiraa Dullaa naw. Hayyuu barssuu teshuumoo yi merreqibetaal, Inde betira-mengist maalet naw”. Bokkuu jechuun ulee Ijarsaa kan dhedhaa quufe. Hayyuun isaan motummatti filamee, eebbifama, waan akka ulee-mootummaati jechuudha..Ye Gaalla taariik page 11.
Namootaan ani gaafadhe keechaa lama akkanatti ibsu. Obbo Gurmuu Badhaadhaa (lubbuu isaa Waaqayyo bakka gaarii haa kaa'u) nama ogga 77, kan Laga Hawaas qarqara, kiilo-meetira 50 Shaggar irraa fagaatee, lafa Caffee-Baldhoo jedhamtu tti dalatee guddatee, jiraatu ture. Bara 1971 waayee Gadaa irra qoradheen irraa waraabbadhee, Bokkuun maali jedhee gaafadheen ture, “Bokkuun muka Ijersarraa Ogeechi tolchu. Ogeechi tolcheeti Caffeetti eebifama, Bokkuun bakka saditti hirama,Tokko kan Hayyuuti, kan lammataa kan Qaalluuti, kan sadaffa kan Angafa gosaati. Sadeeniifuu akka seera Caffeetti kennama”. jedhe. Obbo Baayyisaa Guutamaa ji'a Waxabajjii (June) bara 2002 waayee Bokkuu irraa qordhe. Obbo Baayyisaan magaalaa Washington keecha jiraata. Gaaffii Bokkuun maali jedhu akkanatti deebise. “Bokkuu muka Ijarsaa irraa ogeechi tolcha. Bokkuun bakka sadiyitti hirama. Tokkoo Bokkuu Caffee Gadaati. Bara saddeet saddeetitti Hayyuu moofaa irraa Hayyuu haaraatti dabra. Bokkuun lammataa kan warra Qaalluuti. Bokkuun kuni mana Qaalluu Ayyaana baatutti argama. Abbaa irraa ilmotti hokaan nama Ayyaanni sun irra qubatetti dabra. Bokkuun sadaffaa Bokkuu warra Angafa Gosaati. Mana angafa gosaatti argama”. Qormaataan kanaa olitti agarsiise irratti hundeeffadhee kanaan ijaan arge itti dabalee Bokkuu akka kanaa gadiittan ibsa. Bokkuun ulee muka Ijarsarraa ogeechi ogummaan tolchu, kan dheerinni isaa meetira tokko hin caalle, kan mataa irratti dubumbulaati. Bokkuun ulee furdaa irra furdata, dullaa irra qaldhata. Jinfuun hokan dubumbulaan mataarraa xiqoo gar tokkotti micciiramaadha. Kanaaf Bokkuu jedhame. Yeroo baayyee bullukkoo Abbaa Bokkuu jala waan ooluuf dhadha quufee cululuqa. Bokkuun ulee ulfinaati. Itti hin waaqeffatamu. Garuu jaalatamaadha. Bokkuun hundumtuu wal fakkaatu. Akka Obbo Gurmuu Badhaadhaafi Baayyisaa Guutamaa ibsanitti Caffeen Odaa Nabee akkasumaas Caffeen Malkaa Baldhoo Bokkuu bakka Sadiyitti hiran. Bokkuun iddoo sadanittuu hojjaa adda addaa qaba. Gabaabatti yoon ibsee:
Bokkuu Caffee Gadaa :Bokkuun muka ijarssa irra tolfamee Caffee Gadaa tii Hayyuu Yuboome irra Hayyuu haraa Luboota haara keecha seeraan filamtti dabruudha. Bokkun kunis Hayyuun akka ittiin oggaa saddeetiif biyya bulchu Serrii (heerri) Gadaa kan kennuufidha . Akkasums bara saddeet booddee Hayyuu, hokaan Abbaa Bokkuu dullacha irraa isa haarawatti dabra. Kanaaf Hayyuun Bokkuu malee waan hin Hayyomneef ogaa sadeetif Abba Bokku jedhamee wamama. Bara saddeet booda Hayyu dullacha hokan Abba Bokku dullacha jedhamee waamama. Bokkun garu dullachuumma hinqabuu, yeroo isaa aegateet Hayyuu dullachaa irr Hayyuu haraatti dabraa jechuudha.
Bokkuun Caffee Gadaa abbaa iraa ilmattii hindabru, hin dhaalamu. Kan lammi hokaan kan Gosaatii miti. Kan warra Qaalluutiis miti. Kan Caffee Gadaatii. Kan Oromoo hundumaati. Abbaan Bokkuu hojjaa seerri Gadaa itti kenne bara saddeetiif hojjachuuf Bokkuu kana qabata. Harka isaatii hindhabamu. Aangoo Abbaa Bokkummaa qabaachuu isaa kan ittiin mirkaneeyfatu yo Bokkuu harkaa qabaate qofa. Isa harkatti qabatu malee biyya bulchuu hindanda'u.
Bokkuu Qaalluu:Bokkuun Qaalluu galma Qaalluutti argama. Qaalluun mirg Bokkuu qabaachu seera Gadaatu kenneef. Bokkuun kun bifaan Bokkuu Caffee fakkaata. Hayyuun Qaalluun bokkuu qabu dirriba galutti (du'utti) Bokkuun isa harka tura. Ho Qaalluun sun dirriba galee, nama ayyaanni irra qubattetu Bokkuu Qaalluu sana dhaala. Bokkuun Qaalluu, dalla'a warra Qaalluutii hin fagaatu. Achumaa sanyii warra saniit dabra. Dhaloota Oromoo biratti, Bokkuun Qaalluu ulfinaafii kabajaa guddaadha qaba.
Bokkuu Gosaa (Araaraa):Bokkuun Gosaa: Bokkuu angafoota Oromootiif seera Caffee Odaa Nabeetti tumamee kennameefidha. Fakeenyaaf, ilmaan Booranaa, ilmaan Bareentumaa, ilmaan Tuulamaa, ilmaan Maccaafii ilmaan Walloo Bokkuu gosaa qabu. Ammatti Bokkuun kun akka seera Gadaa Oromootti Gosoota Oromoo mara jiddutti hojjachaa jiraachuu isaa mirkaneeffachuuf qormaata barbaachisa. Haata'u malee, kanan beeku himuuf, Tuulama keechatti ar'allee taanaan akkuma gaaritti itti hojjatamaa jira. Hojjaan Bokkuu gosaa kuni maali inni yo jenne? Deebisaan, araara fiduudha. Kanaaf Bokkuu Araaraa jdhamee waamama.
Lolli ilmaan Oromoo jiddutti ho dhalate, lola kana qabaneechuuf Bokkuu Gosaatu mana angafaatii baha. Fakeenyaaf, lolli Bachoofii Sooddo jiddutti ho dhalate, araara fiduuf Bokkuu Sooddoo yokaan Bachootu mana angafaatii baha. Ammoo, gosinii Galaan lolaa kana hijiruu garuu lola kana dhagayee Bokkuu Gosaa manaa Galaanii baafnaan, Bokkuun duraan baye manatti deebi'ee kan Galaan waltajjii ta'ee araraa fida. Garuu Bokkuun waltajii bahu baannaan kan Sooddoo, ta'u hokan kan Bachoos ta'u kanuma dura baheen araaramu.
Gosa gurguddaa qofa otoo hin taane xixiqqaa walakkaattiis wal diddaan hoo dhalatee, waldhabbiin ho jabaate, Bokkuutu mana angafaatii ba'a. Oromoota dhiiga walii facaasuuf walitti gaman, abbaan Bokkuu Gosaa, Bokkuufii marga jiidhaa harka mirgaatti, faajjii Gadaa kan kuula diimaafii adii harka bitaatti qabatee Waaq bishaan roobi, Waaq qabbaneechi jechaa sodaa malee jarreen wal-lolaa jiranitti qajeela. Bokkuu, faajjiifii marga jiidhaa irreecha harkaatti arginaan lolli ogguma (yosuma) sana dhaabbata.
Abbaan Bokkuu Gosaa, erga lola qabbaneesse booda araara buusuuf, jarreen wal-lolan, manguddoota waayee lolli kun itti ka'ee beekan gosa gosa isaanii keechaa nama shan shan filatanii, abbaan Bokkuu Gosaa waltajjii ta'eefii, inniis namoota dubbii harka keechaa hinqabne gosa sadaffaa irraa nama shan waammatee, Shanan-Gadaa keechaahiis Luba shananuu dabalatee jarssuumaa calqabsiisa.. Dubiin ho hammaattee, aariin qabbanaawu baate:
hadaraa bokkuu bayee, faajjii baatee:
irreessa baye irra hin tarkaanfatinaa ,
Seera Gadaa hin cabsinaa
Mana keechanitti nagaan galaa
Bulaa, bubbulaa
Aarii keechan qabbaneeffidhaa
Deebineeti dubbii tana laallaa
Dubbiin ammaaf yaa bultu:
jedheeti gosnii lamaanu nagayaan karaa mana isaaniitti akka galan taasisa. Erga jarreen wal-lolan aara qabbaneeffachuu isaanii qoratee mirkaneeffate booda deebisee qunnama. Iddo itti wal-gayan Odaa, malkaa, yokaan qa'ee angafaas ta'u, bakka hundumaafuu tahutti, yeroo hundumaaf tolutti deebi'anii jaarsumma taa'u. Sana booda, odoo tokkoofillee hin qoodin, handhura rakkoo argatanii kan balleeche sarbanii, kan miidhame garaa qulqulluun araarma jedhanii, rakkoo dhalatte akka Seera Gadaatti hiikuun araara dhumaati araarssu.
Lola walakkaatti wal ajjeechaalleen ho mudate akkaataa ajjeechaan itti ta'e laalamee, seerri kan ajjeese kan biyyaa isa baasisu tahee argamnaan, isa sana biyyaa baasanii gosti isaa gumaa akka baaftu itii muru(sarbu). Dubbiin Bokkuu, Faajiifii irreechi bayee, Luboonni Shanan iraatti argamanii bakka Abbaan Bokkuu Gosaa wal-tajjii taa'etti murteeffamte dura namuu hin dhaabbatu. Akka Seera Gadaa Oromootti waan murtaawamteef murtee sirriidha. Kanaaf namni wal-lole murtee jaarsa araaraa gammachuudhan fudhata.
Akkuma araarri guddaafii xiqqaa qabutti, Bukkoon Araaraatiis lola hundumaafi hinbahu. Bokkuun kan bahu lola gosoota Oromoo jiddutti dhalate qofaafi. Oromoofii Abashaan yo wal-lolan hokaan Oromoofii Soomaaleen yo namallee walirraa ajjeesan Bokkuun hin bahu. Mootummaa Abashaa kan nama keenya, namuma keenyaan ajjeesisaa jiruufii Saba Oromoo jidduu araara fiduuf Bokuun hin bahu. Alagaan ho Oromotti mogaafame malee Bokkuu irraa mirgaafii ulfinaas hin qabu. Caffeen Oromoo, Seerri Gadaa, alagaaf homaa miti.
Gara biraatiin ammoo, alagaan wal-fuudhuun, alagaa harma hoosisuun yokaan moggaafachuun karaa itti araarri argamu. Alagaa harma hodhuun garuu, Caffee Tuulamaatti dhoowwaadha. Oromoon alaga harma hin hodhu. Alagatti hin moggaafamu. Alagatti kooluu hin galu. Alagaa irra dubra inuma fuudhu. Garuu, dubra Oromoo nama Oromoo hin ta'initti hin heerumsiisan. Kuni seeruma Caffee Gadaa Oromooti. Oromoon alagaa firoomfatee karaa ittiin nagaan olluummaadhaan hokaan waliin jiraatan Caffeen Odaa Nabee murteessee jira. Seera kanaaniis ajjeechaaf walitti fiigu irraa wal qusatanii walii-galteedhaan wal cinaa jiraachuun dandaameeti jira. Ollootiifii, alagoonnii naanno Oromiyaa qubatan baayyee tahanillee, hamma mootummaa Wayyaanee dhufee kantti, nagayumaan walcinaa jiraatu turani. Ammaallee taanaan, rakkoon Wayyaaneen Oromoofii uumana alagaa jiddutti uumte qaroomaan qabnaan furmaanni isaa rakkisaa miti. Barri baranaa 2002 kun bara Gadaa Roobaleeti. Oromoon Tuulamaa, gosnii hundumtu, akkasuma Oromoon baha biftuu Macca fi warii Karrayyu hundumtuu akkuma dur godhan baranaas Caffee ganda ganda isaanitti, goodaansa seera ergaa xumuuranii booda waltajjii Caffee Odaa Nabeetti wal-argaanii filmaata godhtanii, murtee adda addaa dabarssnii nagaan hoffalanii addan galuu isaanii dhageenye. Gaddan kan milkii nuf hataatuu.
Eegaa, nuti Oromoonni biyya alaaga jirru rakkina Oromo walakkatti dhalate hookann dhalatu akkamiin furuu wayya? Akkaataa warri keeyna Seera Gadaatti irkachuun rakkina jiru dhugumaan hubatanii, otoo xinnaa gadi hinqabne, guddaaf irra hindabrre, dhugaa jirtu hin jallifne, kan dhugaa qabuuf murteechanii, kan rakiina uumetti sarbaniiti . Nuus biyya alagaatti Sirnaa akkana kana hordofuu dandeenyaa jennee walgaafannee jirraa? Ani gama kiyyaan unuma danda'ama natti fakkaata. Bokkuun jiraachuu baatullee beekaan hidda warra Bokkuu Gosaa qabu hindhabamu. Rakkina hokaan wal dhabbii dhalatu hundumaaf Bokkuu harkaa qabaachuun barbaacisaa miti. Kanaaf, akka Seera Gadaatti, akka Caffeen murtetti, akka warri angafaa rakkina jiruuf furmaata kennan sanatti hojjachuun unuma danda'ama.
Erga qabsoon bilisummaa Oromoo heeraan karoorfamtee kaasee hamma ammaatti, qabsaawota Oromoo jiddutti, baruma baraan lolli hokaan waldiddan dhalachaatuma adeemaa jira. Rakkina dhalateef furmaata fiduuf yokaan araarsuuf namoonni tokko tokko carraaqaa akka turan quba qabna. Garuu, akkaan dhagayuufii argutti, rakkina qabsaawota bilissumma jiddutti dhalatan kana akka seera Gadaatti dhimma bahanii furmaat waan hinsoqiniif, manguddummaan tanaan dura itti dhama'ame hundumtuu furmaata dhugaa argamsiisee hinjiru.
Gariin dhugaa jallisa, itti himaniis dhagawoo hin barbaadu. Kuun wal-ajjeesudhaan frumaata fidu fedha. Tokko karaa kan koo qofaatu sirri jedha.. Kaan argaafii dhageettii isa biraa hinfedhu. Waan haallan akkanaa kanaan liqimfamneef rakkoon dhalattu furmaata argachuu hanqattee guyya guyyaan wal horaa deemti. Haalli kuniis yaroo bilissumaa keenyaa caalatti fageeysaa jira. Oromoonni rakkina isaan jidduu jirtu ammaan furuu baannaan gabrummaan yeroo dheeraf ittuma fufa. Egaa Oromoota, hamma dhaabonni Oromoo kanneen bilisummaaf warraaqaa jir araaramanii waliin in hojjannetti bilisummaan hawwiifi abjuudha hin dhuftu. Alagaa waliin hojjachuuf tattaafachuu yokaan diinaa waliin haasawuuf mala dhawuu dura rakkina of keeysaa fixuutu dursa. Otoo dhaabonni Oromoo warri Oromiyaa irratti ilaalcha bilisummaa wal fakkaatu qaban dhugumaan hin araaramin kophaa kophaatti bilisummaa Oromiyaa dhugoomsuun rakkisaadha. Kanaafuu Oromiyaa bilisoomsuufii dhaabooleen bilisummaa Oromoo harka walqabachuun murteessaadha. Qorichi rakkoo keenyaa dhaabbooliin Oromoo walitti araaramuu qofa. Kana malee karaan dhugaa hi jiru. Araarri kuniis akka Seera Gadaatti, akka Bokkuu Araaraatti ta'u qaba. Waaqayyo hawwii kana haa dhugoomsu.
Araar! Araar! Waaqayoon Oromoo Afaan walitti haa mi'eechu!Oromiyaan Ni Bilisoomti!
Alaqaa Atsmee:
Burqaan Qormaata Kanaa History of the Galla and the Kingdome of Show, Volume I Amharic version Written in (Addis Ababa,1900) p,11
Anga'a Dhugumaa:
From the Revised Gadaa to Macca –Tuulama Association. (U.S.A. New York, New York, June 1998) p,7.
Nagaaso Gidaada:
History of Sayyoo Oromoo of Southwestern Wallaga, Ethiopia. 1730- 1886. PhD Desecration, Frankfurt am Main 1984), P.218.
Qabbannee Waaqo:
The Partition of Oromo Women in the Gadaa System, their Slavery Under Colonialism and their Active Role in the Present Struggle for National Independence. (UONA 1979), P 6
Bayisaa Gutamaa:
Oral Interview by Lubee Birru (Washington D.C June 24, 2002).
Gurmuu Badhadha:
Oral Interview by Lubee Birru, (About 50 KM West of Shaggar, at Hawaas Caffee Baldho, March 1971)
Lubee Birru:
Eyewitness and personally participant in the Gadaa System. (From 1950-1971).
:: Oromiya Liberation Council (OLC)/GBO ::
postamble();
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
No comments:
Post a Comment