August 23, 2007

Ibsa Gumii Parlamaa Oromoo

Fulbaana 1/2000 ALA Guyya hidhamtoota Oromoo fi guyya Oromoon bulchiinsa Habasha jalati hidhamee guyya gadda ta’ee akka ol wamicha goonaa.

Wayyaaneen bulchiinsa gari ummataf fidee jecha Oromoo qoofati lammuman adda basee mana hidhati hanbisun oromoo hin hidhamiin hafee immo koota waliin milliniyeem kabajana jechuun lammi keenya hoji irra dhorkee qoophi adda addaa qoopheesun rakksa jira. Wagan kun garu oromoof wagga addati, sababi isaa:-

- Oromoo kuma 40, 000 ol tauu mana hidha Qaliti, Maikalawi, Zeway, Neqamte, Didheessa, Harar Jarso, Badanoo, Ciroo, Diredewa, Maqale, Aduwa, Bure, Zaraba Gidaf, Gimbii, Robee kkf oromoo qoofa hidha hanbisee darara jira.

- Bara oromoo ajeefamee Gara Sufiti reefi isaani bineensaf keenamee;

- Bara baratoon oromoo bakka bayeeti oromuma isaanf jecha akka hin baranee mana barumsa irra ariaman manati galan wara isaati ba’aa taani jiru,

- Miseensoon parlamaa oromoo umman keenya oromuma isaan badalamun dhabachu qaba jedhan matii fi jireenya isaan dhiysan yamuu biyya baani jiru,

- Waraani oromoo utuu uni meesha wayyaane banu lammiin keenya seeran ala ajefamu hin qabu jedhan bara jeenerala hanga waraana biyya gadii dhisee bayee,

- Aboon seera, deplomatoon fi gazexzsitoon oromoo midha ummata keenya irra ga’uu teenyee ilalu hin qabnu jedhan bara biyya baanti;

- Bara wayyaanen ummata keenya lagan qoodee Borana fi Guji, Borana fi Gari jechun lubuu kumata baleesisee qabeenya heedhu barbadeese;

- Bara seena biyya keenyati lammii Kiristiyana fi Isilaman akka wal qoode wal fixu kan godhee wayyaanen kana hunda hiranfadhati na waliin siirba jecha jiruti;

- Hara guyya of ayyana ayaneefachu eggalee kanati ilee Baha, Kibba fi Lixa Oromiyaati dhigga oromoo dhangalasa lubuu dhiban lakkawamu ajeesa jira.

Habashoon jiba isaani iffati bara muliifatan keessa koota Milliniyem waliin kabajana jedhan nu waamun tuufi ummata keenyaf qaban argsisa malee waan wal birra qabnu hin qabnu, issan siirba jiru uni immoo mana hidha, biyya ala fi boosoona keessa jira.

Kanaafu Gumii Parlamaa Oromoo lammiin keenya hundi fulbana 1/2000 wagga baranati kasee wagga waggan guyya hidhamtoota Oromoo fi guyya Oromoon bulchiinsa Habashaa jalati hidhamee jechun guyya gadda ta’ee akka olu waan murteeyeef guyya kana barana kaasee waagga waggan dhimmoota kana gadi akka rawwatan isiin beeksifna:-

  1. Nami hundi keenaa waan dandaee qabatee hidhamtoota mana hidhati akka dubisu;
  2. Keenaa waan dandaee qabatee mana matii hidhamtoota deemun akka jajabeesu;
  3. Namoota hidhamani ba’aan degersa barbachisu akka godhamuf, waan hundan isaanf matii isaan deebisan ijarun akka gargartan;
  4. Maqa hidhamitoota barreesun akka isaan gadi dhifaman degersa maalateesu;
  5. Murtiin du’aa hidhamtoota Oromoo irrati murtaee akka ka’uu maalatoo waliti qabun akka nu ergitan;
  6. Guyyan kun guyya gada waan ta’eef lammiin Oromoo kami iyuu bakka bashanana fi mana horma afeera akka hin deemnee, mana hidha, mana matii hidhamtoota fi mana ofi qoofati argamun guyya gaddaa kana akka yaadatan maqa waregamtoota qabsoo fi maqa hidhamtoota oromootiin issin gaafana.

Bilisuman ummata oromootiif

Gumii Parlamaa Oromoo

Hagayya 15/2007

Received from G. Q.

No comments: