September 26, 2007

Ibsa Ejjennoo Miseensoota fi Deeggertoota ABO Biyya Switzerland


Ibsa Ejjennoo Miseensoota fi

Deeggertoota ABO Biyya Switzerland

Nuti miseensonni fi deeggertoonni ABO kan biyya Switzerland keessa jiraannu, bakka itti gafatamaan (I/G) dameen dantaa alaa (DDA) ABO (J/Gaashuu Lammessa) argamanitti, gaafa fulbaana 23, 2007 magaalaa Bern keessatti walgahii gooneerra. Dhimmi walga’ichaas haala yeroo amma murni biccuun woyyaanee uumata keenya irratti balaa geessisaa jirtuu fi sosocho’insa qabsaa’onnii fi ummatin oromoo biyya keessa fi alatti gochaa jiran irratti baldhinaan erga mari’annee booda ibsa ejjennoo kanaa gadii baafachuu dhaan walga’ii keenya milkii gaariin xumurreerra

Ibsa ejjennoo

  1. Murtii Shanee Gumii GS ABO walga'ii gaafa Adoolessa 5-12 irratti dabarse ni deeggarra. Waamicha yeroo fedhe oromootaaf godhamu ni fudhanna.

  1. Qabsoo kana cimsuuf bifa kamiin iyyuu tarkaanfii dhaabni keenya fudhatu hundaa ni deeggarra, waan dandeenyeen illee ni gargaarra.

  1. Fincila Diddaa Gabrummaa uummatni keenya Oromiyaa keessatti godhaa jiru ni deeggarra. Nutis waan qabsoon nugaafate hundaan bira dhaabbanna.

  1. Hawaasonni Oromoo biyya alaa jiran hundi Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan ABOn geggeeffamu wajjin akka dhaabatan fi irratti akka qooda fudhatan waamicha dabarsina. Uummatni Oromoo bitaa fi mirgaa, duubaa fi fuulduraan waltaanee Qabsoo bilisummaa Oromoo kan hooggana ABO dhaan durfamuu finiinsuudhaan walabummaa saba keenyaa mirkaneesudhaaf yeeron isaa amma waan ta'eef Oromoon marti akka ijaarsa isaa jabeeffatu waamicha goona!

  1. Oromootni meeshaa diina taa'an hundi farra qabsoo Oromoo fi gufuu bilisummaa Oromoo waan ta'aniif seenaan yoomi iyyuu akka isin gaafattuu beektanii daba uummata oromoo irratti godhan dhaabdanii uummata keenya cinaa akka dhaabbatan waamicha dabarsinaaf. Kan beekaniis ta'e otoo hinbeekiin OPDO jalatti ijaaramanii meeshaa diinaa ta'an akka yeroon Wayyaanee jalaa bayanii QBO irratti qooda fudhatan waamicha ni goonaaf.

  1. Dhaabbotiin oromoo tokko tokko kan Dhaaba Kallacha Oromoo ABO balaaleffataniif diinni keenya sirnna cunqurssaa Wayyaanee (TPLF/ EPRDF) akka ta'e hubatanii walirratti duuluu dhaabanii diinarratti akka duulan waamicha goonaaf. Olola wayyaaneen Dhaaba Kallacha Oromoo ABO irratti oofaa jirttu ni balaaleffanna!

  1. Waraana Bilisummaa Oromoo waan dandeenye hundaan ni deeggarra, ni gargaarra! Nuti oromootnni biyya Swiss jirru ABO jajjabeessuuf kan dhaabnni keenya nugaafate hundda ni goona.

Injifannoo Uummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Miseensota fi Deeggertoota ABO

Bern, Switzerland Fulbaana 23, 2007

No comments: