December 31, 2008

Dhaamsa Waggaa Haaraa 2009 HD-GS-ABO

Dhaamsa Waggaa Haaraa 2009 HD-GS-ABO


Mudde 31, 2008


Miseensotaa fi Deggartoota ABO,

Gootota Oromoo hacuuccaa diinni ummata keenya irraan gahaa jiru dura dhaabbatuu dhaan bilisummaa fi kabajaa saba keessanii deebisuuf wareegama ulfaataa baasaa jirtan miseensota WBO;

Ummata Oromoo Bal’aa biyya kee keessatti hiyyummaa fi hacuuccaan dararamaa jirtu,

Hidhamtoota Oromoo kanneen rorroo fi dhiitamuu mirga namoomaa lammii Oromoo irra gahaa jiru saaxiluu fi mormuun keessan diinaan akka yakkaatti fudhatamee mana hidhaa keessatti jireenya gadadoo keessa jirtan,

Lammiiwwan Oromoo jireenyi gabrummaa isinitti haddhaawee fi biyyaa keessan keessa jiraachuu dadhabuu irraa biyya ambaatti baqattanii jirtan baqattoota Oromoo;



Hunda dura baga waggaa haarawa 2009 waliin geenye jechuun maqaa hogganootaa fi miseensota ABO, maqaa WBO kan diinaa wajjin falmaa hadhaawaa irra jiruu fi maqaa dargaggoota Oromoo falmaa irra jiraniin gammachuu fi hawwii qabu isinii dabarsa.

Barri haaraa bara qabsoo, injifannoo, bara milkii, nagaa fi fayyaa, bara tokkummaan sabaa fi qabsaawotaa itti cimu akka nuuf ta’u hawwa. Barri kun bara qabsoon keenya itti dagaaguu fi furga’u akka tahu hawwii dhaabbataa qabnuun dabarsa.

Bara darbe xumurree isa haaraatti yeroo ceenu, inni keessa dabarre maal fakkaata ture jennee wal gaafachuu fi of duuba mil’annee ilaaluun yeroo hunda barbaachisaa dha. Barri dabre gaddaa fi gammachuu, bu’aa-bahii, hongaa fi milkii akkamiin dabre jennee gamaaggama gabaabaa goonu malee isa haaraa itti tarkaanfannu keessatti maal akka nu eeggaatu gahaatti beekuun nu rakkisa. Kanaaf nuti akka dhaabaa fi ummataatti, bara 2008 keessa bifa akkamiin dabarsine? Dhibdeen hamaa fi milkiin gaarii nu qunnaman maal faa turan jennee wal qaabsisuun barbaachisaa taha. Bara moofaa geggeessinee bara haaraa simachuuf yeroo qophoofnu, barri dabre 2008 akkuma waggoota dhibbaan lakkaa’aman dabranii kan harqoota gabrummaa jalatti dabarsine waan taheef gaddaan yaadanna.

Addi Bilisummaa Oromoo dhaaba kudhanoota sadii oliif qabsoo siyaasaa, hidhannoo fi diplomaasii wal irraa osoo hin kutin geggeessaa har’a gahee dha. Dhaabni kun eessaa ka’ee har’a gahe kan jedhu guutummaatti beekun namoota hagoof yoo tahe malee hundi hubachuun ni rakkisa taha. Dhaabni ABO kan bu’aa bahiin, gufuu fi gufaatiin, shirri alaa fi keessaa itti heddumaate dha yoo jenne dhugaa irraa nuhi hin fageessu. Diini dhaaba kana dhabamsiisuuf shira hin xaxin, falli hin falin hin turre. ABO garuu dhaaba kaayyoo haqaa irratti bu’ureeffamee fi deggersa ummata Oromoo miliyoonotaan lakkaawamu waan qabuuf hawwiin diinaa kan ABO balleessuu haga har’aatti milkaawuu hin dandeenye. Yoom illee milkaawuu hin danda’u.

Bara 2008 baroota kaan irraa adda kan godhuu shirri keessaa fi alaa wal kiphee argamuu dha. Mootummaan Wayyaanee akeeka ABO dhabamsiisuu erga aangootti ol bahee kan jalqabe osoo hin tahin bara Dargii lolaa ture iyyuu akeeka kana tarkaanfachiisaa ture. Erga biyya bulchuu jalqabee ammoo karaa hundaan ABO dhabamsiisuuf dabaa fi shira ol aanaa xaxaa har’a gahe. Keessaafuu WBO zoonilee Oromiyaa adda addaa keessaa haxaawee baasuuf duula wal irraa hin citne ofiin geggeessu cinaatti , biyyoota ollaa guuza kadhatee of gargaarsisuun itti duuluun ni ture. Har’as kanumatti jira.

Wayyaaneen akka kanatti akeeka ABO dhabamsiisuu ykn yoo hanqate ammoo dadhabsiisuu jedhu tarkaanfachiisaa yeroo jirtu keessatti kanneen dammaqinsi qabsoo Oromoof qaban hir’uu fi wareeggama qabsoo kanaaf baafamaa ture itti hin dhagahamne fi mararfannoon isaan kanaaf qaban xiqqaa tahe fii kannen fedhii dhuunfaa dursan gochaa tokkummaa ummataa fi sabummaa Oromoo wareegama ulfaataan har’a gahe sharafu raawwatan as bahuu irraa dhaabni duula fuula lamaan itti baname of irraa faccisuutti seene. Dhaabni keenya gufuulee isa qunnaman hundaa qulqullummaa kaayyoo, obsaa fi murannoo miseensotaa fi hogganootaa, akkasuma deggertoota isaan akkuma kanaan duraa irra aanuu danda’eera.

Barri xumurre bara qabsoo karaa maraa finiinee itti gaggeeffame dha. Waraanni Bilisummaa Oromoo zooniilee mara keessatti addatti ammoo zooniilee Bahaa fi Dhihaa keessatti diinaa wajjin falmaa hadhaawaa waggaa guutuu wal irraa hin citne gaggeesseen wareegama hiriyaa hin qabne kaffalee jira. Diina irrattis injifatnoo galmeessee jira. Jaarmayaa ABO biyya keessatti bobaa diinaa jalatti dhoksaan ijaaramee jiru diinnii fi gantootiin diiguuf yaaliin godhan murannnoo fi gootummaa miseensota keenyaan fashalee jira. Biyyoota ollaa keessatti jaarmayaa ABO diiguu ykn jeequf shirri yaadame jabina miseensotaa fi deggertootaan maseenee hafee jira. Biyyoota alaa keessatti jaarmayaa ABO diiguu ykn jeequuf daba dalagame irra aanameera. Walii gala shirri dhaaba keessaatti xaxamaa ture miidhaa guddaa dhaqqabsiisa jedhamee sodaatamaa ture osoo miidhaan ulfaataa yaadame hin geessisiin dhaabicha ittisuun danda’amee jira.

Gama biraan haalli ummatni keenya keessa jiru yeroo hunda irra ulfaataa tahuun hin falamsiisu. Har’as taanaan biyya keenyaa fi qabeenya isii kan irratti ajajaa fi akka barbaadetti ittii fayyadamaa jiru nuhi ilmaan biyyaa osoo hin taane kanneen humnaan nurra qubatan tahuun dhokataa miti. Hanga biyyaa fi qabeenya keenya irratti kan ajaju alagaa ta’etti ammo nagaa fi guddinni, bilisummaa fi dimokraasiin lallabamu isa dhugaa ummataan hawwamu osoo hin taane kan sobaa diinaan lallabamu tahuun ifaa dha. Badhaadhina fi guddinni dhugaan kan jiraatu bilisummaa waliin qofa.

Diinni halkanii guyyaa maqaa dimokraasii, guddinaa fi badhaadhina kaasa. Guddina hin jirre kan jiru fakkeessee ittiin ummatoota afanfajjeessuu barbaada. Ofii badhaadhaa, Oromoo mara hiyyummaa fi gadadoo dorgomaa hin qabne keessatti ittisaa, misoomtan jedhee nutti baaca. Kan misoomaa fi duroomaa jiru garuu diinaa qabeenya keenya saamaa jiruu fi kanneen dantaa isaaniif jecha saba isaanii gidiraaf dabarsanii kennuun diina tajaajilaa jiran qofa tahuu dhugaa hundi keenya hubannuu fi argaa jirru dha.

Dhugaa kana ololaan irra aanuuf Wayyaanee fi tajaajiltootni Wayyaanee dhara dhugaa fakkeessuuf yaalan. Sirna Cunqursaa sirna dimokraatawaa moggaasanii dhiheessan. Hiyyummaan misooma taasifama. Gaddi gammachuu fakkeeffamee dhihaata. Kan mul’ataa jiru garuu hiyyumni ummata irratti saaree ummata lakkoobsa guddaa gadachaa jiraatuu dha. Tajajijilli hawaasaa bakkayyuu caccabee ummatni mana yaalaa dhabuu fi, mana barnootaa ijoollee isaaf hanqatuun rakkina bakka hundatti mul’ataa jiru dha. Dargaggoon hojii dhabuu irraa abdiin fuul dura isaa itti dukkanaawee argama.

Diinnni keenya rakkoo siyaasaa biyyattii huudhee jiru karaa nagayaa furuuf yeroon itti qophii tahee mul’ate gonkumaa hin turre. Kan nagaa barbaadu fakkaatee mul’atuu fi ummata Oromoo dogoggorsuuf garuu yeroo adda addaa ajandaa haasawaa nagaa jedhu haqummaa of keessatti hin qabne kaasuun duula dhiibbaa siyaasaa ABO irratti geggeessuuf yaalaa ture. Dhihoo kanas akkuma amala isaa olola fakkaataa qabatee ka’uun ummataa fi addunyaa afanfaajjeessuuf yaaleera. Haa tahu malee osoo fagoo hin deemin mana marii isaa keessatti gaaffii ummata Oromoo furuuf qophii akka hin taanee ifatti irra deebi’ee mirkaneesse.

Hidhaa fi ajjechaan, saamichii qabeenyaa fi dhiitamuun mirga Oromoo, kan dhaaboti mirga dhala namaaf falman dhugaa bahan, ummata keenya irratti gaggeeffamaa jiru mootummaan Wayyaanee kan nagaa hin barbaadne tahuu caalaatti mirkaneessan. Hidhaa fi ajjeechaan yeroo ammaa bal’inaan ummata keenya irratti adeemsifamaa jiru kunis ummata Oromoo hamilee cabsee jilbeenfachiisaa hin jiru. Ummatni keenya gochaa diinaa kanaan osoo hin rifatiinii fi hamileen hin cabiin harka duwwaa diina dura dhaabbatuun diddaa isaa agarsiisuu fi QBO finiinsuu irratti argama. Dhaaba isaa jaallatu cinaa hiriiruun cimsaa jira. Tarkaanfii ummatni keenya fudhaataa jiru kunis gootummaa isaa mirkaneessa.

Wayyaaneen furmaata nagaaf yoomiyyuu qophii miti. Fuula duraafis furmaatni nagaa Wayyaanee irraa hin abdatamu. Kaayyoo fi hawwiin Wayyaanee ol’aantummaa murna bicuu gad-dhaabuun bittaa fi hacuuccaa jiru kan bara baraa taasisuu dha. Kana Caalaatti amansiisaa taasisuuf wagga lamaan dura weerara Somaaliyaa irratti jalqabeen ummata Somalii kumootaan lakkawaman ajjeessee kitilaan kan lakkaawaman ammoo qe’ee irraa buqqaase jira. Of jajjabeessuuf akeeka Somaliyaa seenneef bakkaan geenyeerra jedhu illee dhugaa jiru garuu injifatamuu isaa mirkaneessa. Humni inni nan dhabamsiisa jedhee dhaadate daran itti jabaatanii baqaan akka biyya isaanii gadi lakkisee bahu dirqaa jiran. Haqni mul’ataa kunis kufaatii mootumma Wayyaanee agarsiisuutti dabalee duulli dharaa yoomiyyuu kan injifatamu tahuu mirkaneessa.

Dhaabota siyaasaa sirnaa fi seeraan socho’aan hacucuu dhaan miseensota isaanii hidhuu, ajjeesuu fi wajjira isaanii cufuuis dabalaa fi jabaataa dhufe malee hin laaffane. Wayyaaneen sirna dimokraasiin gaggeessa afaaniin jedhu illee gara paartii tokkootti cehaa akka jiru tarkaanfiin fudhataa jiruu fi gochaan isaa ragaa itti taha. Roorroo ummata Oromootii fi kanneen biraa irratti akkasumattis humna sochii hidhannoo kamuu filmaata as deemuun duratti abjuu ofirraan dhabamsiisa jedhuun geggeessaa jiru qaama adeemsa paartii tokkichaatti of ijaaruuf EPRDF itti jiru tahuu hubachiisa.

Kaayyoo fi hawwii Wayyaanee irraa diddaa fi fincilli Oromiyaa irraa eegalee, Somaliyaa fi gola Itoophiyaa guutuu woliin ga’uun daran jabaachaa jira. Waraanni Wayyaanee Somaaliyaa keessatti lola isa mudateen kasaaraa irra gahetti dabalee akeekni isaa fashaluu irraa baqatee bahuun isaa waan hin oollee dha. Qabsoo ummata dhabamssisuuf ummata irratti yakka guddaa raawwatus qabsichi caalaatti jabaatee, dirmatnaa addunyaa hawwate malee hin dhabamne. Qabsoo ummanni Oromoo Oromiyaa keessatti gochaa jiru ukkaamsuuf shirri akaakuu danuu fi gara jabinaa akka dabalaa fi hammaataa dhufeen qaramaa fi jabaataa dhufe malee hin doomne.

Gochaan hammeenyaa ummata keenya irratti raawwatamu kun hawaasa addunyaa jalaa dhokataa miti. Haa tahu malee Mootummaan Wayyaanee dirqama dantaa humnoota aangawoo garii bakkaan gahuu fudhatee marxifatee tajaajilaa waan jiruuf gargaarsi addunyaa keessattuu biyyootii dhihaa, karaa diinagdee, waraanaa fi dipolmaasii kennamuuf irraa hin citne. Hanga qabsoon bilisummaa ummatoonni biyyattii gochaa jiran sadarkaa itti aanutti cehee jireenya mootummaa kanaa gaaffii jala hin galchinetti deeggarsi kun ni dhaabbata jedhamee hin abdatamu. Kanaaf furmaanni jiru qabsoo bilisummaa finiinsuu qofa.

Waan taheef:

Yeroon amma keessa jirru akka sabaatti yeroo didhaan guddaan nurra jiruu dha. Yeroon ammaa kun yeroo diinni keenya sabboonummaa ummata keenyaa kolaasee gabrummaa irra tursuuf wixxifataa jiruu dha. Kanaaf dhaaboti Oromoo hundii sabboonummaa Oromummaa wareegama qaqqaaliin argame dandamachiisuu fi dantaa ummata Oromootii fi QBO tiksuudhaaf harka wal qabachuun irratti akka socho’an yaadachiisaa kanneen beekaas tahe osoo hin beekiin ykn dantaa dhuunfaaf jecha kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo ABO diina duraa godhatanii irratti ololaa fi shira gara garaa xaxaa jiran gochaa isaanii irraa akka dhaabbatan hiree kanaan hubabachiisa.

Mirgooti haga ammaatti akka sabaatti argachu dandeenye tokkummaan waan qabsoofnee fi wareegama qaqqaalii kaffaleef ture. Har’a diinni keenya tokkummaa sabaa kana danda’u diiguu, dadhabu ammo laaffisuu irratti hojjataa jira. Kanaaf ummata Oromoo tokkummaa kee jabeessitee akka tikfatuu qabsoo mirga abbaa biyyummaaf gootu finiinsaa deemtu waamicha keenya haaromsina.

Miseensotaa fi deggertootni ABO, haala dhiphinaa kamuu keessatti kaayoo fi dhaaba keetti cichuun seenaa boonsaa galmeessiteen qabsoon sadarkaa amma irra jiru ga’eera. Qabsoo haga har’aa wareegamaan ture firii itti gochuuf qoodaa fi dirqama kee fuula hundaan ol kaasuun gaaffii yeroo ta’uu hubadhu. Gochaa farrummaa sabummaa fi tokkummaa Oromoo sharafuuf hojjatamu dammaqinaan dura dhaabataa fi faccisaa mooraa qabsoo bilisummaa gabbisuun dirqama dabalataa ofitti fudhatuun irratti kan bobba’uu qabdu ta’uu yaadachiifna.

Dhaabni ABO dhaaba kudhanoota sadii oliif qabsoo siyaasaa, hidhannoo, hawaasumaa fi diplomaasii godhee dha. Kana irraas muxxannon horate guddaa dha. Yeroo adda addaatti dhaaba kana keessa namtokkee fi murni bahuun diinaaf aanjaa uume malee bu’aan qabsoo argamsiise akka hin jirre kanneen bilisummaa ummata Oromoof cichitan hubattanii akka harka wal qabatnee tokkummaa keenya caalaatti jabeessinee qabsoo finiinsuuf hojjatnu waamicha keenya haaromsina.

Dargaggootni, barattootni, barsiisootni fi beektootni Oromoo ijaaramtanii dirqama sabummaa bahaa jirtan, bara 2009 keessa jaarmayaa keessan bal’isuu fi tooftaa qabsoo jijijjiruun akka qabsoo finiinsitanii ummata keenya galii isaan geessan waamicha Oromummaa isinii dabarsina.

Mootummaan Wayyanee tooftaa dullacha kan adda baasanii bituu jedhutti dhimma baatee ummatoota cunqurfamoo giddutti shakkii uumuun akka nu giddutti tokkummaa fi wal hubannaan hin jiraannee hojjataa turte. Bakka bakkatti shira kanatti milkooftee dhiigni ummatootaa garmalee dhangala’ee jira. Shira gabroomftaa kana maseensuun nuyi cunqurfamoota irraa eegama. Kanaaf nuti ummatootni cunqurfamoon harka wal qabannee shira diinaa dura akka dhaabbannu, hariiroo tumsaa wal gidduutti akka cimfannuuf waamicha keenya dabarsina.

Mootummaan Wayyaanee kan jiraachuu dandeesse gargaarsa mootummoota addunyaa fi dhaabota idil addunyaan akka ta’e beekamaa dha. Mootummaan Wayyaanee gargaarsa mootummootni fi dhaabotni kun kennaniifin irree bittaa ishee ummatoota cunqurfamoo irratti jabeeffataa jirti. Kana waan ta’eef mootummootni fi dhaabotni addunyaa gargaarsa Wayyaaneef godhan irraa akka gabaabsan kan godhu danda’u malli tokkichi yoo jiraatee humni qabsoo fi tumsi qabsaawotaa jabaatee argamuu qofa tahuu hubatuun kana irratti ciminaan akka hojjatamu qabsaawota hundaaf dhaamna.

Qabsoon kophaa kophaa baroota dheeraaf adeemsifame diinaaf hiree laate malee walabummaa fi sirna haqaa ummatoota hundaan hawwamu argamsiisuu hin dandeenye. Kanaaf yeroon amma keessa jirru kan humnoonni mirga haqa, dimokraasii fi bilisummaaf qabsaawan hundi harka wal qabatanii irree tokkoon sirna cunqursaa kana buqqaasuuf gamtaan qabsaawan tahuu ammas irra deebiinee yaadachiifna. Olola diinaan gurmuu qabsaawotaa laaffisuu fi umrii gabroomsaa dheeressuuf oofamu fashalsuuf hojjachuun dirqama hundaa ti.

Walumaa galatti Godinaa kanatti nagaa amansiisaa argamsiisuuf qoodni ummata Oromoo ol’aanaa ta’uu beeknee jijjiirama hundee argamsiisuudhaaf, godina keenya jeequmsaa fi lola irraa walaba gochuuf murannoon akka kaanu maqaa ABO fi qabsaa’ota Oromoo hundaan yaamicha keenya ammas gadi jabeessinee dabarsina.

Barri haraa kan sirni hacuuccaa itti dhabamu, bilisummaan ummatootaa itti mirkanaa’u akka tahu hawwa.

Gadaan gadaa bilisummaati!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Daawud Ibsaa

HD-GS-ABO

No comments: