January 18, 2006

Ficila Diddaa Gabrummaa Oromiyaa Naannoo Addaa Addaa ti babal'achaa jira


Oduu


Fincilli Diddaa Gabrummaa Oromiyaa Naannoo adda addaa ti babal'achaa jira
Amajjii 17, 2006 (Oromiyaa) - Barattoonni yunvarsitii .K. moora qoonnaatti ID Kaardiin isaanii poolisiin federaalaa irraa fudhate sabaaba kanaan rakkacha jiran fi yakka malee kutaa qorranoo dedeebi'aa maqaan isaanii 1.Tamirat caanalo 2.Tamasgen Hordofaa yoo ta'an sabaabin guyya arafaa ijjoolle kabbajje suuraa kaaftan fidaa jechuudhaani.
Gamaa biraatin ijoollee Oromoo rakkinaa fi dhiibba hordoffii tikni wayyanee irraan gahu irraan kan ka'ee baraataa Tasfaaye Birru mataa dhukkubisatee hospitaala awaasaa ciisee jira.Uneversitii kibbaa Maadhee Urjii Walabummaa irraa. Harargee Bahaa
Onoota hararge bahaa17an guy 3hif adaree tti wal ghii yaamanii hin hojjane ja,anin.tanaaf garee fi gooxii jajjabeysun dardarootaa dalgaa kennuun biyya haa toohannuu ja,anin. dursanii ammo araddoonni akka gammachuu,leencaa,gobeelle,aduu baatee,haqaa,fandishee fafakkaatan nu tanabooda wayanen sobamnee enyummaa keenyaa fi biyya teenya hin gurgurru.daranuu abo bira dhaabbanneeti diinaan falmina jachaan ibsa ejjannoo sabN qillensa rra akka oolu gaafatan. ammajii 1/2006 maadhonni aanaa sabaa fi ifaa bilisaa ja,aman gara xalayaa 2000 tan wayyanee fi ergamtuun isii diina oromoo ti jachaa ibsitu badiyyaa fii magaalota keysa jeynummaan rabsanii jiru.
TV sun gammaddanii ililchitan jachuun adde halimaa hasan fi med a/rahmaan mumad 1/1/2006 awwaday itti hidhanii dararaa jiran. maadhonnii fii jiraattonni hararge baha gammachuu TVsunii qabnu karaa maadhee isaanii tin ibsatanii nuu gayaanii. awwaday keysaa miskiina dalagaa barbaaddatu halkan qaqqabanii karaa biyya teysanii galaa ja,aniin akka waan awwaday biyya oromoo hin tahinii aradaa qeerransaa keesaa fuudhamanii magaalaa konbolchaatti torbaan lamaa oliif kan hidhaman,
1.feysal abdullee yoonee
2.abdullaahi ahmad muumee fi
3.abdii alii ta'uun ni beekkama. isaan kana keesaa yeroo ammaatti feeysal abdullee yoonee fi abdullahi ahmad muummee achi buuteen isaanii dhabameeti jira. maatiin isaaniitiis dhabamuu jara kanaattiin yaddoo guddaa keessa seenuudhaan barbaaduu itti fufanii jiran.warri isaan hidhee ture ( abbaa araddaa qeerransaa faan) nutti gad hin dhiisinaa jechuudhaan ture kan hidhan. yoo nutti gad dhiftan nu ajjeesuu waan malaniif nutiis ni ajjeefna jechuudhaan dubbatanii turan.
haaji mahammad abduramaaniifi addee haliima kan jedhaman jiraattoota magaalaa aawwadaay barattoota nurratti kakkaftan jedhaanii guyyaa borumtaa iidaatii jalqabanii guyyoota sadiif erga hidhaman booda gad dhiifamanii jiran.keessattuu hajii kana masgiidattiia "yaa rabbii oromoo bilisoomsi " jettee rabii kadhatta jechuudhaaniis yakkaniiti jiran.

Araddaa nagayaa keessatti abbaan araddaa Yusuf Abraahim maaliif DH.D.O.U filachuu dhabdan jechuudhaan ummata maallaqaan adabaati jira. Akka kanaan nama tokko iraa qarshii 100, namoota lama irrraa ammoo qarshii 150 erga fuudhan booda manguddooni magantaan irraa dhorkanii jiran.
***************
Kaleessa amajjii 16-2006 magaalaa Amboo keessatti fincilli diddaa gabrummaa itti fufee oole.Ganama sa´a 10:30 (4:30) irratti barattonnoon mana barnoota sadarkaa lammaffaa Amboo dallaa keessatti polisii fi waraana wayyaaneen tikfamaa jiran gootummaan mana barnootaa keessaa bahuun hidhattoota wayyaanee irratti jabinaan falmaa gochuu jalqaban. Barattoonni Amboo guyyaa diddaan jalqabee irraa kaasee falmaa hadhooftuu ummanni Oromoo gageessaa jiru keessatti qooda guddaa waan qabaniif mana barumsaa keessatti boqonnaa dhorkamanii yeroo boqonnaa hin bahani, yeroo mana barumsaa bahanii fi galan hidhattoota fi tikoota wayyaaneen tikfamu.
Haala kanaan barattoonni Oromoo Amboo karaa foddaa utaalanii bahuun nuti hardhaan booda wayyaanee waliin warra abbaa harkaati(Warra Gumaati) kanaaf warra abbaa harkaa waliin ijoollee keenya ajjeestu, hiidhu fi hiraaruu dhaabuun ijoollee keenya mana hidhaa jirtu nuuf gadi haa lakkifamtu, warri ajjeesan seeratti nuuf haa dhiyaattu jedhanii kaasan, gaaffii kanaaf wayyanoonni deebbiin isaanii humna waan ta´eef dhukaasa itti banan, haala kanaa dallaa mana barumsaa irraan utaaluun ummatatti makamuun karaa cufuun diddaa isaanii jabinaan muldhisan. Ummannis daandii cufuu irratti barattoota gargaaree jira. Kan namoota hedduu ajaai´ibe namani sammuun bilisoome waa gochuun isa hin dhibuti namni jabaa fi sammuun bilisoome kiraanchiin deemu tokko akka harka tokkoon kiranchii qabate harka tokkoon barattoota cinaa dhaabbatee falmaa barattootaa kana gargaaraa turellee hubatamee jira.
Haala kanaan barattoonni hidhataa tokko kufisanii irraa kilaashiin bu´ee akka ture beekameera, guyyaa kanatti dhukaasni barattoota irratti baname guddoo itti hin milkoofne, dhagaa mooraa barumsaa bakka hedduu akka rukutes ibsameera.
Wayyaanonni humna federaalaa fi humna waraanaa dabalachuun ummataa fi barattoota Oromootti duulanii karaa cufame sana bansiisanii jiru. Barattootaa fi ummatas konkolaataan qabanii guuraa oolan, barattoota hedduu madeessanii hospitaalatti bakka glukosiin itti kennamaafii jiru irraa yoo du´anis haa du´an jechuun namoota hedduu hospitaalaa baasuun gara mana masaraa mootummaa magaalaa Amboo jiruutti dabarsanii jiru. Ummataa fi barattoota rasaasaan dorsisaa jilbeeffachiisuun gochaa nama irraa hin eegamne hojjechaa oolan.
Barattoota madaahanii dhiigni irra yaa´uu fi barattoota reebaman muraasa walitti qabuun gaaffiin keessan maali jedhanii yoo gaafatan barattoonni gaaffiin kun gaaffii barataa daree lama hin guunnee qofaa gafatamuu qabu miti! Gaaffiin kun kan hardha jalqabe miti! Gaaffiin kun kan keenya qofaa miti ! kan Ummata Oromoo mara dha. Yoo gaaffii keenya hubachuu barbaddan bakka barataan hundi jiruu fi ummanni Oromoo Amboo walitti qabameetti stadiyomiitti walitti nu qabaati isinitti himna jechuun itti himanii wal gahii isaanii bittinsanii bahanii jiru. Kun guyyaa sa´a 2:00(8:00Alh) ta´e.
Barattoota mana namaa baqatanii seenanitti hidhattoonni seenanii waan qabaniif ummanni itti qophaahee qottoo, fasii, gajamoo fi kkf qopheeffatee hidhataa barattoota arihee mana namaa galee qabuuf yaalu irratti tarkaanfii fudhatuuf qophii ture jedhu.
Ummanni 05 fi 06 hedduun jabinaan hidhattoota kana dura dhaabbachuuf diddaa barattoonni godhan deeggarsa isaa muldhisee jira, naannoo kollejjii qonnaa Amboottis akka ummanni sirriitti bahee ture ture hubatameera.
Barattoonni manneen barnootaa Carii fi Addis katamaa Amboo keessa jiran diddaa kana keessaa qooda fudhatanii jiru. Hardha (Amajjii 17-2005) irratti illee barattoonni Addis katamaa mana barnootaa deemun diddaa isaanii agarsiisuun hidhamuu fi du´uun ummata keenyaa hagam umurii dhaan xinnoo yoo taaneyyuu nutti dhagahama, isin waliin jiraachuu hin dandeenyu, dhimma kana daa´imin harma hootu illee hubachuu dandeessi jedhanii ifaa ifatti hidhattootatti himuun abdii kutachiisanii jiru. Amma nuti kann yaadaa jirru waan barmsaa otoo hin taane lammii keenya nu jalaa hidhamanii fi ajjeefamaniiti nuti hagana nutti dhagahameera nurraa deemaa jechuun dhugaa jiru itti himuun qaanessaniiru.
********
Yeroo amma falmaa hadhooftuu ilmaan Oromoo mirga isaanii kabachiifachuuf godhaniin wayyaanee kan qabduu fi gadhiistu wallaaltee dhiphuu hamaa keessa jirti. Gama tokkoon WBO Gama biraan Oromoon kokkee qabee jira. Miseensonni OPDO kana dura Oromoo irratti yakka dalagdanis ta´e hin dalagiin yeroon itti ummata keessan cinaa dhaabbachuun seenaa hojjettan malee seenaa xuraahaa qabdan ittuu samsitan akka ta´uu hin qabne hubachuu qabdu jechuun sabboontonni Oromoo dhaamsa isaanii dabarsu.
Kaleesaa Amajjii 16, 2006 magalaa finca'atii Falmiin guddaa ummataa fi kittillayyoo gidduu ta´een reebichaa hamaa fi gara jabeenyummaan Barataan Daguu Fikaduu irratti fudhatameen barataan kun amma Hospitalaa Amboo gale jira. Guyyaa kanatti magaalaa Amboos akka malee ta'a oolteetti. Gudduruuttis tarkaanfiin lukkeewwan irrati fudhatama jiru jajjabaatee itti fufee jira. ****************
Ibsa ejjennoo Tokkummaa barattoota Oromoo magalaa Naqamtee!
Nuti Baratootni Maneen Barnoota Magaala Naqaamtee tanee marii Diddaa fi finciilaa mootumaa kanaa irra qabnuu Haala seeri fi Heeri Biyiti eyyamuun dandii nagaa irraa osoo hin maqiin mormi keenya mul’isuuf batti sadasaa keessa eegallee yeroo adda addaa yalii guddaa gochuun keenya ni beekama.
Haa ta’uu malee deebbiin qaamni mootummaa nuuf kenne akkuuma amalaa isaa reebichaa, hidhaa, human tirkaan dhukkamsuu fi ajjechaa fi k.k.f dha. Maqa caqaasuu yoo baarbachisuu yoo battelee kan bakka hin beekamneeti dhukkamsanii, kan Hoospitalaa cisaa, kan immo manaa addabati daraaramaa fi kan biyyaa bahaani jiruu.
Kanaafuu gochaa sukkanessaa mootumaan nurrati fudhatee fi fudhachaa jiruuf of duuba osoo hin deebi’iin gafiin mirgaa hiree muteefanaa Biyya keenya hamaa nuuf murta’uutii Ibisaa ejeeno armaan gadii baafannee jirra.

Ibsa Ejjennoo Tookuumaa Baraatoota Magalaa Naqamte
1. Mirgia hiree murteeffannaa Oromoo haga mirkanahutti Qabsoo keenya bifa hundaan itti fufuuf murteeffanne!! kanaaf Barnoota yaada tokko fi Afaan tokkon hardhaa qabee dhabneera!
2. Oromoon akka harka wal qabatee diddaa isaa bakka hundaatti muldhisu waamicha dabarsina!!
3. Oromoon gaaffii mirgaa hidhamee mana hidhaa jiru haga hiikamutti qabsoo hadhooftuu ni gageessina!!
4. Dhaala Oromoo ta’uni lukkee dinuumma Qabsoo kenyaa irratti guffu kan ta’an irrati tarkaanfii isaa dhumaa fudhaachuuf murteesineraa.
5. Ilmaan abbashaa fi Baratotaa Abbaan isaanii dabaalee kittillayyoo Wayyanee ta’aan yeroo adda addaa mana baruumsaa saaquuf kan dhama’an yoo jiraatan midhaa fi tarkaanfi iraatii fudhatamuuf itti gafatamaan mataa isaati
6. Dhaalootan Oromoo ta’ani human tikaa Wayyaanee saddarka adda addaa irra kan tajaajilaa jirtaan gochaa dinuumaa ummata keesaan irrati rawwachaa jirtaan irra akka deebitaan wammicha isiinii goona ta´uu baannaan rakkoo isin irra gahuuf gaafatamoon isinuma mataa keessani!!
Gadaan Gadaa Biilsuumaati!!
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Amaajii 16/1/2006
**********
Ummanni Oromoo godina hararge lixaa aanaa doobbaa araddallee waddeeessaa, biiftuu oromiya fi farra samaa jedhaman gaafa guyyaa 9 bara 2006 ayyaana Iida arafaa akka uffata aadaa uffatanii hin ayyaanneffanne lukeewwan wayyaneetiin dhoorkamanillee sodaa tokko malee uffaranii lukkkeewan wayyaanee kanneeen akka abbaa aradda waddeessa mohaamad amimad jedhamuu siifii wayyaaneetu biyyaa bada malee aaddaan Oromoo hin badu jedhanii lukkeewan ofiraa guyisan. yeruma san baratton mana barumsa sad.1ffaa fijidu galeessa 2ffaa magaala waddeessaa sodaa tokko male dhiichiisaan ABO faarsaa uummata dirree iidaa jiruti dabalaman. yeroo ammaa kana namichi abba aradaa waddeessaa kun barattootaa fi sabbontota naanichaa hiraarsa waan jiruuf gocha kana irraa aka of qusatu jechun sabbontonni akkekachiisani jiru,
Gaafa guyaa 12 fi 13 sabbontonni oromoo madhee gaaddisaa, callaa fi mormor jalati gurmaa'an marii godhatanin qabsoo teenya kan ABOn durfamtu fi baratoota ilmaan keenya cinaa amma wareegama lubbuutti ni dhaabana, uummanni Oromoo biyya keessaa motummaa wayyanee sabboontota Oromo fi barattoota ilmaan keenya fixaa jiru, humna namaatii fi maalaqa isaaniin gabbartan akka irraa dhaabdan jechuun Oromoota maraaf wamicha godhaniiru. dhumaratti humnaa fi qabeenya wayyaneen deegaru amman boda qabsoo bilisumma Oromotiif oolu qaba jedhaniiru.
Aanaa mi'eesoo keesatti sabbontonni Oromoo madhee carcar diida niinnii jedhamtu jalatti ijaaraman mari godhataniin booda qarshii kan gumaachan yoo ta'u kana booda maallaqa hedduu guumaachuuf waadaa galanii jiru.


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.
Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net

No comments: