1. Bara 1992 irraa egalee haala harawaan Wanjoo Gabirummaa motummaa wayyaneen (TPLFn) saba Oromoo fi Oromiyaa irra itti fe´amee jiru fonqolchuu fi mirga saba Oromoo gutummaa itti kabachisuf jecha qabsoo bilisummaa ogganummaa Adda Bilisummaa Oromoon (ABOn) geggefamaa jiru ni deggerra, waan nu irraa egamu hundaa ni gumaachina.
2. Mirga hiree murtefannaa umaman (dhalotaan) fi Waaqayyoon laatameef kabachifachuuf Fincila Diddaa Gabirummaa saba Oromoon geggefamaa turee fi jiru kessa itti injjifannoolee bonsoo galmeefaman ni dinqisifanna, waan nu irraa barbadamu maraan ni deggerra.
3. Umurii harqoota gabirummaa jarraa 21ffaa kan motummaa wayyaneen (TPLFn) impaayera Itophiyaa kessa itti geggefamaa jiru gabaabsuuf jarmiyooleen siyasaa gara garaa waliigalteen Tumasa Bilisummaa fi Demokirasii (TBD) hundessun isaanii injjifannoo haqaa sababii ta´eef ni deggerra. Qajjelfama ABO, kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo, irraa karaa caasaalee nuuf dabarfamu irra itti hundawuun mullata, ergaa, sagantaa, fi karoora TBD hojii itti hikuuf qophii ta´u kenya ni ibsina.
4. Motummaan gabironfataa fi abbaa irree Impaayera Itophiyaa kan obbo Malas Zenawin ogganamaa jiru karaa humna waranaa, tikaa, polisii, fi mana murtii dantaa (dhimma) wayyanee (TPLF) qofaa kabachisuu fi tiksuuf jecha tarkanfilee ajjechaa, hidhaa, reebicha, qaama hirrinaa, fi biyya dhalootaa irraa ariyatamu namoota nagaa (sivilii) irra itti raawachaa jiru ni balaalefanna. Motummaan TPLF meshaalee motummaa itti sera-ala fayyadamuun yakkoota raawachaa jiru kana akka hatattamaan dhaabuf ni akekachifna.
5. Kallatiin qajeelfama motummaan TPLF kenne fixaan baasuf jecha dameen barnoota senaa Yunversitii Maqalee (Tigrayi) barrefama sobaa fi jibba irra itti hundawee ragaa godhachuun senaa saba Oromoo xurressee barressuun yakka dhifama hin qabnee sababii ta´ef ni balaalefanna.
6. Qbsoo bilisummaa Oromoo dadhabsisuuf akkasumas kayyooTBD galma hanqisuuf ergamootiin TPLF maalaqaan bitamanii summii ummataa fi saba diguu, walitti busee nagaa boressu, fi wali-amantaa ballessu facaasuu itti akka bobbawanii jiran beekamaa dha. Kanaafuu osoo bekanuus ta´e osoo hin beekin akka meshaalee olola dinoota qabsoo bilisummaa Oromoo akka hin taaneef damaqinsaan akka ofi eegatnuuf ummata Oromoof waamicha dhiyeesina.
7. Maqaa saba Oromoo qabatanii jarmiyaa TPLF (Adda Bilisummaa Ummata Tigrayi) jala itti buluun (bitamuun) qarshii fi angoon sossobamuun dantaa (dhimma) wayyanee (TPLF) qofaa kabachisuu fi tiksuuf jecha barattoota, dubartoota, da´iman, manguddoo, dargaggota, qotee bultoota, hojjettota fi daldaltoota Oromoo du´a, hidhaa, reebicha, qaama irrina, qabenyaa saamamuu, fi biyyaa ariyatamuu itti dabarsitanii kennuu irraa akka ofi qusatan waamicha isinii dhiyeesina. Akkasumas yaa OPDO meshaa hidhannoo fi angoo ofi harkaa qabdaniin mirga bilisummaa fi demokirasii saba Oromoo deebisuu fi tiksuuf akka onnee gotaa horattaniif waamicha isinii dhiyeesina.
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Injifatnoon Ummata Oromoof!
KHG Tokkummaa Barattota Oromoo Jarmanii (TBOJ)
Adoolessa 24 bara 2006
Jarmanii, Munschin
No comments:
Post a Comment