March 27, 2006

Fincila diddaa gabrummaa

Fincila diddaa gabrummaa

Bitoteessa 26, 2006 (Oromiyaa) - Godina Shashamanee anaa Sirarooti waldhabii umataafi ergamituu wayanee jiduti dhalateen namooni 4 ool ta'an du'aani heduun issani madaayani jeti oduun guyaa 23/3/2006 nagayee. Kaneen kessa barataa tokoofi jarsaa tokoo bakumaa saniti ajeesan. Baratootiin nanoo Siraroo alaabaa Itiopiatif kan OPDO buusani kan ABO waan fannisanif woldhabisiin kun kadhalateefi, jedha oduun kun. Maqaa namoota du'aanni aakka naafi eargan dhaameraa.

Magaalaa harar keessatti ganda sangaa barrii ja'amutti barattoonni oromoo gaafa 22/03/06 hanga 24/03/06 alaabaa mootummaa wayyaanee buusuun tan ABO fannifachuun faafachaa jalatti boqachaa turan, sababa kanaan waraanni wayyaanee kan itti bobbahe barattoonni fi ummanni naannoo sunii gamtaan dhagaan ufirraa akka deebisan barame.

Naannoo hara maayaatti ummataa fii barattoota hidhuun itti fufeeti jira. akka kanaan ida halkan keessa barattootaa fi ummata oromoo kan naannoo sunii gara mana hidhaa hararitti akka guuraa turan barame. kanneen qaban keessaa kan maqaa arganne: barataa Tamasgan uneversitii haramaayaa keessaa fuudhan.

Warra hidhaman keessaa barattoota 8 odoo madoo waldhaansa malee mana hidhaatti dabarsanii achi keessatti akka dararamaa jiran gabaafame. warri silaa haakima geeffamees qoricha malee mana haakimaa jogol ja'amu keessa akkanumatti akka ciisaa jiran gabaafame, Harargee guututti halkan kaleessaatii jalqabee ibsaan hin jiru.

Source: www.oromoliberationfront.org

No comments: