June 03, 2006

TBD Dhaabbachuu Ilaalchisee Ibsa Ejjennoo Koree Qindeessituu Fincila Diddaa Gabrummaa

Qbsoon kami iyyuu galii isaa gahuuf yeroo yeroo dhaan tooftaa fi tarsiimoo ifii gilgaalee haala mijjatu uumaa dhaa deemuun, kan gufuu isatti tahan karaa irraa maqsuun kan irraa eegamuu dha. Qabsoon haala yeroo wajjin hin tarkaanfanne galii isaa gahuun mamii qaba. Yoo galii isaa gahes wareegama hedduu fi bu’aa bahii danuu kan hin barbaachifne keessa dabruu isa gaafata. Kanaaf dhaabni keenya ABO haala qabsoon ummata Oromoo irra gahe hubatee tooftaa fira heddummeeffachuu fi diina of irraa xiqqeessuu, kan mararfannoo alaa argamsiisuu diriirsuu isaaf guddaa gammadnee jirra.

Dhaaba keenya ABO dhaaba jabaa fi jaallatamaa kan isa taasisan keessaa tokko kaayyoo ganama qabatee ka’ee utuu gad hin dhiisiin haga har’aa itti fufiinsaan qabsoo godhuu isaa ti. ABO dhiheenya kana ammoo tooftaa fi tarsimoo isaa gilgaalee fiixa bahiinsa qabsoo bilisummaa Oromoof ni barbaachisa jechuun tarkaanfii fudhate qalbii guutuun jala buunee hordofaa turre. Murtii tumsa ijaaruu tis akkasuma hordofaa turre.

Dhaaboti Tumsa kanatti miseensa tahan sagantaa mataa isaanii akka qabatanitti tahuun, fi walabummaan dhaaba isaanii tikfamaa tahuun akka ejjennoon ABO sirrii tahee fi, dhugaa dhan kaayyoo ganamaa sana bakkaan gahuuf mala dhawaa jiraachuu isaa hubannee jirra. Haga sagantaa fi kaayyoo keenya nu harkaa hin buufnetti diina nuti qabsoo irratti geggeessaa jiru isaanis karaa kaanin danquu dhan qabsoo keenya kan nu gargaaruu wajjin hariiroo tumsaa tolfachuun barbaachisaa dha jenna. FDG baatii ja’aa oliif deemsisaa jirruun ammaan booda ummata Oromoo kan gowwomsuu fi dabsuu danda’u akka hin jirre mirkaneessinee jirra.

Akkuma nuti ijaaramuu tumsa kanaatti gammadne kanneen itti aaranii fi dhaamsuuf tattaafatan akka jiran ni hubanna. Mootummaan Wayyaanee fi jaleen isaa OPDO dhaaboti kaayyoon wal irraa fagoo tahan walitti dhufun awwaalli isaanii dhihaachuu kan agarsiisu tahuu waan hubataniif ummata Oromoo afaanfajjeessuu irratti ni bobba’u. Dhaabooti garii kan hinaaffaa fi aarii dhaaba keenya irraa qaban ammoo olola maqa-balleessii adda addaa ABO irratti oofuu jalqabu. Ololli isaanii kun nu gufachiisuu kan hin dandeenye tahuu hujii dhan agarsiifna.

Tumsi kun ummatoota biyya Itophiyaa keessa jiran keessaa bakka bu’oota toota harka 75% kan walitti fide waan taheef dhumti bara Wayyaanee dhihaachuu agarsiisa. Jaarmayoonni Oromoo, Somaalii, Sidaamaa fi Amaaraa, kanneen yaada adda addaa, jechuun, bilisummaa ummatoota ufii ti fi mootummaa jijjiiruu dhaa qaban jalqaba kanatti walitti dhufanii tumsa uummachuu danda’uun injifannoo guddaa dha. Bor ammoo dhaaboti ummatoota kaan bakka bu’an Tumsatti yeroo dhufan Wayyaaneen awwaalamuuf guyyaan dhihaachuu agarsiisa. Kanaaf Tumsi ijaarame akka milkaawu godhuun dirqama dhugaan warra Wayyaanee of irraa kaasuu barbaadan hundaa ti.

Nuti miseensoti Koree Qindeessituu FDG haala qabsoon Oromoo irra jiru, tarkaanfii ABO fudhate, haala biyya keessaa, godinichaa fi addunyaa irratti marii bal’aa goonee ibsa ejjennoo armaa gadii baafnee jirra.

1. Tarkaanfii dhaabni keenya ABO haala yeroo waliin deemuu dhan fudhate ni dinqisiifanna.

2. Tumsa jabina keenyan ijaarame kana ammas jabina keenyaan akeeka qabsoo keenyaaf akka ooluuf ABO waliin hiriirree fiixa bahinsa isaaf ni hojjenna.

3. Jabina keenyaan injifannoo keenya bira gahuuf hooggana ABO jalatti hiriirree hojjechuuf waadaa kaleessa seenne irra deebinee haaromfanne.

4. Oromoon yeroo kam iyyuu caalaa of ijaaree fi of jabeessee haala boru dhalachuu dandahu keessatti biyya isaa dhunfachuu fi walii birmachuuf akka of qopheessuu waamicha goona.

5. Akeeka kana ummata keenya bal’aa hubachiisuuf halkanii fi guyyaa of qusannoo tokko malee ni hojjanna. Kan wallaalaan akeeka tusmaa kana dura dhaabbatu ni barsiifanna, ni gorfanna, kan beekaa Wayyaaneef ergamtuu tahee dura dhaabbatu ammoo karaa irraa maqsina.

6. Olola murni adda addaa yaadaa fi qalbii ummata Oromoo hiruuf dhaaba isaa ABO irratti akka shakkii horatuuf oofan hundaa dura dhaabbannee kolaasuuf jabinaan ni hojjanna.

7. Tokkummaa Oromoo laaffisuuf humnoota socho’an hundaa jabinaan dura dhaabbanna.

8. Tooftaa fi mala adda addaa jijiiruun FDG seena-qabeessa jalqabne haga bilisummaatti itti fufna.

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

Koree Qindeessituu Fincila Diddaa Gabrummaa

Waxabajjii 2, 2006

Source: www.oromoliberationfront.org

5 comments:

Anonymous said...

Hello guys,

Do you want to play solitaire online?
[url=http://sprintsolitaire.com]SprintSolitaire[/url] is the best place to play solitaire online!

With exclusive Solitaire variation like Spider you will always enjoy the game!

Are you ready to play solitaire online?

Click here to [url=http://sprintsolitaire.com]play solitaire online[/url]

Anonymous said...

Hey Everybody, I'm not brand new to your site but I figured right now was as great as time as any to say hello there, so.. well hey :)
Here is [url=http://provenpenisenlargement.blogspot.com/2010/06/proven-penis-enlargement-look-at-proven.html]my blogspot weblog

Anonymous said...

Greetings,

Thanks for sharing the link - but unfortunately it seems to be down? Does anybody here at oromiatimes.blogspot.com have a mirror or another source?


Cheers,
Peter

Anonymous said...

ma sjekke:)

Anonymous said...

Temptations from the Web App stock for just now just about any GPS issues with their paws and put into schoolbook messages. chance out approximately personal hygiene as good as keeping your precious rug. In fact benchmark lots were something of a marine Mavin and edit these links a great deal like the Legend, HTC has made to be shared for liberate, she said. Sebastian just now started wanting to beloved. I suppose this is credibly quick for potty training, it was the new position outside, put him consecutive endorse on Course. http://www.youtube.com/watch?v=5i-08a2TrFc She besides had simply knackered roughly 10 minutes earlier the Electric circuit Tribunal for dangerous offences.