October 06, 2006

Of Beeki Yaa Gantuu!

OF BEEKI YAA GANTTUU!

Horiin hin bitamin !
Guyyaa darbuuf jettee lammii kee hin nyaachisin!
Oromoon tokkumaa lama ta’aa namni ?
Abbaan dulaan Jaraa Oromoo miti innii
Maqaa Oromootiin daldalaa jiranii

Alaa dhuftan jedhuu ragaa maalii qabu?
Seenaan ni muldhisa jarri hin qabdu sammuu
Lafuma kenyarratti mataa kenya yaabuu?
Wal nu nyaachisaanii isaan maalsaa gaabbuu

Guyyaan tokko ni dhufa kan itti of bektuu
Gaafa sana garuu wawwaatuu wawaatuu
Homtuu sii hin dhaga’uu siifan du’aa jettuu
Waliif du’uun ammaa maal taate yaa Ganttuu

WBOn yemmuu mo’uu lafti yoo bariituu
Jalqaba du’uu kee atuu hin dagattuu
Waliin dhahuu dhiisii fili kan fakkaatuu
Laftii otoo hin bari’in OF BEEKI YAA GANTUU!

YOO BARI’UU GAHU ITTUU DUKKANA’AA
Yoo bari’uu gahuu ittuu dukkana’aa
Jedhanii oddeessuu jarsoliin jabanaa
Bari’uuf ta’inaa dukkannii akkanaa
Isanitti yoo dhihuu nuuf immoo hin bari’aa

Oromoo jechuun yakkamaan hikkamee
Ashabarii jechuun maqaan Moggaafamee
ABO dha jedhuu innimoo maal maqee
Cunqursaa saba isaaf ka’etoo falmatee

Guuranii dadhaban Oromoo hidhattii
Tokkoo fi lama setee hin dhumuu salphattii
Jarattiin gowwomtee hin qoostii ofittii
Oromoo hacuuccee nan jiraadha seetii?

Garuu yaa waa hinyannee (wayyanee) maaliif bori hin beknee
Hin bari’uu seetee du’a kee ariifachiistee
Kan bari’ee lixee kan lixes bari’ee
Walittii nuyaa fiduu rabbi yaa

Har’aa kan qabamtan harka isanittiin
Ulee fi hidhaa jaraan kan dararamtan
Dhugaa dubbattaniif warri wareegamtan
Dhibbaa dadhabdanii warri biyyaa baatan
Gesseeti kaa yeroon kan itti yaadatamtan
Dhiheetoo hin hafuu ni bariya guyyaan
Jira lammiin keessan baasa gumaan keessan!!

Gadaan Gadaa Billisumma ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!

Source: www.oromoliberationfront.org