January 29, 2008

Waldaan Maccaafi Tuulamaa deebi’ee hojii jalqabe

Waldaan Maccaafi Tuulamaa deebi’ee hojii jalqabe; waggaa 45ffaa isaas kabajate

Shira mootummaa wayyaaneen waggaa afur dura cufamee kana ture, Waldaan Maccaafi Tuulamaa deebi’ee hojii jalqabe. Waldaan kun yeroo deebi’ee banamettis waggaa 45ffaa isaa kabajatee jira.

Oduun Finfinnee irraa nu gahe akka ibsutti, biiroon WMT fi qabeenya isaa poolisii wayyaaneen bara 2004 keessa saamamee ture amma ammaatti waan hindeebifneef, waldichi biiroo biraa biraa kireeffachuun hojii isaa eegale. Biiroo haaraa kireeffates Dibata darbe,Amajjii 27, 2008 ifaan eebbisiisee hojii jalqabeera. Wayituma kanattis waggaa 45ffaa isaa ayyaaneffatuun sirnichaaf yaadannoo addaa kennuu isaa oduun nu gahe hubachiiseera. Biiroon kunis, seenaa Waldichaa keessatti kan marroo (marsaa) 3ffaa ta’uun galmeeffameera. Ayyaana kanarratti manguddoota waldicha bu'ureessan dabalatee miseensonni gameeyyii fi sabboontonni Oromoo biroo argamuun seenaa deemsa waldichaa akka ibsanis hubatameera. Namootni ayyaanicha irratti argamanis gammachuu isaanitti dhaga’ame irraa kan ka’e walitti maramudhaan imimmaaniin tokkummaa Oromoo akka agarsiisanis baramee jira.

Dhaamsi ayyaana kana irratti darbes miseensota waldichaa rakkoofi dhibdee jiruun fagaatanii sirnicharratti argamuu dhabaniif “ ulfinni olaanaa bakka jirtanitti isaan haa ga’u!” jedheera.

Sirni sagantaa gabaabaan milkaa’e kunis, sagantaa bal’aan yeroo biraa walitti deebi'uuf beellamatee akkuma eebbaan banametti eebbaan xumurameera.

Waldaan Maccaafi Tuulamaa shira mootummaa wayyaaneen bara 2004 keessa cufamee ture. Hoggantoota Waldichaa keessaas,ob. Dirribii Damisee, ob Gammachuu Fayyeeraa,ob Sintaayyoo Warqinaafi ad Ayyaluu Ittisaa gara laafina tokko malee mana hidhaatti darbatamii turuun isaanii kan yaadatamuudha. Yeroo ammaallee hoggantoota Waldaa kanaa keessaa gariin biyyaa bahanii, gariin immoo mana hidhaa wayyaanee Qaallittii keessatti dararamaa jiran.

Miseensota Koree Hoji raawwachiiftuu WMT biyyarraa baqatanii biyya ambaatti dararamaa jiran keessaa Ob Gammachuu Fayyeeraa, Ittaanaa Dura Taa’aa, Ob Sintaayyoo Warqinaa Abbaa herregaa, Ob. Naggaa AbbaaFiixaa, Qabduu Maallaqaati. Miseensota boordii WMT baqatanii biyya ambaatti dararamaa jiran keessaa Ob Sisaay Sooressaa, Ob Alamaayyoo Qubee, Ob Fiqaaduu Jireenyaati. Miseensota boordii WMT mana hidhaa Qaallittiitti dararaa argaa jiran keessaa Ob Salamoon Baqqalaa,Ob Tsaggaayee W/Yohaannis, Ob Isheetuu Asaffaa , Ob Taaddasaa Dagafaa, Ob Mangistuu Danstaa Barreessaa WMT ti.

Waldaan Maccaafi Tuulamaa bara 1963 hundeeffamuun seenaa Oromoo keessatti waldaa eenyummaa Oromoo barsiisuufi dammaqsuu keessatti qooda olaanaa bahe, waldaa madda Oromummaati. Waldaan kunis sababa dhimma Oromoo irratti xiyyeeffatee hojjataa tureef hidhaafi gidiraa arguu danda’e. Murtii dabaa Oromoo Finfinnee irraa buqqisuuf mootummaa wayyaaneen Adoolessa 12,2000 labsamee tures kanneen dura dhaabbatanii morman keessaa tokko WMT ture.Adoolessa 12 guyyaa murtiin dabaa sun itti darbes “guyyaa gaddaa” jedhee moggaasuun isaas kan yaadatamuudha.

www.oromoliberationfront.org

4 comments:

Anonymous said...

Your style is very unique in comparison to other folks I've read stuff from. Many thanks for posting when you have the opportunity, Guess I will just book mark this blog.

my web page - payday loans

Anonymous said...

Kinds and gown code change from time to time but jewelry has held ground as a result of
centuries. They are usually given with the intent of changing into engaged at some purpose within the future.
But there is only one generation that has a distinct ring of their own -
the baby boomers.

Have a look at my page :: promise ring 70S show

Anonymous said...

In fact, the giving of a promise ring can be one of the very best ways of furthering a relationship and encouraging strength
and unity between two people, which is often thought to be too
much of a rarity in the modern world. For more information on birthstone and pre engagement promise rings,
engraved promise rings or other jewelry, visit.
While buying these Promise Rings we must keep in
mind that the inner meaning of it holds more value that its face value.


Take a look at my blog; web page

Anonymous said...

Sterling silver is surely an economical choice for somebody who likes white metals when yellow metal is
not within the spending budget and if they don't intellect the darker metallic, titanium is yet another. Some stores possess a attractive style, but don't hold the correct
dimensions accessible. These necessarily need not be expensive and the simpler they are
the more better it would be.

Also visit my site web site