January 22, 2006

News from Oromia: Odeessa Kibba Bahaa Oromiyaa irraa

Odeessa biyyaa



Amajjii 20, 2006 (Oromiyaa) – odeessa Kibba Bahaa oromiyaa
Ayyaana Arafaa irratti Sabboontotni Oromoo Naannoo Shaashamannee mararfannoo fi kabajaa dhaaba isaanii ABO f qaban Alaabaa faajjii bilisummaa Oromoo qabatanii akeekkachiisa Wayyaanonni akka alaabaa kana hin qabannee itti dabarsan cabsuun agarsiisanii jiru. Sabboontonni kun nuyi alaabaa dhaaba keenyaa hin lagannu jechuun bakka Ayyaana kabajatanii bahanii Magaalaa keessa qabatanii deemanii suuraa kaafataa diina garaa gubanii jiru.
Gara biraan gargaarsa Uummata Musiliimaaf alarraa argame namoonni Siraaji fi Mahaammad Badhaasoo I/G dhimma Muziliimaa Aanaa Shaashamannee uummata irraa gara dabarsuun wayyaaneef kennanii jiru;haala kanaan Sangaa lama Mana Poolisa Magaalaaf ,Sangaa lama mana Poolisaa Baadiyyaaf kennanii jiru.Gochaa kana uummatni haalaan balaaleffatee jira.
Gama biraan Amajjii 12-16,2006 tti Magaala Shaashamanneetti Mata duree 'Magaalota Oromiyaa Haa Misoomsinu' jedhuun Oromoota Godinoota Oromiyaa adda addaa irraa walitti qabuun walgahii wayyaanonni yaalan yaada mormii Sabboontotni Oromoo dhiyeessaniin fashalee wayyaaneen kisaaraan jaleewwan ishee waliin walitti buuteetti.Haaluma kanaan Sabboontotni Oromoo Oromiyaa uumamaanuu badhaatuu turte isintu hiyyoomse /deegse malee waan misoomsitan hin qabadani,kijiba nurraa dhaabaa jedhanii waltajjicha dhiitanii bahuun fashalsiisaniiru.

Injifannoon Ummata Oromoof!!



Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.
Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net

No comments: