February 02, 2008

Yeroon Tan Qabsooti! (Saartuu Oromoo)

Yeroon Tan Qabsooti
Seenaa saba keenyaa ABOn barree
Kallacha Oromoo isa malee hin garree

Karaa isaa qofaa bilsa nu baassaa
Hedduu dha boonnaanii cimtuu kaayyoon isaa
Faajjii isaa jalatti qabsoo finiinsinaa
Shakkii tokko maletti diina ni moohannaa

Kallachi Oromootaa ABOn haa cimuu
Kan qabsoon Oromoo isaan qaceelfamuu
Bu'aan qabsoo isaa hedduu dha nu boonsaa
ABO dhaaba koo kallachi koo isaa

Jabaadhu dhaaba koo abdii Oromooraa

Injifatnoon teetii sumaatu moohataa
Hamaa jette jettee tuffiin bira kutii
Gurra hin kenniniifii yeroon tan qabsootii

Toftaa ifii jijjiruun bifuma qabsootii
Kan hojjatuu beekaa tersimoo isaatii
Yaa kan qeeqa qofaaf afaan mi'eefatuu
Ummatni dammaqee gurra siif hin laatuu

Waan qabsoodhaaf tolaa mee maal hojjattanii
Waan himtan hin qabdan oduu afuuftanii

Namni waa hin hojjanne humaatuu hin balleessuu
Kan hojjatu qeequun bu'aa tokko hin buusuu

Nama bakka taa'uuf samiin dhihoodhaatii
Garuu kan hojjatuuf dubbiin laaftuu mitii

Yoo dhugatti Oromoo kan jaalattan taatee
Tokkummaan qabsooynaa yeroon isin yaamtee

Waan diinni nuun je'u waliin jechuu mannaa
Tokkummaa cimsinee qabsoo finiinsinaa

Diina nu gabroomsee tokkuummaan cabsinaa
Yoo tokkoomnee kaane amma bilsoomnaa!


********************************

Injifatnoo Ummata Oromoo!!!
Gadaan Gadaa bilisummaati!!!
Ni moona hin shakkinuu!!!

Saartuu Oromoo

No comments: