August 28, 2007

Ijoo Dubbii Ejjennaa ABO Ibsu

Ijoo Dubbii Ejjennaa ABO Ibsu
(Hagayya 23, 2007)



Gartuuwwan maqaa ummatootaan angoo siyaasaa biyyootaa dhunfatan hedduun, maqaa ummatotaan dahatanii, hanna siyaasaa geeggessuun aadaa taheera. Mootumootni akkasii haqaa fi mirga siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, afaanii, seenaa fi kkf lammiileen biyya abbaa isaani irratti qabaatu qaban humnaan ukaamsani, rakkoo akkasuma wal diddaa politikaa uumu. Rakkina siyaasaa ofumaaf ummatootaa fi biyyaatti uuman ‘ni furraa’ fakkeessaa jedhuun golgaa gara garaa sababeeffachuudhaan ammo daldalummaa siyaasaa raawwatuun biyyoota Afrikaa hedduu, addatti ammo naannoo biyyoota baha Afrikaa kanaatti amala dhaabbataa tahee argama.

Itoophiyaa fi sirnii abbaa Irree murna bicuu TPLF/EPRDF kooraa angoo humna qawween dhunfate jiru, fakkii gartuu maqaa mootumaman hanna siyaasaa qindeessanii fi ittiin jiraatuu dhaan beekkame keessaa kan sadarkaa duraa ta’e galmaa’ee jira. Kan hundumaa caalaatti nama dhibu garuu, biyyootaa fi mootummootni naannicha, Afrikaa fi adduunyaa hedduun daldalummaa sirnii goolessituu Wayyanee itti jiru kana callisanii ilaaluu filatuu isaanii ti.

Haa tahu malee, calleessii mootummoota hedduu sababa beekkamaa qabaatuun ifaa dha. Inniis, akkuma Wayyaaneetti dhiigaa fi lafee ummatootaa qorquun, umrii bittaa dheereffachuun amma aadaa mootummoota Afrikaa hedduun dhaalame tahe waan gad dhaabbateef, kan kaan irraa wayyaa naana’ee biyyoota hagoo qofaatti waan galeef Mootummootni Wayyanee qeeqaan haphatuu mudate jira.

Sirnii murna bicuu Wayyaanee, rakkina siyaasaa Kaaba Dhiha Sudaniitti ummata Darfuur mudataa jiru furuuf takkaa qooda gumaache hin qabaanne. Haa tahuu malee Wayyaneen ar’a humna waraanaa nagaa eegdota Afrikaa fi UN jedhame naannoo sanaatti yaadamaa jiru keessatti makamuu dhaaf of kaadhimte jirti. Kun daldalummaa siyaasaa sirnichii tarkaanfachiisuu itti fufaa jiru keessaa isa tokko qofa ta’e argama.

Sirnii Wayyaanee mootummaa aadaa fi amala akkasuma seenaa nagaa fi tasgabbii uumuu hin qabne akka ta’e ummatootaa fi mootummootni naannichaa hedduun ni hubatu. Akeekni Wayyanee humna nagaa eegdotaa darfur keessatti of hirmaatuuf of lalabuuf hundeedhaan lama ta’uun hin haalamu. Tokkoffaa dinagdee ittiin elmatuuf. Gama kaaniin ammo, xurii akka mootumama fi humna waraana isaatti dibatee jiru karaa laga tokkummaa biyyoota gamtoomanii keessatti dhiqatuuf qophaa’aa jira.

Sirnii gad aanaan ilmaan Tigray, TPLF, ummatoota ofiifuu ‘nan bulchaa’ jedhu kanneen akka Oromoo, Ogaden, Sidaamaa, ummatoota Kibbaa, Gaambeellaa, Anyuak, Amhaaraa fi warra Tigray illee osoo hin hafin gooluu bira dabree, ummatoota biyyoota naannoo gaanfichaa kanneen akka Ertiraa, Soomalee, Kenya fi Sudan illee osoo hin hafin nagaa dhorkuun isaa yaadannoo yeroo ammaa ti.

Sirnii Wayyaanee, yakkaa waraanummaa ummata Soomaliyaa irratti raawwatuun osoo qaamota namoomaa sadarkaa adduunyaan himatamaa jiru; Waraannii mootummaa TPLF summii gosa white Phosphorus jedhamuu, kan seera adduunyaan dhorkanee jiruu akka meeshaa lolaa haaraatti mormitoota soomaliyarratti biifuun ajjeechaa jumlaa raawwatuun hin gaafatamin; Gartuun TPLF gufuu murtii sararamuu daangaa Ertiraa waliitti tahee waggootaaf osoo beekkamuu; Kaaba biyya Kenyaatti ummatoota nagaa bara baraan ajjeessuusaa galmeen osoo dubbatuu; Wayyaneen daangaa Sudan waliin biyyattiin qabduurratti seeraa ala lafa saamuun ummatoota Sudan achiin buqqisuun osoo argamuu; Walumaa gala sirnii Itoophiyaa fi waraannii isaa lammiilee gaanfichaatti kabajaa namummaa waakkatee osoo beekkamuu hujii nagaa eegdumma kanaaf darfuriitti akka dhaqu hayyamuun AU fi UN tuffii keessaa bahuu hin dandeenne qaamota kanneeniitti kan uumu tahe galmaa’uu dha.

Waraanni mootummaa goolessituu naannoo gaanfichaa akka Wayyanee nagaa biyyoota goolaa jiruu tohatuuf haqa hin qabu. Sirna faashistii akka TPLF/EPRDF maqaa mootummaan golgatee dinagdee fi xurii dhiqatuuf of kaadhimu hujii nagaa eegdummaaf ofiitti fuudhuun jaarmayoota AU fi UN jedhamaniin ofiitti fuudhamuun yakkamaa abbaa alangaa abbaa allangaa taasisanii muuduu dha.

Mootummaa Wayyanee kan imaammatoota bineensummaa ummatoota Itoophiyaa irratti diriirsee jiru; Sirna TPLF naannoo gaanfichaatti ummatoota gooluun nagaa dhorkaa jiru hujii nagaa eeguutti hirmaachisuun; gartuu murna bicuu Wayyanee wal didaa uumuun dhalatee, waldidaa dhaan jiraataa jiru, akkka wal didada dhaabsisuuf hayyamuun; Seeraa fi seenaanis gonkumaa fudhatama kan hin qabnee dha. AU’nis ta’e UN yo Sirna mallas Zenaawii darfuriitti kan ergu tahe, ofumaf kan ummatoota naannoo gaanfichaa biraatti tuffatamu tahuun beekamu qaba.

Kun ejjennaa Adda Bilisumma Oromoo ti!

No comments: