December 05, 2005

Fiinciila diidaa gabrumaa magaala Ambo

Amboo keessatti har'a (Dec 5, 2005) galgala magaala Amboo keessatti boombii shan darbatame. Haga ammaa lubbuu fi qabeenya bade hin beekamne. Hojiin kun hojii wayyaanee akka ta´e shakkiin hin jiru jedhama. Duruu wayyaanonni yeroo diddaan ummataa itti jabaatu sababa barbaaduun ummata ittiin shororkeessuu fi namoota barbadduu sababessitee hidhuuf toftaa itti dhimma bahaa ta´uun ishee ni beekama.Ona Jalduu keessatti ammoo ammallee FDG itti fufee jira. Barataan, qonnaan bulaan, daldalaan osoo adda hinbahiin mana hidhaatti guuramaa jira. Reebichiifi saamichi hamaan humnoota tikaa wayyaaneen irraan gahamaa jira. Manni barumsaa cufateera. Geedoo fi Haratoo keessallee haala walfakkaatutu jira.Walgahii OPDOn barattoota Oromoo gaafa sanbata darbee yaamte fashalaahee. Gootonni barattoota Oromoo Yuniversity Finfinnee irratti argamuun gaaffiillee jajjabduu kaasuun fashalsanii jiru. walgahii kana kan geggeesse Minaasee W/G gaffiilee barattoonni kaasaniif deebii gahaa laachuu waan dadhabbeef, walgahii kanaaf deebii laachuu dadhabuun guyyaa biraa itti qophaa'een isin waama jechuun qaaniin barattoota bittimsee jira.Gaaffilee ka'aan keessaa:isin ijoollee Oromoo warra dhiiga dhangalaasaa jiru dha, kanaaf Oromoo hoogganuu hin dandeessan.isin warra sagalee ummataa saamee warra aangootti dhufe malee warra ummataan filatame miti.gaaffiin Ummta Oromoo kan hiree murteeffannaa malee kan qinijjiit balaalefachuu miti, kanaaf bakka dhaabni Oromoo bakka bu'u ABOn jirutti refrendum haa geggeessamu.warra ijoollee Oromoo dhiiga dhangalaase seeratti haa dhiyaatan.Waldaa MT hatattamaan banamaee, hooggantoonni isaa hiikamanii hojii haa eegalan.barattoonni Oromoo hidhaa jiran haalduree tokko malee haa hiikaman.kkf yeroo kaasan, akka maddeen keessa beektotaatti qondaala wayyaanee Abbaay Tsa'aayyeetiin ajaja Minaaseef darbeen kora eegale itti hin qophoofne jechuun bittinsee jira.Akka maddeen jedhanitti, guyyaadhuma sana maaliif barattoota miseensota keenya hin ta'in walitti qabde jechuun abbaytsahayyee minaasee dinniinee jira.kora kana irrattis barattoonni dirqamanii miseensa OPDO ganna darbe ta'an jibba OPDO irraa qaban mul'isaa oolaniiru.

No comments:

Post a Comment