November 05, 2005

Gucaa Bilisummaa- Onkoloolessa 2005

GUCAA BILISUMMAA

MAXXANSA ODUU BIRKII BEEYSISA ALAA ABO
MAXXANSA KOPHAA Lakk. 1 Onkoloolessa, 2005

Hubachiisa: Maxxansi kophaa kun bobbaa Jila HD ABO J. Dawud Ibsaa Ameerikaa kaabaa keessatti gochaa jiru irratti xiyyeefata. Maxxansi kun sochiilee hamma ammatti tahaa jiru qofa tan gabaaftu yammu tahu xumura bobbaa HD fi sochiilee maxansa kana booda tahan hunda maxxansa Kenya kan ji’aa keessatti bal’inaan akka gabaafnu dursine dubbiftoota keenya beeysifna.

Bobbaa Jila HD ABO J. Dawud Ibsa

Jilli ABO kan HD ABO J. Dawud Ibsan durfamu bakka bu’oota Mootummaa USA dubbise:
Bobbaan jila HD ABO itti fufa bobbaa Awroppaa yammu tahu, Ameerikaa Kaabaa keessatti kan jalqabe bakka bu’oota mootummaa USA magaalaa mummitti Ameerikaa Washington DC keessatti dubbisuu dhan yammu tahu, Jilli H/D ABO J. Dawud ibsaan durfamu Onkolooleessa 13, 2005 yeroo lammaaffaaf wajjireesitoota ol'aanoo mootummaa US dubbisani jiru. Miseensonni jila kanaas Jn. Hassan Hussein, Tamam Yusuf, Dr. Tadassa Ebba, Lenco Lataa fi Dimmaa Nagoo yammu tahan walgahiin kun dhimmoota fardii ummata Oromoo fi Saboota hiree fakkaatoo qaban irratti kan hundaawe ture.Walgahii kana boodas bakka matootiin mootummootaa itti afeeramanitti Laaqana/dhihana kan afeeraman yammu tahu carraa kanatiis dhimma bahuun dhimmota gara garaa irratti mariin bal’an gaggeefame.

Mariin kuniis kan itti fufu yammuu tahu jilli kun kanumaan osoo jiru miseensota ABO, Hawaasa Oromoo fi Qaamoota gara garaa dhimma adda addaa irratti magaaloota adda addaa keessatti dubisaa jiru. Armaan gaditti bobbaalee hamma maxxansa kanatti gaggeefaman dimshaashumatti isiniif gabaasu yaalla. Dura garuu, haasaa isaan bakka deeman hundatti godhaa turan keessaa cuunfine akka armaan gaditti isinii itti dhihaadha. v

Cuunfaalee Mata Duree Ibsoota Kennamani:
I. Haala Mootummaa Wayyaane ilaalchise:
Qabsoo ummanni Oromo fi ABOn keessaafu baroota kudha afurran dabre keessatti gaggeessan haala ammaa biyya keessatti argamee kana akka uume fi haala hudhaa kana keessaa bahuuf mootummaan Wayyaane fillannoo dimokraatawa itti of fakkeessu tokko tolfachuuf dirqame jira kan ja’an HD ABO haala kana saaxiluuf ABO’n sochii godheen fillanoon akka doo’itti taphatame kun fakkeessaa malee kan dhugaa akka hin tahiin adunyaaf saaxiluun dandayame jira jachuun yammu ibsan rakkoon ummata Oromo osoo debii hin argatiin dhibdeen biyyatti keessa jiru furmaata hin argatu ja’ani jiru.
Kanumaan waliin ibsota bakka adda addaatti godhan keessatti mootummaan TPLF maqaa dimokraasii himmachaa garaarsa guurarchuu malee ummata miliyoonaan lakkawamuuf dimokrsaasii ijaaraa tahe fiduuf ulaagaalee dimokraasitti kan hin dhihaanne tahuu ibsani jiru.

Kana bira taree gochaan mootummaa TPLF biyyooti ollaa illee daangaa dabree booreessaa waan jiruuf nagaa gaanfa Afrikaatu kan booreessaa jiru tahuu adunyaaf akka ibsaa turan yammu himan haalli yeroo fillanoo sun tahe fi kanneen kana fakkaatan walitti dabalate waan ABO’n jachaa tureef akka ragaa bahe ibsani jiru.

Mootummoonni adunyaa yeroo ammaa ummanni Oromoo miidhaa guddaa jala akka jiru hubatanii jiru kan ja’an J. Dawud yeroo ammaa keessati bir’ata tokkoon maletti, osoo ololaaf gurra hin laanne, sagalee keenya ol fuunee mirga ummata keenyaaf dubbachu qabana qabna Ja’ani jiru. Itti dabalees yeroon kun yeroo hujjii hedduu hojjachuu nu barbaachisu waan taheef wallii obsuu qabna ja’ani jiru.

J. Hassan Husseinis mataan miseensi SHG fi mataan DDA itti dabaluun rakkoo keenya bira tarree rakkoo ummata biraallee dabalachuuf uf qopheesuun ummata keenya ijaarre ba’aa kana wallirraa sulphisuu irratti haabba’u qabna ja’ani jiru.

Har’a Qabsoon teenya sadarkaa murteessaa irra akka geessee fi haalli mijataa ta’e akka nu fuuldura jiru ibsaniiru. Keessumaa yeroo ammaa haala falmaa humnoota garagaaa Impaayera Itiyoophiyaa keessatti deemaa jiru kanati humni yayyaba qabuu fi wayyaba ta’e ABO qofa akka ta’ee fi ABO haala jiru kanatti fayyadamuun humna qabu kana daran jabeessee ummata keenya mirga isaa argamsiisuuf hojjechaa waan jiruuf miseensotni keenyaa fi ummanni Oromoo kana hubatanii jabinaan akka hojjetan dhaamaniiru.

HD ABO J. Dawud Ibsa dhaamsa dabarsan keessatti, bilchina hoogganummaa Waldaa Hawwaasa Oromoo biyya alaa dinqisiifatanii ummatni keenya biyya ambaa jiraatu gurmuu isaa jabeeffatee qabsoo isaaf tumsuu fi Oromummaa isaa jabeeffachuu irratti akka hojjatu dhaamani jiru.
Miseensa Barcuma Yubaa ABO kan ta’an J. Leencoo Lataas Har’a Ummatni keenya haala hedduu badaa fi haala hedduu mijataa gidduutti qabamee akka jiruu fi haala amma jiru gara isaaf ta’utti sirreeffatee mirga isaa gonfachuus akka danda’u akeekkachiisani jiru.

ABO’n rakkoo Oromoo karaa nagaan furuuf yeroo fedhe iyyuu akka qophii ta’e fi waan irraa sodaatu tokkos akka hin qabne gad fageenyaan hubachiisana kan ja’an HD ABO kana bakkaan ga’uufis gurmuu keenya cimsannee humna jabaatti akka of jijjiiraa jirru mirkaneesina ja’ani jiru.

Haasaa dhuma HD kana irratti dabalee J. Leencoo Lataa haala addunyaa fi xiinxala Impaayera Itoophiyaa ilaalchisee ibsa kennan irratti Oromoof yoomiyyu caalaa haalli mijataan akka mul’ate himani kana bakkaan ga’uufis walqabannee tarkaanfachuu akka qabnu hubachiisan.

HD ABO gama isaaniin ammoo haala amma addunyaa fi biyya keenya keessatti umamaa jiru keessatti QBO gaggeessee bakka barbaachisuun ga’uuf tarkaanfii fudhachaa jirru keessattis ga’een maanguddoota, dubartootaa fi dargaggoota Oromoo olaanaa akka ta’ee ibsani jiru. v

II. Qophii ABO ilaalchisee:

Rakkon Empire Ethiopia keessa jiru karaa nagaan akka hiikkamu fi gaaffiin ummata keenyaa akka deebi’u dandayu irratti ABO’n qophii gochaa akka jiru kan ibsan yammuu tahu gaaffiin Ummata Oromoo hiikkamu malee biyyatii sana qofa osoo hin tahiin gaanfa Afrikaa keessattu nagaa fi tasgabiin argamu hin dandayu ja’ani jiru.

Haala kanas ummata adunyaa hubachissa jira. Amma Motummoonni adunyaa kan duraan hulaa nutti cufaa turan haala kana hubbachuu dhan nuu barbaadu jalqabanii jiru - kun ammoo injifannoo gudaa dha ja’ani jiru. Kanumaan waliiniis bobaan Norway fi USA keessatti gochaa jiraniis ykn mariin irra gudaan haal akamitti nagaan akka argamuu dha ja’anii jiru. III. Dhaaboota biroo ilaalchise:

Ilmaan Nafxanyaa amma aangoo qabachuuf wixxifachaa jiran rakkoo jiru cimsuun allatti waani isaan busuu dandayan hin jiru kan -isaan barbaadan biyyatii bakka duritti deebisuu dha ja’anii jiru.

Humnoonni biraa kanneen mirga ummata isaaniif falman humna hin qaban. Fillannoo kana booda firaa fi diinni keenyas gargarsaa fi hirmaanaa ABO tiin maletti sochiin tokko akka fiixa bahuu hindandeenye hubatanii jiru ja’an. v
IV. Waamicha Meles ilaalchisee:
Qunamtiin karaa mottumoota adunyaan kana duras godhamaa akka ture yammuu ibsan karaa wayaneetiin fedhiin waan hin turreef fashalaa akka ture ibsani jiru.

Amma garuu halduree tokkoon maletti ABO wajjin haaswuuf gaaffii dhiheessuun isaa fakkii gaarii tahuu isaa ammannee gama keenyaanis qophii tahu Kenya ibsinee jirra.Yoo Mallas rakoo biyyattii sanii hiikuu dhaf dhugumaan fedhii qabaate ABOn gammachuun fudhata. Garuu, yoo tooftaa siyaasaa dandataa isaatiif kana dubbate badii guddaa akka godheetti ammanna ja’anii jiru.

Hamma ammaa garuu seeran mariin jalqabamee hin jiru. Yoo yaamichi mallas kun kijiba tahee argame nuti qabsoo teenya ciminaan ittifufu qabna. Qabson teenya tan mirga ummata kenayaa kabachiisuu fi anjeessu malee mirga ummaa keenyaa hin faalesine tahuu isaa hubatamuu qaba ja’ani jiru.

Miseensi GS ABO fi mataan DDA J. Hassan Hussein itti dabaluun hooganii amma jiru gadaan gadaa bilisummaa ti ja’ee karaa qabsoo sadeeniinu akka faa’idamaa jiru ibsani jiru. v


V. Sochii karaa Waraannaa:
Loollii asiin dura godhaa ture lola haalaan rakkisaa ture. Diina keenya kan messhaa hanga funyaanitti hidhate waliin waraanni keenya falmaa godhaa jira.

Amma gabaabumatti waraanni keenya naannoo bal’aa keessatti sosoohu qofa osoo hin tahiin jarmaya biyya keessaa wajjin walliti qindaawee sosoohaa jira. v

Sochii karaa Dipolomsaasii:

Karaa kanaan sochii godhameen firiin argame tokko HD keenya akka fedhitti biyyoota adda addaa keessatti sosoohu dandayuu isaati kan ja’an J. Hassan Hussein itti dabalees Moottummaa Norway, Paarlamaa Tokkummaa Awroopaa wajjin marii gudaa godhuu dhan osoo gaaffiin ummata Oromoo hin hiikamiin nagaan biyya san kessati akka hin argamne ammansiisne akka nu wajjin dhaabbattan nuuf mirkaneesanii jiru ja’ani jiru.

Kanumatti dabaluuniis USA Keessatti bobaa godhameen gaafiin Oromo osoo hiikaa hin argatiin nagaan naanoo sanitti yadamuu akka hin dandayamne hubachiifne jirra ja’nii jiru.

Itti fufaaniis dhaaba keenaya qaamoota mootummaa Ameerikaa fi adunyaa waliin wal barsiisuuf beelamni adda addaa akka qabamees ibsani jiru. v

Hubachiisa: Akkuma duraan ibsinetti cuunfaan ibsoota Jila HD ABO kun fakkii ibsoota bakka adda addaatti godhamanii akka tahetti akkahubattan abdii qabaachaa, armaan gadiin fakkii murtiilee dabranii isinii dhiheessina. Kana kan gochuuf murteeffanne wal fakkii hanqisuu fi hunda as irratti maxxansuuf yeroo fi bakka qusachuuf akka tahe nuuf hubadha.

Fakkii Murtiilee dabranii:

Ibsa ijjannoo walgahii ummataa
Nu Ummanni Oromoo magaalaa Seattle, Portland fi British Columbia walgahii Onkoloolessa 16, 2005 magaalaa Seattle keessatti gaggefame irratti hirmaanne ibsa jill ABOn kan HD ABO J. Dawud ibsaan haala Qabsoon ummata Oromoo yeroo ammaa keessa jirtuu, sochii biyya keessaa fi alaa akkasumas Qabsoon ABO dhan gaggeefamtu erga dhaggeefanne booda marii bal’aa goone murtii fi ejjannoolee armaan gadii dabarfanne.

Qabsoo ummata Oromoo hogganuudhan seenaa boonsaa ABOn galmeese ni dinqisiiffanna
Qabsoo ummata keenyaa galiin gahuuf sochii karaa ABO’n godhamaa jiru guututti deeggarra.
Haala jijiirama adunyaa hordofuudhan karaa barbaachisaa ta’een ABOn qabsoo isaa akka finiinsuu gaaffachaa, nuti ummanni Oromoo naannoo kana jiraanuu hanga gaafiin ummata keenyaa deebbii argatutti waan barbaachisaa ta’e hundaan ABO cinaa dhaabbachuuf waada keenya ni haarawoomsina
Qabsoo keenya galiin gahuuf ummanni keenya kan biyya keesaa fi kan biyya alaa jiran hundi akka ummataatti jaarmaya isaa jajjabeeffachuun murteessa akka ta’ee hubachuudhan akka jaaraman waamicha goona.
Tokkummaan ummata Oromoo jireenya ummata keenayaaf murteessaa akka ta’ee hubbachuudhan, tokkummaa ummata keenyaa cimsuuf ABO fi ummanni keenyas ciminaan akka qabsaawan ni gaaffanna.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Gadaan gadaa bilisummaati!

HD ABO J. Dawud Washington DC ti Ibsa kennan:
Onkololeessa 14, 2005 miseensota ABO naannoo Washington DC fi magaaloota dhaluu sana jiran irraa dhufaniif HD ABO ibsa bal’aa haala jijjiirama siyaasaa adunyaa, gaanfa Afrikaa fi Empire Ethiopia keessa jiru akkasumas haala QBO amma irra jiru ilaalchise ibsa bal’aa kan godhan yammuu tahu gaaffiilee belbeltu tahe irratti dhihaateefiis deebisaa quubsaa kennannii irraa eegalee Minnesotatti argamuun Oromoota Minnesotaa fi naannoo jiraatuuf haala ABO fi Qabsoon Bilisummaa Oromoo irra jirtuu akkasumas kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo bakkaan ga’uuf ABOn akeeka akkamii akka qabu ilaalchisee ibsa bal’aa hawwaasa Oromoo fi qaamota hawwaasa garagaraaf ibsa bal’aa kennani jiru.

HD fi Hoogganootni ABO Minnesota yeroo seenan yeroon isaa halkan tahullee, ummatni Oromoo lakkoobsaan dhibba tokkoo fi shantamatti herragamu dargaggoo, dubartootaa, maanguddoo fi shamarran osoo hin hafin Alaabaa Oromoo qabatani ilillii fi ililchaan simmannaa ho’aan qeebalani jiru.

Onkololeessa 21, 2005 HDn ABO hoogganootaa fi miseensota akkasumas Waldaa Manguddoota Oromoo tiin wal argani jiru.

Onkololeessa 21 galgaluma sana sagantaa irbaataa HD fi Hoogganoota ABO, Miseensota ABO Konyaalee Minnesota, South Dakota, Winnipeg, fi Chicago irraa dhufaniif Four Point Sheraton Hotel tti qophaawee irratti Hayyu Dureen ABO J. Dawud Ibsaa haala QBO irra jirtu miseensota ABOf ibsa bal’aa godhanii jiru.

Onkololeessa 22 waaree booda sa’a 2:00 irraa eegalee Magaalaa Minneapolis, South High School tti walga’iin ummataa namoonni 1000 tti herragamu bakka argamanitti Hayyu Dureen ABO J. Dawud Ibsa bal’aa kennanii jiru.

Xumura walga’ii kanaa irratti ummatni bakka sanatti argame yeroo gabaabaa keessatti doolaara Ameerikaa $50,000.00 walitti buusuun ABOf gumaachuu dhan walgahiin kun milkii guddaan xumurameera.
Onkololeessa 23 galgala simannaa Hayyu Duree fi Hoogganoota ABOf jecha Waldaan Hawwaasa Oromoo Minnesota Crown Plaza Hotel tti sagantaa irbaataa guddaa qopheesse irratti hooggannonni hawwaasa garagaraa, abbootiin amantii, hoogganonni waldaalee dubartootaa, shammaran, dargaggoo, maanguddoo fi siyaasaa akkasumas Oromootni bebbeekamoon walumaa galatti namni dhibba tokkoo ta’u argamanii J. Dawud Ibsaa fi Miseensota SG ABO waliin walbaraniiru.

Itti fufees ummatni achi irratti argame qabxiilee adda addaa Oromummaa fi qabsoo Oromoo utuban irratti marii bal’aa gaggeesseera. Hayyu Dureen ABO Qondaaltota Kutaa USA, Konyaa Minnesotaa fi Dabballoota dhaabaa waliin wal arguun dhimma gara garaa irratti marii gochuun jajjabeesani jiru.
Kana irra tarees dhaaba Advocates for Human Rights ja’ame minisoota keessatti argamu qaamaan dhaquun dubbisani, hujjii isaan rakkoo Oromoo saaxiluuf godhaniif galatoomfatani jiru. Dhaabni kun ammayyu projekti dhiitama mirga dhala namaa kan Oromo irra ga'aa jiru saaxilu irratti hojjechaa akka jiran baramee jira.

Walumaa galatti bobbaan jila HD kun Gaazeexaa naannoo Minneapolis keessatti dubbistoota heddu qabdu tan Satr Tribune ja’amte beekkamtu tokko irrattis maxxanfame jira. v

Oduu Adda Addaa

Tokkummaan Barattota Oromoo Awurooppaa (TBOA) Kora isaa milkiin xumurate.

Korri TBOA 30ffaa Onkoloolessa 15 bara 2005 biyya Jarmanii magaalaa Frankfurt keessatti geggefamun dhimmoota garaa garaa irratti gadi fageenyaan mari´atee jira.

Korri kun qabxiilee jajjabdu tartiibaan irratti marihate keessaa: 1ffaan Haala siyaasa qabsoo bilisummaa Oromoo, haaloota siyaasa yeroo ammaa biyya Impaayera Itophiyaa, gaanfa Afrikaa, fi idilee adunyaa kessatti geggefamaa jirun yammu tahu kanas wal qabsiisuun ball`inaan xiinxalani jiru.

Dhuma irratiis korri kun ibsa ejjannoo gara garaa irratti guutumatti walii galuun korri kun milkii fi injifannoon xumurame jira. Murtiilee dabarsan keessaa: Oromoo mirga isaa sarbameef biyya isaa deffachuuf qabsoo biliummaa geggesaa jiru ni deggerra. Jarmiyoolee siyaasaa meeshaa diinootaa ta´u irraa bilsoomuun mirga saba Oromoo kabachisuuf qabsawaan ni deggerra; Murtiilee fi kutannoolee Korri Sabaa ABO 3ffaan dabarse ni degerra, hojiirras ni oolchina,

Tarkaanfilee ummata nagaa hidhuu, reebuu, qaama hirrisuu, fi ajjeesuu gara jabinaan motummaa wayyaanee geggesaa jiru cimsinee balaalefanna. Kan ja’uutu keessatti argama. v


Cuunfaa Galmee Xalayaalee:

Namoota ONC keessaa paarlaamaa galan (ijaaramanii jiran) irraa akka dhagahamutti Wayyaaneen gama tokkoon mirga qabani daftee irraa muulquuf gama tokkoon ammo sossobattee ofitti qabatuuf deemaa jirti.

Bu’ura Paarlamaa Wayyaaneef akka raggaasisan dhiheessan mirga qabani kan irraa fudhachuuf yaalamaa jiru tahuun baramee jira. Qabxiin dhihaate kuniisa 'namni tokko harka baasee carraan dubbachuu yeroo kennameef booda dhaabi yoo jedhamee ajajame dafee dhaabuu qaba, ammas dhaabi jennaan yoo battalatti dhaabuu dide, securitiidhaan akka qabamee ba'u" kan jedhudha.

Dhimma kana yoo daddabale isa lamaffaatti guyyaa 15 akka paarlaamaa inseenne godhamee, ammasa yoo itti fufe baatii ja'aaf dhuma irratti ammoo mirgi qabu irraa muulqamee har'iama kan jedhu yammu tahu, Kana irraati waliif galuu didamee walga'ichi raawwate.
Gama kaaniin ammoo kokkolfaa amala kana dura hinqabne nuttu agarsiisu jedhu. Liqa maallaqaa tokkoon tokkoon isaanii gaafatani qarshii 6,000 akka kennamuuf godhaa jiru. Kana malees kan mindaa irraa citu qarshii guddaas gaafatanii hayyamamaaf jira. Naannoo Bulee Horaatti Roorroon Wayyaanee Ummata jiilchuu fi sochii ummataa fi WBO bakkoota adda addaa jiru ittisuuf Wayyaaneen ummata Oromoo miidhaa jiraatuun ifaa dha. Kana keessaa ummata naannoo Bulee Horaatti argamu tokko. Magaalota xixiqqoo fi gandeen naannoo kanatti argaman keessaa nama hidhuun bal'inaan itti fufee jira. Gandeen/Magaalota kana keessaa: Garba Magaaloo, Burqaa Ebala, Qillenso, Fincaawaa, Maaxe Goollitti, Asinda fi kan fakkaatanii dha. Naannoolee kana keessaa joollee bara kudhanii osoo hin hafin humni Wayyaanee guuree hidhaa jira. Manni hidhaa dhiphatee yeroo ammaa kana baadiyyaa baasuu dhan ummanni akka hidhamu taasisaa jirti.

Dhiphina kanarraa kan ka'e dhihoo tana nama 20 gara mana hidhaa Yaaballootti dabarsuun ni jira. Tumiinsa adda addaatiin miidhuuniis guddoo jira. Fakkeenayaaf namoonni Abboo Shaaroo fi Utara Aannaa jedhaman tumiinsaan miidhamanii jireenyi isaaniyyuu gaaffii jala jira. Keessattuu Utara Aannaa arraba isaa alatti gad harkisuudhaan sootaliin/haadaan hidhanii lubbuu itti guraaraa akka turan gabaafamee jira.

Naannuma kana bakka Baddaa Magaadaa jedhamutti humni waraana Wayyaanee ajjeesee karaa makiinaa qaraqaratti dargee biraa deeme. Torban tare kana keessa Wayyaaneen deeggartoota keenyaa fi mormitoota Oromoo biraas naannoo Hulaa Horaatti/Hagaramaram, hidhaa jiraachuun gabaafame. Sababiin WBO deeggartanii dha. Haala kanaan nama 218 madha hidhaatti guurtee jirti. Bifuma kanaan bakka bu'aa WFDO kan Birruu Moonaa jedhamuus hidhanii miidhaa cimaa irraan gahuu himan.
Wayyaaneen barattootaa fi barsiistota Oromoo hawatuuf tattaafataa jirti.
Wayyaaneen barattoota waan ittiin sobdu Birrii 800 kennuufiin akka OPDOtti galmaawan yaalaa jirti. Akkasumatti Barsiistoota Pedagogy bakkoota adda addaa irraa mooraa leenjisa Waraanaa Xollay jedhamtutti walitti qabuudhaan seminaara akkaataa itti galmaawan irratti kennaafii turte. Dhumarratti waan wal dhabaniif jecha barsiistoonni bakkoota irraa sassaabamanitti deebi'anii hawatuun achumatti akka itti fufu jedhamee murtaawe.
Haa gahu nagaan keenya, kan kabajaa fi jaalalaa ****

Nuti barattoonni oromoo
Yuunniveristii arba mincii waldaa tokkummaa barattoota oromoo
Yuuniveristii adda addaa wajjin tokko ta’uun, nutis waldaa tokkummaa barattoota oromoo dame arba mincii
Akkuma kanaan dura obbolaawwaan keenya yuuniveristiidhaa Hangaa sadarkaa 1ffaa fi oolmaa daa’immanitti qabsoo Bilisummaa Haala wal fakkaatuun fiyeroo wal fakkaatuun waan hunda Kan qabsoon bilisummaa nurraa eeggattu gumaachuuf Qophiidha!.

Barattoota Oromoo, dargaggoota, daldaaltota, Qonnaan bultoota, jaarsoolii, haawwanii fi haayyonni Oromoo Haala amma jiru kanatti akka tokko taanee sochoonu

Waamicha qabsoo bilisummaa dabrsina.

Galatoomaa !
Tokkummaan human !
Barachaa lalla ! lolaabaranna !
Bilisummaan kan keenya !!!
Waldaa tokkummaa barattoota Oromoo Yuuniveristii arba mincii (wtboyam) irraa!!

************************************


ADDA BILISUMMAA OROMOO
BIRKII BEEYSISA ALAA
e-mail: olfinfodesk@earthlink.net
Web. : oromoliberationfront.org

1 comment:

Anonymous said...

online webshops webwinkel beginnen verkopen

Also visit my site :: een webwinkel beginnen