January 04, 2008

Dhaamsa Waggaa Haaraa HD-GS-ABO

Miseensota ABO fi Deggartoota ABO
Yaa ilmaan Oromoo, Oromtichaa fi Oromitittii,
Shamarran, dargaggoota, ka’immanii fi manguddoota Oromoo,

Jaganoota hacuuccaa ummata keessan irra diinaan ga’u jibbitanii bilisummaa saba keessanii deebisuuf dhiiga keessan dhangalaasaa, lafee keessan hurreessaa biyya keessaniif waardiyaa dhaabbatanii jirtan, miseensota WBO;

Jaallan rorroo ummata keessan irratti raawwatamu diduun qofti yakka isinitti ta’ee mana hidhaatti darbamtanii jireenya gadadoo keessa jirtan, hidhamtoota Oromoo;

Obboloota jireenyi gabrummaa isinitti haddhaawee biyyaa baqattanii “boru maal nutti fida? maal nuu fidinna?” jettanii yaadaan dhiphattaa jiraattan, baqattoota Oromoo;

Lammiiwwan biyyoota alaa keessatti facaatanii qe’ee keessaa baatan, firoota addaan fagaattan, qilleensa, laggeenii fi muka biyya keessanii arguu dhaarraatan;

Ummata bal’aa Oromoo ka biyya keessan irratti hiyyummaa fi hacuuccaan isin dararte, Wolumaa galattuu yaa ummata Oromoo, kan ba’aa gabrummaa jala jirtu,

Bara moofaa geggeessinee bara haaraa keessummeessuuf yeroo qophoofnu, barri 2007 akkuma baroota dhibban dabranii kan harqoota gabrummaa jalatti gaabbiin dabarsine ta’uu gaddaa ulfaataan yaadanna. Barri 2008 ammoo kan barii bilisummaa hangaasu, kan badhaadhinaa sonaa fi gammachuu dhugaa akka ta’u hawwina.

Bilisummaa, badhaadhinaa fi gammachuu ofiif, waliif, dabree ammo saba ofiif hawwuun qofti gahaa miti. Bilisummaa, badhaadhinaa fi gammachuu hundi keenya hawwinu kana dhugoomsuun qabsoo haddhaawaa gaafata. Qabsoo baroota soddomaan dura eegalle ciminaan itti fufuu fi finiinsuun injifannoo keenyaan xumuruu nurraa barbaada. Kuni ammo gaafatama namoota muraasa qabsoof of kennanii qofa miti. Ba’aa nu hundaati, dirqama mataa-mataa, gaafatama waloo ti.

Biyyi keenya uumaan badhaatuudha. Biyya teenna badhaatuu tanaa fi qabeenya isiis kan itti ajajuu fi akka fedhetti ittiin oolu nu abbootii isii miti. Hanga kan irratti ajaju alagaa humnaan nu jilbiiffachiise ta’etti hawwiin badhaadhinaa hawwii sobaa ti; raata’iinsa hirriba guyyaa ti. Badhaadhina fi guddinni dhugaan kan jiraatu bilisummaan yoo jiraate.

Diinni halkanii guyyaa maqaa badhaadhina kaasa. Guddina hin jirre jiraa fakkeessee abjuu kijibaa nu soorachiisuu barbaada. Ofii badhaadhaa, nu ammo boolla hiyyummaa fi gadadoo keessatti humnaan gadi nu dhiibaa, misoomtan nuun jedhee nutti qoosa. Kan misoomaa fi duroomaa jiran diinaa qabeenya keenya saamaa jiruu fi kanneen saba isaanii gidiraaf dabarsanii kennuun diina tajaajilaa jiran qubaan lakkawaman ta’uun dhugaa ifatti mul’atu. Egaa ‘misooma, misooma’ kan jedhamuuf harkaa irra qabuun dhugaa akka aduutti hanga’e kana golguufi.

Miidhaan bilisummaa dhabuu badhaadhinaa fi misooma irraa agabfamuu qofatti hin dhaabbatu. Ummanni bilisummaa hin qabne gammachuu hin qabu. Haadhaa-abbaan ilmaan isaanii yakka tokko malee mana hidhaatti jalaa guuraman, akka qoraan gogaatti ibidda lola isaan hin galchinetti darbaman, akkasuma qe’ee itti dhalatanii fi biyyaa isaanii irraa baqatanii jireenya soda fi yaaddoo jiraachuuf dirqaman, akkamitti gammachuu qabaachuu danda’u? Lafaa dhufaan hegereen isaa dukkanoofte gammachuu akkamii qabaata? Barri Wayyaanee! Kan dharti dhugaa, shirri haqa, hacuuccaan birmadummaa, hiyyummaan misooma, akkasumas gaddi gammachuu itti fakkeeffame dha.

Misoomni, badhaadhinni fi gammachuunis bilisummaani. Gabrummaa jalatti misoomaa fi badhaadhinni, gammachuu fi abdiin jireenya gaarii akka namicha bishaan fudhatee waan qabatu dhabee hoomachatti rarra’uu yaalee ti.

Diinnni keenya rakkoo siyaasaa biyyattii huute nagayaan furuuf qophii miti. Hawiin isaa ol’aantummaa murna bicuu bara baraan itti fufsiisuu dha. Sirna cunqursaa fi ol’aantummaa murna bicuu woggoota 17f biyya guutuu irratti daboole kana daranuu jabeessuuf biyya olla tokko, Somalia, humnaan weeraree boortaan of jalatti qabaa, ummata nagayaa fixaa jira. Biyya lammaffaa, Eritrea, tti duuluuf ar’a boru jechaa jira. Abjuu biyyoota Galaana Diimaa irraa haga Galaana Hindiitti jiran dhuunfachuu akaakayyoonni isaa abjootan iyyuu hin danda’in fiixa baasuuf ilmaan biyyaa ibiddatti guuraa jira. Biyya keessatti akkuma woggota 17f mirgoota dimokraasii fi namoomaa dhiitaa baye, itti fufee irra ejjataa jira.

Diddaa fi fincilli Oromiyaa irraa eegalee, Somaliyaa fi gola Itoophiyaa guutuu woliin ga’uun haga Galaana Diimaatti isa mudate daranuu jabaachaa jira. Waraanni isaa Moqdishoo keessatti halkanii guyyaa hadhamaa, ajjeefamaa fi madayaa jira. Humna kanaaf galaa fi rasaasa ittiin ga’uun guyyaa guyyaan ulfaataa dhufeera. Ogadeen keessatti qabsoo bilisummaa fi mirga dhaamsuuf ummata irratti yakka guddaa raawwatus qabsichi daranuu jabaatee, ilaalcha addunyaa harkisee argama. Qabsoo ummanni Oromoo Oromiyaa keessatti gochaa jiru ukkaamsuuf shirri inni hin xaxnee fi yakki inni hin raawwatne hin jiru. Shiraa fi yakki kunis hangamuu hammaatu qabsoo ummanni keenya bilisummaa isaa gonfachuuf godhu doomsuu hin dandeenne.

Hawaasni addunyaa, keessattuu biyyoonni dhihaa, umrii mootummaa abbaa-irree kana dheeressuuf deeggarsa diinagdee, waraanaa fi dipolmaasii kennaafii turan ammallee itti jiru. Hanga qabsoon bilisummaa ummatoonni biyyattii hundi gochaa jiran sadarkaa itti aanutti ceyee jireenya mootummaa kanaa gaaffii keessa hin galchinetti deeggarsi kun ni dhaabbata jedhanii abdatuun hin danda’amu. Kanaaf furmaanni jiru tokkicha: innis qabsoo bilisummaa finiinsuudha. Wareegama qabsoon gaafatu kamuu baasuun bulguu kana ofirraa darbuudha. Qabsoon kun kanuma qabsaa’ota of kennan qofa irratti dagatamuu miti; gaafatama mataa-mataa fi kan gamtaa ti. Nuti hundi gumaata qabsoon gaafattu wareegnaan barri haaraan kan bilisummaa keenya hangaasu akka ta’u hin shakkamu. Hagamuu dheerattu bilisummaan dhufuun ammoo kan shakkii hin qabne dha.

Yaa Miseensota WBO:

Diinni kan kee mootummoota ollaa guuza sitti kadhatee woliin sitti duulus gootummaan dura dhaabbattee fashalsitee jirta. Qabsoo finiinsuun alatti furmaanni biraa eeggamu hin jiru. Bilisummaaf aarsaa ta’uuf waadaa galtee caallaatti haaromsi. Irbuu kana guutuufis haddhaa qabsoo unuuf yoomuu akkuma kaleessaa qophii ta’uu kee caalaatti mirkaneessi. Wareegama keetin birmadummaa Oromoo fi ummatoota hundaa magarsi. Akkuma kaleessaa har’as murannoo kee diinaaf caalaatti diinaaf agarsiisi. Maqaan kan kee seenaa gootonni ganamaa dhiigaan barreessanii fi lafee isaanitiin taraaran wojjiin galmaayee bara baraan faarfama.

Yaa Miseensotaa fi deggertoota ABO:

Haalli godina keenyaa yeroo kamiiyyuu caalaa walxaxaa ta’uun sirraa dhokataa miti. Haala xaxaa kana keessaa injifannoon ba’uun sochii fi wareegama dachaa dachaa gaafata. Haala dhiphinaa kamuu keessatti kaayoo fi dhaaba keetti cichuun seenaa boonsaa galmeessiteen qabsoon sadarkaa amansiisaa amma irra jiru ga’eera. Qabsoo haga ar’aa itti wareegaa turte firii itti gochuuf gumaata kan kee ol kaasuun gaaffii yeroo ta’uu hubadhu. Hirmaannaa kan kee guddisuu biratti qabsichaaf dhuunfatti dabballee ta’uun deeggartoota itti horuu fi bal’isuun dirqama dabalataa ofitti fudhattee irratti bobba’uu qabdu ta’uu hiree kanaan si yaadachiifna.

Ummata bal’aa Oromoo biyya keessaa:

Diinni kee mirga aadaa ofii agarsiisuu fi afaan ofii dubbachuu qofatti daangessuu barbaada. Akeekni isaa sirbaa fi dhichisan si dagee humna siyaasaa fi diinagdee akka ati hin taane gochuudha. Lafa keetirraa si buqqisee qabaattota shariikota sirnichaaf kenna. Yeroo ati hiyyummaa hiyyummaa gadiitii darbamtu shariikonni kunniin dawoo kee irratti abaaboo qotanii battalatti duroomu. Warshaalee fi dhaabbatoota gara garaa Oromiyaa keessatti banamanis kan jireenya kee ittiin wayyeessuuf ijaaraman ka ilmaan biyyaa keessatti mindoomfamanii jireenya isaan ittiin wayyeeffatan ta’aa hin jiran. Hireen as keessatti hojjachuu yoo argattes waardiyyummaa fi hujii gadi anaa ti.

Mirga dimokraasii qabda siin jechaa, ABO dhaaba ati jaarmaya kooti jettee mararfattuu fi akka qara ijaatti jaalattu hafee jaarmya yeroofis taatu naaf dubbata jettuu yoo deeggarte yakka sitti ta’ee si hiisisa, si saamsisa, lafa keetirraa si buqqisiisa. Dimokraasiin kijibaa kun bor wayyaawa jettee osoo eeggattuu woggoonni 17 lakkaawamanii jiru. Sirna Wayyaanee keessatti mirgi dimokraasii fi namoomaa ni kabajamaan gaangee irraa dhala eeguu ta’a. Mirgii dimokraasii fi namoomaa si qofa osoo hin taane ummatoota cunqurfamoo maraan eeggamaa ture gara sirna abbaa-irrummaatti jijjiiramuun jireenya sitti hadheessuun kan ifatti mul’atuu dha. Kanaaf filmaanni si hafe tokkummaa kee cimsachuun ummatoota cunqurfamoo wojjiin qabsoo haqaa itti jirtu jabeessuu qofa.

Yaa Lammiiwwan biyyoota ollaa keessa baqaan jiraatan:

Nagaa barbaachaa fi lubbuu baafachuuf biyyaa baqattus diinni si jala hordofee sitti roorrisuun hin hafne. Basaasotaa fi humna tarkaanfii addaa sitti bobbaasuun obboleeyyan kankee sibiraa ukkaamsee dhabamsiisaa akka jiru kan alagaanuu beekudha. Diina kana ofirraa faccisuu kan dandeessisu tokkummaa kee cimfachuu qofaan ta’uu beekuu qabda. Bu’aa, qoxxee fi dantaa xixiqqoo tokkummaa kee laaffisaniin dagamtee gurmuu kee yoomuu akka hin laaffifne si yaadachiifna.

Hawaasa Oromoo biyyoota alaa:

Qabsoon nu fuuldura jirtu hangamuu hadhooftuu fi dheerattu injifannoo keenyaan akka xumuramtu shakkii hin qabaatin. Qabsoon hirmaannaa kee guutuu naa laadhu jechuun sitti wawwaatti. Qoxxee keessaa xixiqqoo dhiisaatii, natti dirmadhaa jetti. Oromummaa malee sabboonummaan masaanuu kamuu summii na ajjeessu malee dawaa na fayyisuu miti jetti. Qabsoo jaalattu tana jabeessuu fi firii itti gochuun diinagdee guddaa gaafata. Akkuma baroota hedduuf gochaa turte kallacha qabsoo keetti caalaatti arjoomi. Arjummaan kee bilisummaa biyyaa fi sabaa argamsiisa.

Ummatoota Cunqurfamoo Itoophiyaaf:

Qabsoon kophaa kophaa baroota dheeraaf adeemsifame diinaaf hiree laate malee birmadummaa fi sirna haqaa kan ummatoota hundaan hawwamu argamsiisuu hin dandeenye. Kanaaf yeroon amma keessa jirru kan humnoonni mirga haqa, dimokraasii fi bilisummaaf qabsaawan hundi harka wal qabatanii irree tokkoon sirna cunqursaa kana hiddaan buqqisuuf gamtaan qabsaawan tahuu ammas irra deebiin yaadachiifna. Kana hubachuun qabsoo gamtaa finiinsi. Olola diinaan gurmuu kee laaffisuu fi umrii gabroomsaa dheeressuuf oofamu fashalsuuf hojjachuun gaaffii yerooti.

Walumaa galatti naannoo kanatti nagaa waaraa fi amansiisaa argamsiisuuf qoodni ummata Oromoo ol’aanaa ta’uun mamsiisaa miti. Ummanni Oromoo ba’aa ulfaataa kana ofirratti beekee jijjiirama hundee argamsiisuudhaaf, godina keenya jeequmsaa fi lola irraa walaboomsuuf murannoon akka ka’u maqaa ABO fi qabsaa’ota Oromoo hundaan yaamicha keenya ammas gadi jabeessinee dabarsina.

Barri haraan kan sirni hacuuccaa itti dhabamuu fi bilisummaan itti magartu ummata Oromoo fi ummatoota hundaaf haa ta’u.

Gadaan gadaa bilisummaati!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Daawud Ibsaa,

HD-GS-ABO

Mudde 31, 2007

No comments: