July 14, 2007

Humnni Addaa Uummata Oromoo Ukkaamsu Qophaahuun Hubatame

Godina Iluu A/Booraa Ona Dambii, Beddellee fi Cooraatti Poolisoonni Kudhan Kudhan dhoksaan wayyaanonni Onoota 3n kana irratti qopheeffatanii kaa'amanii jiraachuun jaraa biragahameera.. Poolisoonni 30n kun wal quba qabu. Bakki jarri itti walgayanus magalaa Beddelleeti; yaroon hojii poolisoota kanaa halkan irraa Sa'aa 1:00 booda. Guyyaa hojii kana hin hojjetani; guyyaa Uffata Siviilii malee hin uffatani. Kaayyoon ykn akeekni Poolisoonni kun bu'ureffamaniif sab-boontota Oromoo ciccimoo ukkaamsuu akka ta'e barameera.

Quunnamtiin poolisoota kanaa Dhimma nageenyaa zoonii fi Tika zoonii kanaa fi akkasumas Tika Feederaalaa qofaan akka wal quunnamanu baramee jira. Qaamni jara beeku kana malee hin jiru. Kanaafuu, Sab-boontonni Oromoo fi Ummanni Oromoo naannoo kanaa ciminaa fi dammaqiinsa guddaan akka of eeggatanu keessa beektonni dhaamanii jiru. Sabummaan poolisoota 30n kanaa irra caalaan isaanii ilmaan Tigiraay afaan Oromoo akka gaariitti dubbatanuudha jedha maddeen keenya. Kaan ammoo ilmaan Habashaa Oromiyaa keessatti dhalatanii guddataniidha. Oromoon tokko illee keessa hin jiru.

Gara biraan walgayiin Minaasee W/Giyoorgisiin Adaamaatti deemaa jiru jeequmsa qofan akka ta'e baramee jira. Keessumaayyuu jedhu maddeen keenya: Gaaffiin poolisoota biraa kaa'aa jiru Minaasee hudhee qabee jira. Walgayiin kun hanga 10/11/99 ALHtti kan
itti fufu ta'uun isaallee hubatameera.


******


Oromoon Marti Dhimma Kana Irratti Duuluu Qaba!

Ibsa Ejjennoo Barattoota Oromoo Yuuniversiitii Aarbaa Minch

Akkuma amala ishee habashoonni har'as seenaa saba Oromoo xureessuu fi haaluu irraa duubatti hin jenne. Haaluma kanaan torbee darbe habashoonni sadii isaanis Tasfamikaa'el-barsiisaa seenaa; Oromoon muka irraa dhufe yoo jedhu, Sintaayyoo Kidaanee-barsiisaa seenaa immoo Oromoon keeniyaa irraa Somaaleen arii'ame biyya Itoophiyaa seene jechuudhaan diinummaa fi jibbinsa saba Oromoof qaban mul'isaniiru. Akkasumas barsiisaa Ingiliffaa kan ta'e Wubaayyee Asaayyee kan jedhamus Dhimma kun dhugaa dha "debate" godhaa jechuun kutaa keessatti odeessee jira.

Dhimma kana ilaalchisnee nuti barattoonni Yuuniversiitii kanaa erga irratti marii'annee booda tarkaanfii mataa keenyaa fudhannee turre. Haata'u malee sun qofti gahaadha jennee hin amannu. Kanaaf ibsa ejjennoo armaan gadii baafannee jirra

1.Kitaaba seenaa uummata Oromoo xureessu mana kitaabaa yuuniversiitichaa keessatti argamu hatattamaan akka dhabamsiifamu ni gaafanna.

2.Barreessaan kitaabichaa Baahiruu Zawdee jedhamu amma yuuniversiitii Finfinnee barsiisaa jiru seeraan akka gaafatamu ni gaafanna.

3.Kitaaboleen seenaa kutaa 7ffaa fi 8ffaa dhimma seenaa Oromoo gurraachessu kana qabatanii jiran, hatattamaan akka jijjiiraman ni gaafanna.

4.Namoonni kun sadan to'annoo seeraa jala oolanii jiran, hatattamaan murtoo itti kennamee uummataaf akka ifa ta'u ni gaafanna.

5.Kitaaboleen seenaa fi kanneen biroo seenaa uummata Oromoo xureessan bakkeewwan adda addaatti argaman akka dhabamsiifaman ni gaafanna.

6.Waluumaagalatti barattoonni Oromoo Yuuniversiitii biroo fi uummanni Oromoo marti tarkaanfii barbaachisu mara akka fudhattan waamicha keenya dabarsina.

Injifannoo Uummata Oromoof!!

Barattoota Oromoo Yuuniversiitii Aarbaa Minch

1 comment:

Anonymous said...

Hi
http://www.performancesporthorses.com/ - klonopin mg
This drug is not also for pregnant women and lactating mothers because there have been medical evidence that the effect of this drug causes various malformations like cardiac or facial deformations and and also decreases IQ level when used in early pregnancy.
[url=http://www.performancesporthorses.com/]klonopin clonazepam[/url]
5, 1 and 2 mg.
buy klonopin online
This drug does not affect the GABA levels.