October 03, 2006

Oolmaya Irreechaa

OOLMAYA IRRECHAA
Onkoloolessa 2, 2006 (Oromiyaa) - Uummanni Oromoos lafa fagoof dhiyoorraa walarguu barbaadee, waaqa isaaf galata galchuuf qopha'ee uffata Aadaan kuulamee fayamee akkuma bokka fi lolaa bara kanaa gad dhangala'e.
Uummanni Irreechaaf dhufe magaalaa Bushooftuu seenuu kan eegale Fulbaana 30 bara 2006 eegaleeti. Inni iddoo fagoorra dhfe itti dhiyaatee jalbuluu isaatti. Waaqeffattoonni kun irracaalaan isaanii uummata naannoo Tuulamaa yaa ta'anii malee dachee Oromiyaa namni irraa hin dhufiin barbaannee dhabne. Lafa fagoo Waaqiffattoonni irraa dhufan isa faffagoo yoo maqaa dhoofne, Kamsee, Wanbara, Boorana, Gujii karrayyuu, Iluuabbaabooraa, Jimmaa, Wallagga, akkasumas Keenyaarraa namoon argamaniiru.
Baa'ina Namaa ilaalchisee
Namoota Ayyana kanarratti qooda fudhatan lakkoofsa isaanii sirriitti beekuun hin danda'amu. Sababiin namoon fagodhaa dhufan bariin Irreeffatanii gara manaatti debi`u. Ammoo warri fagoodhaa dhufan kan biraan Hora Arsadii ga'uuf yero dheeraa waan itti fudhatuuf barfatanii dhfanii bodarra deebi'u. Yaa ta'uu malee nutti barii sa'aa 6:00( 12:00 A.L.H) hang galgala sa'aa 6:00 ( 12:00 ALH) eegallee malkaa dhabbannee akka ilaallee tilmaamnetti walumaa galatti Uummanni 700,000 hanga miliyoona tokkoo ta'u Ayyaancharratti qooda fudhateera.Ayyanna kan isa yeroo biroorraa waanti adda isa godhu tokko Daawwatoonnii fi baratoonni (Researchers) biyyoota adda addaa argamuu isaaniitti. Daawwatoota kana yaada isaanii yoo gaafannu namoonni kun kan Ayyanna kabajan utuu hin taane kan Walga'ii ABO dhufan fakkaatu jechuun warri ABO beekan ibsaniiru. Warri hin beekne ammoo waa'ee Alaabaa ABO baruuf tattafachaa turan.
Namoota argaman keessaa dubartoonni harka dhibbarraa persentii 30 ta'uu jechuun ni danda'u.
Wayyaa Ayyanna kanarratti guddinaan Uffatame.
Namni walumaa galatti jechuu ni danda'ama wayyaa aadaa nannoo naannoo isaatti argamuun kuulamee, faayamee rifeensa ofii kaan daabee filatee kaan ammo goofaree abaaboo godhee shamarran shore dhahatanii yo walduuka ya'an nama qalbiin dhaabatee ilaaleef ergaa guddaatti darbe.
Ammoo kan baayyee namatti toluu fi nama abdachiisu tokko namni marti akka waan ajajamee ykn dirqamee wayya ykn goffoo ykn kophee ykn bokkuu ykn orooroo ykn siinqee ykn meeshaa aadaa qabatee ba'e yoo hafee hafe ammo qaama isaa/ishee iddoo tokkorratti alaabaa ABO fanifatanii jiru. Kun Ayyaana bara kanaa isa yeroo biroorraa adda godha. Wayyaan uffatamaa ture sun kan iddoo garagaraa waan ta'eef namaaf dhiisatii lafaaf illee midhagina guddaa ture.
Sirboota akkamiitii Sirbamaa Ture?
Sirbi waa'ee Irreechaa akkuma jirutti ta'ee kaan irrrri caalaan garuu kan waa'ee bilisummaa faarsu ture. Ayyana kanarratti waanti firris diinnis gadfageenyaan hubate tokko Oromoon yaadaan tokko ta'uu isaa fi akka malee bilisummaa dhugaa kan barbaadaa jiruu fi hanga achi ga'utti kan duubatti hin deebne ta'uu isaati. Ammas akkuman sila waa'ee alaabaa jedhee waanti sirbamu akki isaa (style) garaa gara yoo ta'eeyyuu qabiyyeen isaa tokkuma. Innis hanga bilisummaatti duubatti hin deebnu!
Wayyanneen nurraa yaa kaatu!
ABOn kallacha qabsoo keenyaatti!
Finfinneen Handhuura Oromooti!!,Oromoon Tokkumma! Jechuudhaan dhaadatanii bookisanii awwaara kaasanii lafa sochoosanii miira walkaasaa fi wal gootomsaa oolaniiru. Keessumaa ammo Baratoota Oromoo farfachuun gudinaan mula'ateera.ABOn silaa hanga gurri diinaa duudutti hanga gurri firaa bassaa dhugutti farfatamee jajjabeefame ittiin dhaadatame. Abdii ilmaan Oromoo akka ta'es ni himame. Wayyaaneen kana biruma dhaabbatee utuu itti hadhaa'uu liqimsuuf dirqamte. Utuu wayaaneen nutuu isni bulcha jettuu uummanni ammo lakkii nutti dhaaba qabnaa jedhee gurra keessan as qabaa jechuun itti himee biraa deeme.
Waan jedhamee sirbame bareesee sinii himuun guddoo na dhibdi kanaaf waarri carraa isaa arggatan viidiyoon kan waraabame ilaaluu dandeesu.
Bara kana Ayyana kanarratti waanti addaa biroon ammoo kan yeroo biro caalaa shamaranii fi dargageessi qooda fudhachuu isaaniitti. Namoon kun barataa, qonnaan bulaa, hojjetaa mootummaa, hojjetoota biroo, poolisii fi loltuu mootummaa wayyanee keessa kan jiran saboontonni Oromoo hedduun ayyaana kanarratti argamuudhaan isaanis uummata isaanii waliin malee diina waliin akka hin taane mirkananeesaniiru.
Eebbi Maal Fakkaata?
Akkuma Aadaatti manguddoonni Oromoo hedduun akkaataa idda Oromoon hangafaa hanga quxisuutti eebba xurursaa oolaniiru. Eeba kanaan Malkaa eebsanii waaqa galateefatanii akkasumas waqqayyoo akka Oromoo bilsoomsu tokko akka godhu Oromoon ammoo akka jabaatee hojjetu dhaamsa isaanii dabarsaniiru.
Manguddoon kun waa'ee HIV/AID illee uummata barsiisanii Oromoon akkuma wayyanee of irraa lolaa jiru dhukuba kanallee akka of irraa facisu dhaamani jiru. Ayyanni kun Baadii ilmaan Oromoon ijaramaniin babareedaara. Fkf. Kan akka baandii Omarsan, Baandii Salaalee fi kkf.Oolmaa WayyaaneeWayyaaneen gaafuma jalabultii Ayyaana Irreechaa eegaltee karaa magaalaa bushooftuu fidu cufa cuftee nama sakata'aa turteetti Sakata'uun kun kan iddoo heeduutti ta'e ta'uu isaa caalaa akka malee kan nama mufachiisu ture. Sodoo uummatarraa qabdurraa kan ka'een hanga gurra namaa keessaatti sakata'aa tura.Galgaleefatanii ammoo seeraan ala mana namoota hedduutti duuluun gara namoota 30 olii hidhanii guyyaa Ayyanaa mana hidhaa oolchaniiru. Ha'a ammo uumni tikaa wayyanee namoota alaabaa, faajii, kitaabolee fi mallattoo Oromoo baataa turan ykn gurguraa turan guyyaa hordofaa turtee galgala yoo namni gargar yaa'u namoota san qabaa akka jirtu agareerra.Waan fedhe ta'us Ayyanichi sira ho'aadhaan eegalamee akkasumatti itti fufee oolee galgala xummurameera.
Yeroo ammaa Wayyaneen bakka ilmaan Oromoo itti walga'uu danda'an mara cuftee akka namni (Oromoon) walhin agarre, hin mara'ane gochaa yeroo jirtu kanatti Irrechi kan Oromoo walitti fidu daandii fi Waltajjii tokkittii Oromoon qabu ta'ee argama. Kanafis Fakkaata Oromoon bakka jiru mararraa kana walitti yaa'ee kana baranaa ofkolee kan bara hegeree ammoo waaq ittiin nuga'i jedhee nagaa walitti dhaamatee akka intala heerumaaf kaatee warra mararffatuu adda ba'uu jibbee dhaabbatee wal ilaalee utuu garaa isa nyaatuu gargar galeera.
Takkaa akka gammaduu takkaa ammoo gabrumaan nagubdee keessi koo aariidhaan akka affeelamuu na godhe. Waanti natti mula'ate tokko guyyaa Oromoon bilisoomtee uumni kun yaada tokkoon utuu qawween hin marfamiin oole maal maal akka inni sirbu argee jedheen baayyee yaadaan dhama'aa ooleen galee Ammallee sammuu koo keessaa sirbi sun na sirbaa jira.
INJIFANNOO UUMMATA OROMOOF!!
GADAAN GADAA BILISUMMAA TI!!
Source: www.oromoliberationfront.org

No comments: