October 25, 2007

Alaabaan ABO Gaara Kolomanjaaroo Gubbaatti Sabbontotaan Fannifame



Hawwii fi dheebuu bilisummaa qabaataanii eenyummaa Oromoo fi biyya isaanii Oromiyaa adduunyaa guutuu fi ardii Africa irratti mul’isuuf jedhcha alaabaan Oromoo hangaatee ol baatee gaara ardii Africatti tokkooffaa fi guddicha kan tahe irratti fannisuun hawwii isaanii kan ture dargaggoon Oromo lama gaara kana gubbaa yaabuun alaabaa Oromoo fannisan.
Suuraa: Urji i fi Dargaggoo Eebbaa Taddasaa Uhuru Peak, tulluu Kilimanjaro irratti alaabaa ABO ennaa fannisan

Obboleeyyan lameen durbee Urjii fi dargaggoo Eebbaa Taadasaan emla dheertuu deemuun gaara biyya Africa keessatti guddinaan beekamaa tahe Kilomanjaaroo yaabanii alaabaa Oromo fannnisuun jaalala sabaa fi biyyaa qaban addunyaan akka arguu fi ardiin African akka beektu hawwii isaanii fi kan maatii isaanii tahuu ibsanii jiru.

“Do’attoonni adduunyaa hedduun ardii Africa dhufanii gaara kana gubbaa waan yaabanii do’ataniif alaabaa Oromo achi irratti arguun saba Oromoo fi Oromian akkasumas dhaaba keenya ABOn maal akka tahe akka baraniif jedhcha imala dheertuu fi hifachiistuu taate kana deemnee alaabaa eenyummaa keenya ibsitu achi irra yeroo keenyu Oromo tahuu fi sabboonnummaa keenyattis hedduu boonne. Alaabaa har’a gaara kana gubbaa fannifne kun booru guyyaan bilisummaa Oromootaa gaafa gahu dachee Oromia irratti ol kaatee hangaatee fannifamtee gammachuu saba keenyaa yeroo ibisutu nutti mul’ata”jedhu Ebbaa fi Urjiin.

Dargaggoonni kun abbaan isaanii Dr Taaddasaa Ebbaan hoganaa fi bu’urressaa ABO yeroo tahu baroota dheeraaf maatii isaanii dhiisanii yeroo qabsootti turan. Haati isaanii harmeen Urjii adde Adisee Gannatiin yeroo dargaggoonni kun xiqqummatti turan faashistiin dargii Oromummaan yakkee waggaa 12f hidhaa keessatti dararaa kan ture dha.


Gaarri Kilomanjaaroo biyya Africa irratti guddichaa fi adunyaa irratti beekamaa 756 sq km / 75,353ha, 19,340ft/5,89m kan tahe naannoon isaa bosonaan marfamee, walakkeessa biyya Kenyaa fi Tanzaanitti jidduutti argama.Maqaan Kilomanjaaro jedhu bakka adda addaatti akka adda addaatti haamogaafamu malee afaan ummata naannoo sani jiraatu warra Kswaalii fi Chaggaa,Machaameen gaara guddicha,gaara addaatu, gaara dhifamaa jedhanii akka adda addaatti yaamu.Garuu akka hiikkaa afaan Kiswaalii dhaanis “Kilmaa” jedhchuun gaara baddaa ykn irra keessa gaaraa jedhchuudha, nijaro jedhchuun ammo “cabbii” jedhchuun beekama.

T65 : Facts and figures

Facts

: the highest peak in Africa

: the highest freestanding peak in the world

: the highest 'walkable' mountain in the world

Protection

: 1921 : forest reserve established

: 1973 : park established

: Park HQ Opened : 1977 (by President Nyerere)

: Unesco World Heritage : 1989

Location

: Northern Tanzania : East Africa

: 2 50' / 3 20'S : 37 00 / 37 35'E

Areas

: Park : 756 sq km / 75,353ha

: Forest reserve : 929 sq km / 92,906ha

Altitudes

: Marangu Gate : 1,830m

: Summit : 5,895m

Dimensions

: Kibo Crater : diameter : 1.9 x 2.7 km

: Kibo Ash Pit : diameter : 350m

Rainfall at altitudes

: Forest Belt : 1800m : 2300mm

: Mandara Hut : 2740m : 1300mm

: Horobo Hut : 3718m: 525mm

: Kibo Hut : 4630m : 200mm

Temperature

: Generally falls 1C with every 200m increase in altitude

: Marangu Gate : 10C to 30C

: Summit : -20C to 10C


1 comment:

Anonymous said...

webwinkel beginnen software internetshop

Here is my web blog ... Webwinkel Online