August 30, 2007

Barcuma Ulfinaa Abbaatu Of-jala Baata! (Gabaasa Oromtitti)

Barcuma Ulfinaa Abbaatu Of-jala Baata!

Jila OPDO Wayyaaneen Kaaba Ameerikaatti Bobbaafte

Gabaasa Oromtitti, Hagayya 29, 2007


Jilli OPDO maqaa investmentiin Oromoota biyya ambaa jiraatan gowwomsuuf bobba’e qaanii fi salphina haguuggatee jira. Jilli OPDO kan namticha Mohammed Hussen jedhamuun durfamu torbaan darbe irraa jalqabee Ameerikaa kaabaa magaalota murtaawoo keessatti walgahii gochuudhaan Oromoota investment wabii hin qabnee fi lafa fudhachuutti hawwatuu irratti bobba’uudhaan ergaa gooftolii isaanii bakkaan gahuuf ifaajaa jiran.

Kaayoon wayyaanee gabaabaadhumatti awwaala Oromiyaa irratti biyya ofii jaarrachuu dha. Kaayoon Habashoonni uummta Oromoo fi Oromiyaadhaaf qaban yoom illee jirjjiiramee hin beeku. Yeroodhaa gara yerootti tooftaan haa jijjiiramu malee hundeen kaayyoo isaanii tokkuma. Hardhas wayyaaneen tooftaa abbootii isii moofaa haarayoomsitee hadhaa kaayoo isii jechoota mimmi’aawoo kan akka investment fi lafa fudhachuu keessa dhoksitee as baate. Yeroo ammaa ergamtoonni wayyaanee Oromoota biyya ambaa jiraatu afaan faajjeessitee akka waan isaan waliin hiriiran fakkeessuudhaan uummata keenya biyya keessaa qabsaawaa jiru ittiin haamilee cabsuuf karoorfattee jirti.

Lukkeewwan wayyaannee ilmaan Oromoo ajjeeftee bineensa nyaachisaa, Oromoota kumaaatamaan manneen hidhaa keessatti hiraarsaa , gariin murtii du’aa irratti dabarsaa, barttoota Oromoodhaa akka hin baranne barnoota irraa dhoorkaa , maqaa misooma dinagdeetiin qabeenya Oromoo golgoleessaa walumaagala Oromiyaa keessatti subboontota Oromootti guyyaa itti dukkaneessaa biyya alaatti gadi bahuudhaan ija ofii ashaboodhaan dhiqatanii qaanii tokko malee kottaa lafa fudhadhaa, kottaa Oromiya keessatti invest godha jechuun kan baayyee nama dinqu fi diinni hagam takka Oromoo akka tuffatu kan calaqqisiisu.

Wayyaaneen yeroo ammaa deegarsaa fi horii guddaa irratti baasuudhaan maqaa investmentii fi lafa kennuutiin qalbii Oromootaa hojii qabsoo irraa gara balleesuuf tattaafata cimaa godhaa jirti. Gama tokkoon dhiiga Oromoo dhangalaasa fi lubbuu Oromoota dhibbaan lakkaawamu ajjeesaa, Oromoo mirga abbaa biyyummaa dhoorkattee yakka guddaa ummata keenya irratti raawwataa jirti. Gama biroodhaan ammo wayyaaneen lukkeewwa meeshaa godhachuudhaan lafa fudhachuu fi investmentii wabii hin qabnetti Oromoota biyya ambaa afeerti. Haa tahu malee saboontonni Oromoo biyya ambaa jiraatan tuffii hiryaa hin qabne kana yoom iyyuu fudhatuu akka hin dandeenne karaa dandayan maraan muldhisani jiru.

Qaama keenya walakkaa hidhaa fi dararaa Oromoo gara jabinaan qe’ee abbaa fi akaakayyuu isaa irraa buqqisaa, walumaa gala eenyummaa isaa balleessaa fi duula qorqalbii irratti gaggeessaa; diinni as garagalee Oromoota biyya ambaatiin ammo kottuu lafa fudhu kottuu invest godhi jechuun tuffii guddaa dha. Qotee bulaa Oromoo qe’ee abbaa isaa irraa buqqisanii nama jireenyaan biyya san illee hin jiraanne itti yaamuun kan namaa liqimfamu miti.

Yeroo itti barattoonni Oromoo maanguddoonni, aayyoliin akkasumas kaa'imman Oromoo biyya keessaa bilisummaa Oromoo dhugoomsuuf jecha wareegama gurgddoo kaffalaa jiran kana keessaatti biyya sanatti invest gochuu fi lafa fudhachuun Oromummaa irratti yakka guddaa raawwachuu dha. Mootummaa qabsoo Oromo fi saboota Oromoo kokkee qabee lubbuu keessaa fuudhuu kajeelu cinaa dhaabbatanii Oromummaa fi qabsoo Oromoo ajjeesuu irrara addaan kan ilaalamu miti.

Oromooti biyyaa abbaa keenyaa keessatti jiruu-jireenya dhabnee biyaa arihamnee fi baanee adunyaa mara keessa facaanee jirru yeroo ammaatti kan nuu irraa eeggamu subboontota Oromoo Oromiyaa keessa afaan diinaa jela taahaanii qabsaawaa jiran cinaa dhaabbachuudhaan hanga qabsoon Oromoo galii isaa ga'utti harka wal qabannee mootummaa abbaa irree ofirraa buqqisuu qofa. Akeeki diinaa akka hin milkoofne, lukkeewwan wayyaanee yeroo mara bakka hundaatti lamuu akka mataa ol hin qabannetti barnooa hin irraanfatamne kennuufiin seenaa haa hojjannu. Hawaasi Oromoo bakka jiru maratti akka kannisa gurmuudhaan ka'ee daba gabroomfatootaa kana ofirraa ittisuun dirqama dhalootaa ti.

Akeeka Wayyaaneen Oromoof qabdu osoo hin hubatin Oromoonni lafa fudhachuu fi investment akkasumas yaada kana facaasuu irratti bobbahan jiraachuun ni malu. Haa tahu malee dogoggora ofii irraa deebi’uun ammo gamnummaa dha. Lukkeewwan wayyaanee kanneen garaa ofii guuttachuudhaan meeshaa diinaa tahanii ergaa diina fiixa baasuuf bobbahanis salphina kana irraa barachuudhaan hojii farrummaa kana irraa deebi’uun saba Oromoo fi uummata cunqurfamoo cinaa akka dhaabbatan abdii guddaan qaba.

Jilli OPDO yeroo ammaa gara Ameerikaa kaabaatti bobbaafame magaalota sadii irratti xiyyeeffatan. Isaanis : Minneapolis ( Oromiya Xiqqoo), Washington DC fi Seattle. Armaan gaditti walgahiilee magaalota sadeen kana keessatti gaggeessfaman bifa gabaabaa taheen cuunfaa qindaawe dhiheessuudhaan Oromoonni odeeffannoo kana quba hin qabne hubannoo waliigalaa akka argataniif carraaqa.

Ergamtoonni wayyaanne walgahii jalqabuuf kan saganteeffatan magaala Minneapolis keessaati. Haaluma kanaan Hagayya 25 bara 2007 Minneapolis keessatti walgayii yaaman. Walgahiin maxxannee kun dalagaa boonsaa saboontonni Oromoo magaala kana keessa jiraatan godhaniin fashalee, angawooti OPDO dhiiga ilmaan Oromoo dhugaanii bunuutii jabbiirra jirtu fakaatanii fi lafee gootota Oromootiin xabachaa jiran galma keessaa baqatanii ba'an.

Yeroo isaan galma san keessaa baqatanii bahan sabboontonni ilmaan Oromoo tarkaanfilee fudhatan keessaa:

1.“Hattuu”jechuudhaan duubaan harka walitti rukutanii itti sirban

2. Irratii tufan

3. Bishaan irratti dhangalaasan

4. Kalchoodhaan akka kubbaatti dhiidhiitan

5.Alaabaa ABO adda issaaniitti qabanii cuuphan

6.Akka saree cidha keessatti dhuuftee olii fi gad ariwuun walumaa galatti bakka lixan

dhabanii akka hantuuta adurree argitee gara boolla isheetti dheessuu godhan.

Walumaagala subboontonni ilmaan Oromoo Minneapolis seenaa hojjachuudhaan, gantoota gugsanii of irraa arihuun salphina kan hin jedhamne itti haguugan.

Hagayya 26, 2007 jilli OPDO maqaa investmentiin Oromoota biyya ambaa jiraatan gowwomsuuf bobba’e kun gara Washington DC deeman. Salphina sabboontota Oromootiin Minneapolis itti irra gaheen rifachuudhaan walgahii Washington DC kan duraan Howard University itti saganteeffattee turte namoota murtaawe kophaa wajjin embassy Ethiopia keessatti gaggeessuf dirqamtee jirti. Akkuma sabboontonni Oromoo lukkeewwan diinaa Minniyaapolisitti tumani salphina itti haguugan dargaggoonni Washington DCiis lukkeewwan diinaa kun lamuu akka mataa ol hin qabannetti barnoota hin irraanfatamne kennufiif akka gaariitti qophaawanii turan. Haa tahu malee lukkeewwan Miiniyapolisitti jiilanii dhufan waan taheef bakka walgahii jijjiiruu qofaa osoo hin taane walgahii Washington DC kana irratti suboontonni Oromoo akka hin argamneef sa’aa walgahii jijjiiran illee odeeffannoo isaanuma keessa argataniin saboontonni Oromoo muraasi walgahii kana irratti argamuun gaaffii ciccimoo gaafachuudhaan akkasumas tuffii lukkeewwan diinaa kanaaf qaban muldhisuudhaan lafa ilaalchisanii jiru.

Ergamtoonni wayyaanee kun walgahii Washington DC kana irratti gabaasa Oromoota biyya ambaa jiraataniif homaa fayidaa hin qabne dhiheessuutti kan yeroo guban fi guddinni Oromiyaa keessaatti dhufeera jechuu illee kan kajeelan yoo tahu sabboontonni ilmaan Oromoo walgahicha irratti argaman garuu guddina Oromiyaa baantan kana bifa qabatamaa taheen nutti himaa guddina Oromiyaa fi baayyina uummata Oromoo akkasumas guddina Tigiray fi baayyina uummata Tigraay wal cinaa qabudhaan akkataa itti Oromiyaan guddatte qabatamaan nuu ibsaa jedhuun waan dubbatan waldhaalchisanii jiru. Ittuma dabaluudhaan subboontaooni ilmaan Oromoo walgahi kana irratti argaman Oromoon biyyattii keessatti irra jireessa ( majority) tahuu ibsuudhaan , kun ammo biyya lafaa hunda keessaatti dantaa ofii kabachiisuu irratti hiree guddaa kan namaa kennu waan taheef irra jireessa tahuu Oromootti dhimma bahudhaan paarlamaa keessatti dantaa Oromoo maalfaa kabachiisaa jirtu ? gaaffii jedhu fi keessaahuu dhiittamuu mirga dhala namummaa biyyattii keessatti Oromoota irraa gahaa jiru kan dhiheennuma kana Washinington Post gaazexessitoota mana hidhaatii bahan wabii godhachuudhaan namoota waliigala hidhamanii jiran keessaa harki 85% maanguddoo waggaa 90 fi hawwan umriin 86 dabalatee Oromoo tahuu saaxiluun barreesse fi kan Mallas gaaffi-deebii dhiheenna godhe keessatti hidhaa Oromiyaa keessatti deemaa jiru caffee Oromiyaatu beeka jechuun itti gaafatamummaa lukkeewwan isaa irra kaa’e irra dhaabachuudhaan , maalif uummata keessan hiitu ? maalif darartu jechuudhaan gaaffi jajjabduu deebii hin qabne hedduu gaafatanii ……... biyya uummanni dhuunfaadhaan illee hedduminaan bahee wal simatu keessatti isin Oromiya bakka buutanii dhuftanii garuu akka hattuutti dhuftanii akka hattuutti deebi’uu fi salphachuun keessan nama gaddisiisa jechuun tuffii lukkeewwan kanaaf qaban ibsanii jiru.

Hagayya 28, 2007 lukkeewwan OPDO gara Seattle qajeelan. Akuma Oromoonni marti eegaa turetti walgahii OPDOn Magaalaa Seattle keessatti saganteefatte akka maletti kashafe jira. Walgahiin ergamtoota wayyanee kun injifannoo sab-boonootaan xumuramu qofa osoo hin tahiin galma isaan horii guddaa itti baasanii kireefatan keessatti walgahiin sab-boonootaa gaggeefamee murtiin cicimtun irratti fudhatame jira. Akkuma walgahiin magaalaa Seattle keessatti yaamaa jirtu dhagayametti, sab-boonoonni Oromoo hatattamaan walgahii walyaamtee dhimoota walgahichi waamamee bal’inaan erga marihatte booda, hagayya 26, 2007 sab-boonoota hafanii fi walumaa galatti hawaasa guutu walgahii yaamuudhaan akka dhimmi irratti marihatamu murteessan.

Guyyaa walgahiin hawaasaa yaamame qormaata godhamee fi dhimmoonni kana fakkaatan hawaasaaf dhihaate, mariin bal’aan erga gaggeefameen booda walgahii kana dhaquun akka dura dhaabatamu qabu akka hawaasaatti murtii dabarfatan.

Guyyaa walgahii OPDO namoonni hedduun dargaggoo shamarran manguddoofi haawwan dabalatee sa’aa ja’ametti bakka walgahiiti argaman. Keessaafuu, dargaggoonwaan huccuu aadda Alaabaa dabalatee guurrachuun hedduminaan kan achitti argaman yoo tahu sab- boonummaan irraa calaqisu kan hedduu nama gammachiisu ture.

Lukkeelee fi ergamtoonni Wayyaane duraanuu akka hawaasni isaan eeggachaa jiru waan baraniif hamma tokko eeggamani bakkuma horii itti baasani qabatan irratti hin argamne. Saba boontooni Oromoo yeruma sana karoora isaani lammaffaatti tarkaanfachuun Alaabaa ABO fi faajji barcuma lukkeeleef qophaawe irra kaayyachuun marii isaani jalqaban. As irratti nyaata illee ajajachuu hin oolan kan ja’u yaanni dhufee – warra galmaa nyaanni isaan ajajan akka uummataaf dhihaatu gaafannaan akka nyaata hin ajajiin waan himaniif itti dhiisuun walgahiin itti fufe.Walgahiin erga jalqabe kanneen yamamani dhufan namoota lamaan sadeen tokkon, “Kun warra isaanitti dhukkee kaasuuf dhufe, isaan hin jiran” jachun erga itti himame booda ibsi kennameefi jira. Hundaafuu, walgahiin bal’inaan itti fufee, bakka isaan jiraniis adamsuuf namni erga itti godhameen booda murtiilee cicimtuu dabarfamee jira. Murtitti osoo hin dabriin garuu, walgahii erga xumuranneen booda, hoteela tokko jiru kan ja’u oduun waan dhufeef, namoonni hamma 20 tahan ergamani achiihiis isaan dhabani jiru.

Murtii sub-boontonni magaalaa Seattle dabarfatan:

1. Kanneen ergamtoota OPDO magaalaa Seattle keessatti tajaajilan waliin hawaasni Oromoo du’aa-jiruu akka waliin hin qabaanne.

2. Kanneen lukkeelee kanaan sobamani, akka jalaa deebi’a waamicha goona. Yoo deebi’u baatan isaanirratti tarkaanfi fudhatamuu itti kan ittigaafataman isaanma akka tahe akka beekan.

3. OPDO Ummata keenya hidhatti guuraa, ajeesaa fi ajeesisaa jirtu, karaa dandayame hundaan dura dhaabbachuf ciminaan hojjanna

4. Ummanni Oromoo Qabsoo Bilisummaa isaa finiinsuu malee filmaata waan hin qabneef, gama keenyaan qooda nurraa eeggamu hunda baasuuf qophii dha.

5. Dhaaba maxxannee OPDO fi Wayyaanee ummata keenya fixaa jiru jidduu garaagarummaan hin jiru

6. Maqaa investment dhaan, Oromoota roorroo alagaa irraa baqatani biyya agaa jiran, sobuuf tataaffii godhamaa jiru ni balaaleefanna dura dhaabanna.

7. Ummata Oromoo qa’ee isaa irraa buqaasani lafa isaa gurguruun kaznaa Wayyaanee gabbisuuf yaaliin godhamu dhaabbachu qaba. Kanneen, beekaa tahe osoo hin beekiin haala fokkisaa fi gaddisiisaa tahe kanarraa qooda fudhachaa jiran akka irraa dhaabbatan waamicha keenya dabarsina,

8. Oromoonni biyya alagaa jiran gochaa wayaanee fi lukkeelee isaani kanatti damqanii ciminaan of eegu qofa osoo hin tahiin bakka jiranitti akka tarkaanfii fudhatan akeekkachiifna.

Kan jedhu ture.

Aangawonni OPDO kan Wayyaanee bakka bu’anii dhufan:

1.Mohaammad Huseen (Hoogganaa jilaa fi itti gaaffatamaa dhimma Hawaasaa caffee Oromiyaa)

2. Muktaar Kadir ( Itti aanaa Pirezidaantii Oromiyaa)

3. Alamaayyoo Atoomsaa

4. Fiqaaduu Tassammaa

5. Mangistuu Haayiluu

6.Geetaachoo Badhaanee

Jarreen kanatti dabaluudhaan lukkeewwan dantaa bubuutuun gowwomfamanii naannoo Embassy Ethiopia hojjatan fi kan lakkoobsan shan gayan dabalataan jiru.

Hayye! Bineensii argan, nama hin nyaatu jedha Oromoon. Haala tahe kana cufa keessatti wanni heddu nama dinquu fi kan nama gamachiisu ergamtoonni wayyaanee qaanii haguuggachuu isaanii qofaa osoo hin taane akkaataa itti sab-boontonni Oromoo murannoo fi mamii takka malee odeessa wal jijjiiraa fi dirqama walirraa fudhachaa akkasumas bilbilchuun wal beeysisaa turan. Nama dhufu,qorachuu fi bakka qubsumaa hubachuu. Enyu eessa akka deeme eenyu akka afeerame, eenyu akka afeeraa jiru odeeffannoo gahaatti wal jijiiramaa ture.

Washington DC bakka maxxanneen Embassy kessatti walgahii gaggeessitetti ammo sabboontoonni Oromoo yaada “wal-calaluu” jedhuun kaka’anii dirqama walii kennuudhaan eenyu akka walgahii san irratti argame vidiyoo fi kaameraadhaan kaasanii jiru.

Dhuma irratti “Yoo poolisiin si qabe akkam goota ?” jedhee gaaffiin dargaggoo tokko gaafadheef deebii inni naa kenne isiniif himeen dubbii kiyya asuma irratti xumura. Dargaggoon waggaa 23 kun afaan Oromoo akka dammaa mi’aaw dubbata, jechooti afaan isaa keessaa bahan garaa nama qabbaneessa. Sabboonaa dha, iji isaa diddiimatee aarii guddaa qaba ni beeysisa. Sabboonaan Oromoo kun dargaggoota kaayoo diinaa fashalsiisuu irratti hirmaatan keessaa tokko. Yeroo deebii naa deebisu “Jarattii kana gaafan argu mataa kiyyatu natii ka’a … jechuudhaan eegale. Mataa na dhukkuba ! Biyya abbaa kiyyaa irraa baqadhee kan biyya Ormaa taa’u jaalladhee miti…..mootummaan Ameerikaanii seeraan akka koolu-galaa tokkoottii na fudhatee kan Aylum naa kenneef sababa wayyaaneen biyya kiyya irraa jiraachuu na dhorkiteefi. Yoo poolisni na qabe kanuman itti hima… jarreen maatii kiyya fixanii, firoottan koo manneen hidhaa keessatti dararaa jirantu kunoo as biyya an itti baqadhee jirruttis na doorsisuu dhufan ….yeroo isaan argu mataan kiyya natti ka’aan jedhaan …..” naan jedhe. Brilliant!

Yaada fi gaaffii yoo qabaattan: Oromtitti@yaahoo.com

1 comment:

Anonymous said...

[url=http://www.ganar-dinero-ya.com][img]http://www.ganar-dinero-ya.com/ganardinero.jpg[/img][/url]
[b]Necesitas ganar dinero y no sabes que hacer[/b]
Nosotros hemos hallado la mejor pagina web en internet de como trabajar en casa. Como fue de interes para nosotros, tambien les puede ser de interes para ustedes. No son solo metodos de ganar dinero con su pagina web, hay todo tipo de metodos de ganar dinero en internet...
[b][url=http://www.ganar-dinero-ya.com][img]http://www.ganar-dinero-ya.com/dinero.jpg[/img][/url]Te recomendamos entrar a [url=http://www.ganar-dinero-ya.com/]Ganar dinero desde casa[/url][url=http://www.ganar-dinero-ya.com][img]http://www.ganar-dinero-ya.com/dinero.jpg[/img][/url][/b]