July 15, 2006

Adoolessa 16- Guyyaa Finfinnee

(Finfinneen handhuura Oromiyaati! Abbaan Biyyummaa fi Mirgi Oromoon Finfinnee irratti Qabu seeraan guutuutti haa mirkanaahu!)

Ummatni Oromoo guyyaa gabrummaa jalatti kufe irraa kaasee bilisummaa isaa deebifachuu wareegama baasaa as gahe. Ammas wareegama qaqqaalii baasaa jira. Boris, ifitaanis haga bilisummaan mirkanaawuutti wareegama baasuun hin dhaabbatu. Warra mirga abbaa biyyummaa Oromoof jecha osoo qabsoo godhanii wareegaman seenaan bara baraan isaan yaadata.
Bara 2000 keessa manni marii Oromiyaa dha ofiin jedhu murtii dabaa Wayyaaneen itti kennite qabatee Finfinnee irratti murtii Oromoo fifinnee keessaa baasuu dabarsan. Oromoon marti bakka jirutti mormii isaa itti fufe. Falmaan Hoogganooti, miseensoti fi maanguddooti Waldaa Maccaa fi Tuulamaa godhan salphaa hin turre. Sana duubas hiriira waaman irratti goototni barattoota Oromoo hirmaatanii, warra hiriira bahaniif deebiin mootummaan Wayyaaneee kennee reebichaa fi salphisuun hamlee cabsuuf yaaluu ture.
Dhimma kana waliin wal qabatee barattooti Oromoo hedduu barnoota irraa arihamaniru, maanguddoon keenyi biyya isaani irraatti kabajaa dhabanii ulee reebamuu fi kophee polisiin dhiitamuun salphifamaniiru. Oromoon hedduu lubbuu isaa qaaliis itti wareeganii jiru. Gootonni sabbontonni Oromoo hoogganoota waldaa Maccaa fi Tuulama dabalatee barattooti Oromoo yuniversity Finfinnee haga hardhaa illee mana hidhaa keessatti gidiraa argaa jiru. Alamayyoo Garbaa fi Gaaddisaa Hirphasaas dhimma kana waliin wal qabatee mana hidhaa keessatti wareegaman akka fakkeenyaatti kaasuun dandahama. Filmaata Caamsaa 15, 2005 booda ammoo Wayyaannonni oggaa sardaman murtii duraan waa’ee Finfinnee irratti dabarsan waan ummatni irraanfate itti fakkaatee Finfinneen kan Oromooti jechuu jalqaban. Waajjirri Caffee Oromiyaa Finfinnee dha jechuu jalqaban. Kun hundi ittiin ummata sobuuf akka tahe ifaa jira. More is available at
www.oromoliberationfront.org/News/2006/Guyyaa_Finfinnee.htm

No comments: