March 25, 2008

Murtii fi Kutannoolee Walgahii GS ABO 3ffaa

Murtii fi Kutannoolee Walgahii GS ABO 3ffaa

Gumiin Sabaa ABO walgahii isaa dhaabbataa 3ffaa Bitootessa 16 – 21, 2008tti gaggeeffatee milkiin xumuratee jira. Walgahiin dhimmoota ulfaatoo dhaabaa, ummata Oromoo, haala mootummaa Itophiyaa fi godinaa irratti bal’inan marihatee murtii armaan gadii kana dabarfatee jira.

Dhaabni ABO bu’aa bahii hedduu keessa bahee, itti fufiinsaan qabsoo bilisummaa Ummata Oromoo kurnoota sadiif ummata Oromoo hiriirsee qabsoo kan godhaa jiruu dha. Akeekni hundee ABO irratti dhaabbate qabsoo godhaa jiru amma illee kan bakkaa jiruu fi ummata miliyoonaan fudhatama kan qabuu dha. Walgahiin akeeka kana bakkaan gahuuf sochii karaa hundaa akka godhamu ajaje.

Mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo fi ABO adda baasuuf hammeenya hiriyaa hin qabne biyya keessaa fi alatti irrati dalagaa jira. Baqataa Oromoo irratti osoo hin hafiin tarkaanfii diinummaa fudhataa jira. Ajjeechaan jumulaa dhiheenya kana baqattoota Oromoo Bosaasoo irratti raawwatames kanuma mirkaneessa. Addi Bilisummaa Oromoo gaochaa gara jabinaa kana irra deebi’ee jabinaan balaaleffata.

Ummatni Oromoo hidhaa, ajjeechaa fi saaminsa irratti raawwatuuf osoo hin jilbeefatin dhaabaa isaa ABO tiif mararfannoo fi deggersa qabu jabeessaa deemuu isaa GS ni dinqisiifata. Ummatni Oromoo illee gochaa hammenyaa mootummaan Wayyaanee irratti raawwatuuf osoo hamilee of hin cabsinii fi hin jilbeeffatin hawwii bilisummaa isaa bakkaan gahuuf shiiroota diinaa gurmuu isaa diiguuf xaxu xiyyeeffannaa kennuufiin fashalsiisee qabsoo isaa dacha dachaan akka finiinsu waamicha keenya irra deebinee haaromsina.

Mootummaan murna bicuu Wayyaanee aangoo irra turuu fi olaantummaa isaa raggaasuuf jecha gosa cunqursaa fi hammenyaa inni hin raawwatin hin jiru. Kun kan agarsiisu mootummaan kun karaa nagaa fi dimokraatawaa taheen gaaffi siyaasaa ummatootaa hiikuuf fedhii tokko illee akka hin qabne mirkaneessa. Kanaaf jecha ummattoota biyyichaa fi mootummoota olla seeraa fi sirna addunyaa cabsuun farra nagaa fi tasgabbii godina Gaanfa Afriikaa tahee jira. Haala hedduu yaachisaa tahe kana keessatti balaa dhufu hundaf kan itti gaafatamu mootummaa Wayyaanee akka tahe hubachiifna.

Gaafa Wayyaaneen mootummaaatti dhufe irraa jalqabee waadaa biyya sanaaf dimokraasii, nagaaa fi dagaagina fiduuf afaaniin seenee adeemsa isaa haga ammaa irraa kan mirkanaawe filmaatota fakkeessaa aangoo irra of tursuuf gaggeesse malee waltajjiis tahe itti baha filmaataa yoo kan dantaa isaa guutu tahe malee akka sagalee fi murtii ummataa hin kabajne shakkii tokko malee mul’isee jira. Kanaaf jecha, humnoota bilisummaa fi dimokraasiif qabsaawan hundi humnaa fi qabeenya isaanii walitti qiindeessanii mootummaa farra ummataa, dimokraasii fi nagaa kana dhabamsiisuuf akka waliin dhaabbannu waamicha goona.

Mootummaan Wayyaanee mirga ummattootaa dhiitaa, qabeenya ummataa saamaa, ummattoota wal waraansiisaa, naannoo gaanfa Afriikaa jeeqaa, boora’iinsa nagaa fi tasgabbiif sababa tahun isaa ifatti mul’ata. Kun akkasitti osoo jiruu mootummootin dhihaa gargaarsa dinagdee, siyaasaa, diplomasii fi waraanaa gochuu itti fufuun isaanii hedduu gaddisiisaa duwwaa osoo hin taane siyaasaa fi imaammata isaan hordofna jedhan faalleessa. Kanaaf ABO mootummootiin kun ejjennoo isaanii kana keessa deebi’anii akka ilaalan yaadachiifna.

Injifannoo Ummata Oromoof!!!

Gumii Sabaa ABO

Bitootessa 21, 2008

No comments: