January 24, 2008

If Bari (Walaloo Aaddee Oromtittii Bahaa)

If Bari

Qoradhu seenaa kee
Beeki eenyummaa kee
Falmadhu mirga kee
Jabeessi aadaa kee
*
Namayu hin fakkaatin
If tahuu hin qaanfatin
Kijiba hin dubbatin
Dhugaa irraa hin deebu'in
*
Waaxiqqo dubbadhu
Hedduu dhaggeefadhu
Dubbii addaan baafadhu
Qaceellotti hubadhu
*
Waraani diina kee
Eegi tokkummaa kee
Cimsi jaarmaya kee
Jaaladhu saba kee
*
Diinaaf garaa hin laafin
Na'aba hin tuffatin
Waan gaarii hojjadhu
Seenaa bareefadhu
*
Diina jala hin deemin
Saba kankee hin ganin
Alagaa hin abdatin
Kaayyoo kee hin dagatin
*
Kabaji hayyuu kee
Eagadhu seera kee
Tiysi naamusa kee
Booniin eenyummaa kee
*
Bu'aaf hin dagamin
Aangoof hin bololin
Diinaa karraa hin banin
Aara kee hin mul'isin
*
Icitii kee hin baasin
Waan deemtuuf hin himin
Hundaaf eegee hin lulin
Jaldeemtuu hin tahin
*
Bilisummaaf ka'i
Harka tokko ta'i
Biina irratti bobba'i
Saba keetiif ta'i
*
Akkanaan guddata
Diina kee moohatta
Qabsoon bilsoomta
Biyya tee dhunfatas
*
Injifatno Ummata Oromoo!!!

***
Oromtittii Bahaa irraa
***