January 28, 2008

FOON AJAAWAA (Walaloo Saartuu Oromoo)

FOON AJAAWAA

Foonuma Koo Natti hammaate
Dhukkubni isaa natti jabaatee

Fayyuu hin deemuu maal naaf wayyaa
Akkaan hin murree foon kiyyaa


Na tortorsee na ajeessee
Laalaan isaa na dhukkubsee
Wulii hin qabu mala biraa
Ciqqaaweetiin mura firraa
Akka hin miidhamne qaamni fayyaa
Kan tortore darbuu wayyaa
Hanga yoomiitiin sossobaa
Hamaa foonii mureen darbaa
Isa irraa hin eeggadhu fayyaa
Eega tortore wahi kiyaa


Kanaaf je'ee hin irradhuu
Hedduun qaba kan abdadhuu
Qaama fayyaa kan na boonsuu
Kan eenyummaa koo mul'isuu
Hin rifadhuuf foon ajaawaa
Jira dawaan isaa billawa


**********


Injifannoo Ummata Oromoof!!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!!
Gantuu fi xawalwaalleenn Hallayatti!!!

Saartuu Oromoo

1 comment:

Anonymous said...

Gatuu wayya gantuu eeyyee
Kutuu wayyaa kan xiraaye
Ethiopiyummaa farra eenyummaa
Kan fudhate gantuu namaa
Diigduu qabsoo gantuu kaayyoo
Lafaan dhayi yaa waaqayyo.

Kan of gate qaamni badiin
Kan of waamu AFD-in
Fayyuu baannaan of sirreessee
Kutnee gatna yoo tortorse
Gantuun gadheedha fokkistuu
Oltee bullaan namaa hintoltuu
Daawwan jiru waa tokkichi
Of haa sirreessu gantich.

Fayyu haafayyu of sirreessee
Kanaan ala nu xireessee
Kuutnee gatnaa onnee keessa
Gantuun qabsoo bule ajeessaa.

Booranticha Abbaabooraa.

Oromiyaan ni walaboomti!