December 12, 2007

WAAMICHA SEMINAARAA fi GALGALA SIRBA OROMOO

WAAMICHA SEMINAARAA fi GALGALA SIRBA OROMOO - 31.12.2007

Hawaasa Oromoo Barliin

Sadaasa 27, bara 2007

Gara Oromoota, Hawaassan, jaarmolee fi waldaa Oromoo Biyya Jarmanii fi naannoo,

Akkuma odeeffannoo garagaraa irraa dhageessan, Hawaasni Oromoo Barliin, gaafa Mudde 31, bara 2007 (31,12,07) qopphii seminaaraa fi galgala Oromoo (muusiqaa) qoppheessaa jira. Qopphii seminaaraa irratti, haala yeroo ammaa uummanni keenya Oromoon keessa jiru wal- caqasuun, tooftaa diinni uummataa fi qabsoo bilisummaa Oromoo irratti xiyyeeffatee hojjachaa jiru kana wal-hubachiisuun, nuti ilmaan Oromoo biyyalaa jirrummoo, maal gochuu qabna jennee wal-gaafachuun yeroo isaa nutti fakkata.

Har'a mootummaan Tigree, namoota kittilayyoo isaa wajjin tahuun, biyya keessatti jaarsolii fi jaartolii, dargaggoo fi shamarran, akkasumas daa'imman Oromoo, walumaa-galatti ilmaan Oromoo hunda lafa irraa duguuguuf kutatee ka'ee jira. Kanaaf immoo ragaan biyya keenya, Oromiyaa humna qawweetiin dhuunfatee bira dabruun, biyyyoota Somaalee fi Keeniyaa keesaatti duula ilmaan Oromoo achi jiranii fi jiraatan irratti banuu isaa yaadachuun ni gaya.

Karaa biraammoo, biyyoota lixaa: Ameerikaa Kabaa fi Oroppaa keessa olii-gadi kaachuun, maqaa misoomatiin ("development"), "lafa isinii kenninaa, koottaa biyyatti horii keessan hojii irra oolchaa (investment)" jechuun, duula karaa biraa uummata keenya irratti bananii jiru. Beekaniis haa tahuu otoo hin beekin, sagantaa mootummaan Tigree baafate kana keessatti, lafa fudhachuunis haa tahuu inbestimeentii gochuuf Oromoota lakkoofsi isaanii yartuu tahe waliin qunnamtii gochuun, akka waan Oromoonni biyyalaa jiran hedduun siyaasaa mootummaa Wayyaanee deeggaranii gotee dhiyeeffachuun olola biyyaa fi biyyalaatti lallabaa jirti.

Yeroo gabaabaa dura, mootummaan Habashaa fi deeggartuun isaa, biyyalaatti, bakka Oromoon jirutti argamuu, gadi-bahanii waayee Oromoo haasawuu dhiisatii, karaa Oromoon deemullee hin dabran ture. Har'a garuu, ganda irraa deemuun, Oromoo gargar-faffacaasuuf tattaaffii guddaa gochaa jiru. Kunimmoo akka nutti fakkaatutti, nu Oromoota biyyalaa jirru jidduutti qunnamtiin waan laafe fi, daddhabbina hawaasummaa jiru irraa kan ka'e tahuun isaa ifaa dha. Jarri har'a biyyalaatti fuulleetti bahanii nu gargar-faffacaasuuf tattaafatan kun, borummoo akkuma Biyya Somaalee fi Keeniyaa keessatti gochaa jiran sana, bakka jirrutti nutti dhaadachuu fi nu doorsisuun isaanii waan hafu nutti hin fakkaatu!

Karaa biraammoo, warri nafxanyaa isaan kaleessa nu bitaa turaan, wal-tahuuf carraaqqii guddaa gochaa jiru. Isaanis yoo dandayame, mootummaa durii, kan akka Minilikii, Hayila Sillaasee fi Dargii deebisuuf halkanii fi guyyaa karaa garagaraa hojjachaa jiru.

Yaa ilmaan Oromoo biyyalaa jirruu, nutiwoo gidiraa, gaaga'maa fi ukkaamsa uummata Oromoo irra gahaa jiru kana dhabamsiisuuf maal gumaachaa jirra? Yeroo hunda, bara baraan, diinni kana nu gochaa jira jennee, yeroo walarginuu fi alagaa biratti himachuu fi boowuun qofa, balaa nu irra gahaa jiru kana, hin dhaabuus, hin dhabamsiisus. Rakkoo qofa himachuu fi haasawun gayaa miti! Erga rakkoon isaa maal akka tahe beeknee immoo, furmaata rakkoo kanaa irratti walmari'achuun daran murteessaa dha. Walmari'achuun qofaas hin gawu. Haatahuu malee, nama dura mari'atee yaadaan walii tahetuu, waa waliin gochuu dandaya. Yeroon ammaa kun, yeroo seenaa fi rakkoo qofa haasawaanii boowan otoo hin tahin, yeroo rakkoo kanaaf furmaata fiduuf, gochaan jechunis, hojiin walqabatanii ka'an waan taheef, mee koottatii wal haa mari'annu, waliif haa obsinuu, wal haa taanuu, gamtaa oromummaa haa jabeessinu!

Kanaaf nuti miseensonni Hawaasa Oromoo Barliin waan kana irratti marii goonee, rakkoo fi balaa walumaan nu irra gahaa jiru kanaaf furmaata isaa irratti marii akka goonu Muddee 31, bara 2007 (31. 12. 07) magaalaa Barliin keessatti seminaara tokko qoppheessuuf walii gallee jirra.

Ennaa kana qoppheessinu rakkoo fi balaa nu irra gahaa jiru hunda, guyyaa kana marii goonee, hiikaa guyyuma kana arginaaf yaada jedhuun miti. Yeroo hunda boruuf achi dhiibuu irra, mee marii haa jalqabnu jenneeti. Hawwii bilisummaa fi walabummaaf qabnu fiixaan baasuufis tahee, dhageettii fi kabaja firaa fi alagaa, akkasumas diina birattillee argachuuf jaboo tahuu qabna! Rakkoo uummata keenya irra gahaa jiru, biyya keessa jiraanuttillee alagaatti himachuuf, jabaachuu qabna. Jabaachuuf immoo hawaasa fi gamtaa cimaatu nu barbaachisa. Hawaasa fi gamtaa uummachuufis walitti dhufnee walmari’achuu fi wajjin haasawuutu nu irraa eegama.

Guyyaa kana kan hedduu adda isa taasisu yoo jiraatee, ijoolleen Oromoo biyyalaatti dhalatan, ilaalcha fi muuxannoo isaan qaban dhiyeessuuf qopphaawoo tahuu isaanii ti. Akkasumas qopphii ijoollee kan garagaraa qoppheessuuf deemna! Carraa kanaan ijoolleen keenya akka walbaran goona! Koottaa ijoollee keenya wal haa barsiifnuu! Egaa kana irratti, Oromoonni ijoollee qabdan, qopphii kana irratti qooda fudhachuun hedduu barbaachisaa dha jennee amanna! Qooda irraa fudhattu jennees abdanna! Oromoonni ijoollee hin qabnes, qopphii kana irratti argamuun, tapha ijoollee, muuxannoo garagaraa ijoollee wajjin walgeeddaruufis tahee, beekumsa aadaa Oromoo qabdan, daa'immanii fi ijoollee Oromootti dabarsitu jennee abdanna!

Walgeenyee marii fi haasaa qofa gochuuf otoo hin tahin, kanuma waliin walliftoota keenya wajjin galgala qopphii aadaa sirba Oromoo irratti waliin gammaduuf qopphii guddaa gochaa jira. Oromummaa keenya tikfachuufis tahee aadaa keenya guddisuuf, mee koottaa waliin gamannaa, waliin taphannaa, wal-jajjabeessinees gamtaa keenya guddifannaa! Yeroo rakkoo fi gammachuus waliin hirmannaa, waliin dabarsinnaa!

Egaa mee akkuma dur abbootiin keenya mammaakan: "dubbiin baay'ateef harreetti hin fe'amuu", kana asuma irratti dhaabuun waamicha obbolummaa fi oromummaa cimsinee isiniif dhiyeessina!

HUBACHIISA:

Warri dhaamsa keenya kana argattan hundi, ilmaan Oromoo beektan hundaatti dhaamsa
kana mee nuu dabarsaa! Gocha kanaafis duraan dursinee isin galateeffanna!

Aadaa fi gamtaa keenya haa guddifnu, haa jabeessinu!
Waliin kufnee, walumaan haa kaanu!
Yeroo rakkoos, yeroo gammachuus walii haa birmannu!

Oromiyaan ni bilisoomti!

2 comments:

Anonymous said...

[url=http://firgonbares.net/][img]http://firgonbares.net/img-add/euro2.jpg[/img][/url]
[b]educational software ratings, [url=http://firgonbares.net/]Design Premium Retail Price[/url]
[url=http://firgonbares.net/][/url] buy cheap software oem microsoft voip software
buy cheap computer software [url=http://firgonbares.net/]software selling tips[/url] buy cheap microsoft software
[url=http://firgonbares.net/]2009 Mac[/url] software reseller list
[url=http://firgonbares.net/]latest macromedia flash software[/url] discount software san
adobe software license [url=http://firgonbares.net/]or selling software[/b]

Anonymous said...

[url=http://murudobaros.net/][img]http://murudobaros.net/img-add/euro2.jpg[/img][/url]
[b]nero free download, [url=http://murudobaros.net/]free autocad fonts[/url]
[url=http://murudobaros.net/]i install oem software[/url] cheap software directory web sales software
serial numbers for nero 9 [url=http://murudobaros.net/]academic software on[/url] format hard drive for windows xp
[url=http://murudobaros.net/]microsoft student software discounts[/url] english educational software
[url=http://murudobaros.net/]macromedia flash software to[/url] spss software for sale
where to buy adobe dreamweaver [url=http://murudobaros.net/]download adobe photoshop cs4[/b]