January 26, 2009

Waaqeffannaan Beekumsaafi Hayyama Seeraa Mootummaa Norwey Argate!


Waaqeffannaan Beekumsaafi Hayyama
Seeraa Mootummaa Norwey Argate!


(Madda Oduu ABO/MOA/Bargan/ Amajjii 25, 2009)

Amantiin Waaqeffannaa biyya Noorwey keessatti beekumsaa fi hayyama qaama seerummaa argatee galmaa’uun tarree amantiilee addunyaa kanaa ta’uun galmeeffamuun isaa beekame.


Maddi Oduu ABO / MOAn/ Noorwey, Bargan irraa akka gabaasetti, amantiin Waaqeffannaa seeraafi mootummaa Noorwey biratti beekumsaafi hayyama seeraa kan argate, Oromoonni Waaqeffattoota ta’an maqaa Gumii Waaqeffattoota Addunyaa-GWA jedhamu jalatti gurmaa’anii tattaaffii yeroo dheeraaf godhaniin ture.

Waaqeffattoti biyya Norway fi biyyoota adda addaa jiraatan amantii Waaqeffannaa deebisanii dagaagsuuf gurmaa’anii hojii jajjabduu karaa sarara paltalk fi quunnamtii garagaraa walitti dhufanii hojjachaa turaniin, Waajjirri dhimma kana hordofuu fi hayyama kennu Muddee 2, bara 2008 Waaqeffannaan amantii Oromoo jedhee galmeessuu isaa waraqaa ragaa 20 koree GWA biyya Noorweyiif kennee jira.

Akka kanaan Waajjirri kun Amantiin Waaqeffannaa Amajjii 17, 2009 irraa kaasee tarree amantiilee biyya Norway keessatti beekamanii fi seeraan galmaa’an waliin qixxeetti galmeeffamuu fi waajjira Mooticha biyyattii biratti beekamuu isaa xalayaa mirkaneessu ibsa gammachiisaa waliin koree Gumii Waaqeffannaa Addunyaa kan biyya Noorweyiif kennee jira.

Akka xalayaan hayyamaa kun mirkaneessitutti, Amajjii 17, 2009 irraa eegalee, koreen Gumii Waaqeffannaa Addunyaa damee Norway miseensota isaa galmeessisuun hojii amanticha barsiisuufi guddisuu raawwachuu danda’a.

Kanuma walii nis, kanneen akka Waaqeffannaatti walfuudhuu barbaadaniif sirna cidha gaa’elaa raawwachiisuu fi ragaa kennuu akka danda’u, akka aadaa amantichaatti sirna awwaalchaa fi bakka awwaalchaa argachuu akka danda’u, Galma Waaqeffannaa kireeffachuu ykn ijaarrachuu akka danda’uuf mirga amantiin tokko qabu mara akka qabaatu Xalayaan Hayyama mirkaneessitu kana irraa hubachuun danda’ameera.

Guleen Adulaa Duraa Gumii Waaqeffattoota Addnyaa dhimma kanarratti dhaamsi darbe akka hubachiisutti, ”warri Waaqeffannaa hordofnu, amantiin Waaqeffannaa saba keenya ummata Oromoo fi Saba Kuush hunda biratti maqaa qofaan osoo hin taane, dalagaan ykn mul’inaan akka jiraatuuf irratti hojjechuuf maqaa GWA jedhuun gurmoofne. Gurmuu kanaan Waaqeffannaa sirnaan barachuu, barsiisuu fi hawaasa addunyaa beeksisuu qofa osoo hin taane, aadaa, afaanii fi seenaa saba keenyaa ittiin guddisuuf nu gargaara jennee amanna. Akka amantiitti ammoo Waaqa tokkicha, kan morkaa fi hiriyaa hin qabnetti amanuu fi isaan buluudha,” jedhanii jiru.

Amantiin Waaqeffannaa kun akka daran guddatuufis Waaqeffattooti fi ummanni Oromoo akeeka eebbafamaa kana hubatanii akka GWA cina dhaabbatan ykn itti makaman dhaamsi Gulee Adulaa Duraa Gumii Waaqeffannaa Addunyaa kun waamicha godhee jira.

Waaqeffannaan sadarkaa addunyaatti seeraan galmaa’ee hayyama seeraa argachuun isaa hedduu kan isaan gammachiise ta’uu kan ibsan miseensi GWA tokko immoo, ’’Waaqeffannaan amantiilee addunyaa kanaaf bu’uura ta’e, garuu, gaadi’amee ture yeroo ammaatti sadarkaa kanarra dhaqqabuun isaa qabsoon sabboontota Oromoo hagam sanyii godhataa akka jiru hubachiisa,” jedhaniiru.

Waaqeffannaan biyya keessatti uumame, Oromiyaa, keessatti seeraan beekamuu fi fudhatmuu dhabuurrayyuu hordoftoonni isaas bifa garagaraan dhiibamanii amanticha akka gadhiisan ykn akka dhabaman godhamaa akka jiru illee beekamaadha. Waldaan Waaqeffannaa kan amanticha iddoo itti awwaalamee baasuuf biyya keessatti hundeeffamee ulaagaa seeraa guutee hayyama fudhate guyyaa 52 keessatti deebi’ee akka cufamu mootummaa wayyaaneen taasisamuunis kan yaadatamuudha.

MOA

Graphics: MOA / OromiaTimes

1 comment: