April 28, 2008

Miseensoostnii fi deeggartootni ABO konyaa Nezerland, guyyaa gootota Oromoo Ebla 12 2008, Magaalaa Utireektitti sirna ho'aa fi midhagaan kabajatani Ooluun isaanii gabaafame

Miseensoostnii fi deeggartootni ABO konyaa Nezerland, guyyaa gootota Oromoo Ebla 12 2008, Magaalaa Utireektitti sirna ho'aa fi midhagaan kabajatani Ooluun isaanii gabaafame

Abdii fi gaachana Uummata Oromoo kan taé WBO dinagdeen jabeessuuf sochii gochaa jiran daran cimsanii itti fufuuf, waadaa isaani irra deebia”anii kan haaromsan yemmuu taú ,waltajjii kana irraas Euro 500.00 galiin argame cimina ABO/WBO”f akka oolu gumaachaniiru.

Itti gaafatamaan ABO konyaa Nezeralaad Jaal Gizaachoo Barbaadaa ,hirmaattoota ayyaana kanaaf haasaa godhaniin,imaanaa gootwwaan wareegamtoota keenya nutti dabrsan galmaan gahuuf, hawaasa Oromoo Nezerland gidduutti,afuura tokkummaa fi Oromummaa ,daran cimsannee kallacha qabsoo keenya kan taé ABO cinaa dhaabbachuun dirqama lamummaa keenya kan yeroon gaafataa jiru gamataan akka baanu jechuun hawaasa Oromoo konyaa Nezerlandiif yaamicha dhyeessaniiru.

Jaarsoolii sirna kabaja ayyaana kanarratti argaman keessaas Obbo Abdulfattaa Ibirahimii fi Obbo Daawiit Phaawuloos dabareen haasaa godhaniin gootowwan keenya qaqqaaliin, kaleessa bilisummaa saba isaaniif jecha, dhiiga isaanii dhangalasanii lafee isaanii caccabsan, dhalootni har;aa odoo imaanaa isaanii lafatti hinganne, qabsoo lammii isaaniitti tokkummaan birmachuun akka galmaan gahuu qaban,himimaan isanii dhangalaasaa adaraa jechuuun hirmaatootaaf dhaamsa dabarsaniiru.

Artistii Oromoo beekamtuu,qabsooftuu fi Jallattamtuu kan taate Hangaatuu Baalchaa,sirbootaa ykn welleelee gootota faarsaniif kaa biroo hedduu dhiyyeesuun, hirmaattoota ayyanichaa haalan onnachiisaa fi bashanansisaa oolteetti.

Kanamalees atileetii Oromoo beekamaa kan taé Gaaddisaa Abbabaa, dhiyeenyatti mootummaa gabroonfataa abashaaf fiigee alaabaa diinaa hinuffadhu jechuun, biyya abbaa isaa Oromiyaa gadhisee kan bahe yemmuu taú ,innis gamasaatiin sirna kanarratti argamuun walleelee qabsoo fi aadaa hirmaattoota hawwatan dhiyeessuun gammachiisaa ooleera.

Artistii fi atileetiin Oromoo beekamaa kun yeroo ammaa kana gidiraa, hidhaa fi ajjeechaa gartuun wayyaanee uummata Oromoo irrattii raawwachaa jiru saaxiluun, yeroo adda addaa gazeexoota biyya Nezerland gurgurdaa irraatti ibsa bldhaa kennaa ture.Hawwii fi fedhiin isaa gara fulduraas injifannoo boonsaa galmeessee, alaabaa Oromiyaa moggeen lamaan diimtuu uffatee dirreetti muldhachuun,rakkoo lammii isaa adunyaatti beeksisuu akka taé kaaan dura ifa godheera.

Dabalatanis hundaa ol ijaaramuun uummata keenyaa fardii taúu isaa fi umurii gabrummaa gabaabsa yaadni jedhu J/Bakkaangaáa Margaa barreessaa ABO konyaa Nezerlandiin dhiyaatee fudhatama kan argate yemmuu taú, waraqaan qoranno dhaamsa gootota wareegamtoota keenya yaadachisaniis

J/ Dr. Baaroo Qannoon dhiyaatee hirmaatootni hubannoo gahaa akka argatan taasifameera. walalooleen gootowwan waregamtoota keenya faarsanis dabalataan dhiyaataniiru.

Sirna kabajaa ayyaana kanarratti Miseensootnii Adda bilisummaa biyyaaleessa Ogadeeniyaa fi Uummattoota kibbaa akkasumas affeeramtoota lammiilee Nezerlaand argamuun dabareen haasaa godhaniin tumsa qabsoo bilisummaa Oromoo ABO’n hogganamuuf deeggarsa barbaachisu akka godhan mirkaneessaniiru.

Sirni kabaja ayyaana kanaas kan eegalame akka aadaa Oromootti eebba manguddotaatiin yemmuu taú ,gootowwaan wareegamtoota keenyaaf yaadannoo gaddaa daqiqaa muraasaaf erga godhamee booda, dungoon jaarsooliin qabsiifameera.

Dhumarraattis sirni kabaja guyyaa gootota Oromoo konyaa Nezerlaand kan xumurame ibsa ejjannoo qabxii 10 of keessaa qabu baafachuun yemmuu taú,tumsa qabsoo bilisummaa Oromoo ABO’’n hoogganamu cinaa hiriirree dirqama lamummaa keenya fulduratti gamataan ni baana murte jedhu fudhachuun akka taé gabaasa maddi keenya Nezerlandi nuuf erge irraa huabchuun danda’ameera.

IUOf!
GGBti!
DN

No comments: