November 25, 2005

Hiriirri nagayaa Torontoo, Kaanadaatti geggeeffame



Hiriirri nagaya kan dhiittaa mirga dhala namaa empayera etoophiyaa balaaleffatu sirna ho’an magaalaa Toronto Kaanadati geggeeffame.
Sadaasa 19, 2005
Hiriirri nagayaa kan Waldaya Hawaasa Oromoo magaalaa Torontoo fii Naannootin yaamame guyyaa hardhaa kana sirna owwaadhan geggeeffamee oole. Hiriira kana irraa Oromoonni as magaalaa Torontoo fii naannoo qubatan xiqqaa guddaan waliti dhufuudhan heddumminaan irraa hirmaatan Hiriirri nagayaa kun kan qophaawe fincila yeroo ammaa tana Oromoonni Oromiyaa guutuu keeysati ofaa jiraniif deeggarsa gochuufii sababii fincila ilmaan Oromoo gochaa jiraniin gara laafina malee tarkkaanfii mootummaan TPLF fudhattee fii fudhachaa jirtu dura dhaabbachuu fi ture.
Hiriirri naganyaa kun guyyaa keeysa yeroo 12:00 WB Qunsula Ameerikaafuula durati kan eegalame yeroo tahu hirmaattonni hiriiraa dhaaddannoolee garaa garaa dhageeysisaa turan. Dhaaddannoolee dhageeysisaa turan keeysaa:
Mootummaan Ameerikaa garggaarsa mootummaa abbaairrummaa Mallasif gootu haa dhaabdu
Mallas ajjeechaa barattoota Oromoo tirrati oftu dhaabi Oromiyaan ni bilisoomti
Sirni koloneeffataa ni diigama Dimokraasin Etoophiyaa keeysa hin jirtu



Fincila Oromoonni yeroo amma tan mirga isaanitif gochaa jiran ni deeggarra
Hidhamttooni waldaya Meeca fii Tuulamaa ammati gad haa lakkifaman
Qabsoon ummanni Oromoo godhu qabsoo haqaati fii kkf ture
Hiriirri kun yeroo 1:00 WB xalyaa haala qabatamma yeroo amma Oromiyaa keeysati deemaa jiru tan ibsitu mootummaa Amerkaati kennuudhan xumurame. Sun booda hirmaattoni hiriiraa dhaaddannoolee dhageeysiisudhan gama mana Parlamaa mootummaa kutaa Ontario dhaqan. Mana Parlamaa kana duratis dhaaddannoolee garaa garaa dhageeysisuudhan hiriiri kun yeroo 2:30 WB injifannoon xumurame.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net

No comments: