March 05, 2009

Fincilli maali? Maaliif barbaachisa? (J/ Biraanuu irraa)

Fincilli maali? Maaliif barbaachisa?

Waan hundi ruuda (Universe) keessa jiru taateefi baatee [cause and effect] qaba. Waanni tokko waatokko malee hintaane.Gabaabaatti “Waan tokko irraa waa takko dhufa” Fakkaata yaada (logically) kanarra ejjechuun Fincila dudduuba waanni tokko akka jiru tilmaamuun nama hin dhibu. Kanarraa ka’uun hiika ifaafi mul’ataa itti kennuun nama hiyyaaddessu. Fincilli gad xiqqaatu ka namtokke guddatu ka biyyaa tahulleen waa takka mul’isa; fedha ykn danta (interest). Namtokko, murni, sabni ykn biyyi waliin fedhii tokkicha qooddatu mala. Ifatti fedhii waloo qabaachuu dandaha. Fedha kana yoo lagaman ykn fedha biroon yoo haguugame deebisanii argatuuf matuma mataan ykn murnaan (tokkummaan) duuluun kan hinoolle. Wayita kana fedha adda addaa lamatu uumama. Namilleen ykn sabni ykn biyyi fedhii lameen kana duuba bitaafi mirga, gamaafi gamas buhee waldura dhaabbata. Oggaa kana deemsi ykn gochaan fedha ofii deeffachuuf diddaan tahu ykn godhamu fincila jenna. Deemsa (process) kana keessa agarsiisa diddaatu jira. Kun waan hedduun dhugooma. Fiixa deemsa kanaa (calqabaafi dhuma) lameen ijoo barbaachisummaa fincilaan walqixxeessina. Jechuun taateefi baatee gidduu fincilatu jira.

Asirratti, haga ammaa ka barame, nama ykn murna ykn saba humnaan jala jirutu fincila calqaba. Ammoo fincilli namaafi nama gidduu, sabaafi saba gidduu, biyyaafi biyya gidduu, sabaafi biyya gidduu, sabaafi sirna gidduu, murnaafi biyya gidduu ykn murnaafi sirna gidduu jiru haala biroon ibsamuu mala. “ Harki kadhatu harka hiixatu jala jira.” Kanaan walfakkaata dubbichi.

Ilmaan namaa gochaafi yaadaan mura (limit)waaqni tolcheen olitti ykn sirna ykn tooba ruudni baalcheen ol hincala’u, gad hinsolola’u. Gombisa (domain) kana keessatti nami calqabuma fedha ittiin dhalate malee itti hindhalannen jedha. Kanaafuu, haga dhaloonni ilma namaa itti fufetti fedhisalleen waliin lufa, ittuma fufa. Jechuun fincilli ilma nama waliin dhufe, waliin buhee bahee as gahe borulleen ittuma fufa. Fincilli gariin finiinee goobee, fincilli kuun xuuxamee coolagee bara baraan waldabra. Fedhi namaa dhuma hinqabu jaliitii buusee marsa.

Fincilli Ka Eenyuuti?

Ilmi namaa jiraachuuf waan dirqii tahan mara gochuun ykn argachuun hundaan ol maayiidha. Dheebuu ooluuf bishaan, beela ooluuf nyaata akka fakkeenyaatti xuquun nidandahama. Kun fedha dhalli namaa uumamaan qabudha. Fedha nami martuu ittiin dhalate jechuudha. Fedhiileen kunneen keessatti ofittummaa qaban, irra dabreeyyu yaroo hedduu kanaan oofamu. Akkuma bifti namaafi fulaan qubsuma nama adduma addaan tahe hangi fedhiifi argamni isaa walinqomu. Fulaa tokko tokko waan dhalli namaa haga tahe itti quufu uumamni badhaase taha. Fulaa tokko tokko ammoo haga silaa fedhiin namaa xiqqaatti itti quufu uumamni itti qice taha. Kanarraa kan kahe ilmi namaa gariin hinkoo isaa argachuuf, gariin ammoo hinkoo isaan ol raamuuf tattaafata. Jirachuuf, ilmi namaa, guyyuun haala akkanaan ifaaja. Fincilli, egaa, deemsa gochaafi agarsiisa diddaa ilmi namaa namtokkummaan, murnaan, sabummaan ykn biyyaan jiraachuuf badisarraa dandamachuuf ykn dhabamarraa ooluuf xaarii xaarudha. Kanaaf fincilli meeshaa, tooftaa ykn fala humna dhabeeyyiin humna qabeeyyii dura ittiin dhaabbatanidha.

Oromoon diddaa gabrummaaf finciluun maa feesise?

Oromoon saba. Saba guddicha afaan, aadaa, seenaafi qubsuma lafaa mataasaa saboota kanneen biroorraa ka adda taasisu qaba. Lafti kun, afaan kun, seenaan kun, ykn aadaan kun ka sabni Oromoo saboota biroorraa; ollaa ykn fagoo, alagaa ykn fira jennee irraan adda ittiin fo’uu dandeenyudha. Kun mallattoolee waloo Oromoon akka sabaatti qabudha. Mallattooleen eenyummaa Oromoo akka sabaatti ibsan kun fedha sabummaa Oromooti. Fedhi kun fedha Galgaloo, fedha Tolaa ykn fedha Huseen miti. Fedhi kun fedha Oromooti. Mallattoolee kanneen keessa yoo tokko ykn lama hir’ate fedha Oromoo san bakka hinbu’u. Oromoon akkuma saba kamuu fedha guutuu malee fedha farquu hinqabu. Fedha kana Oromoon kaleessaa tiksee Oromoo har’aan gaheera. Oromoon har’aa ammoo, fedha waloo kana tiksee Oromoo boruutti dabarsuun dirqama dhalootaati. Deemsi kun; deemsi mallattoo sabummaa ofii fudhatan dabarsanii akka jirutti labataaf olkaa’uun ifaaja Oromoo jireessuufi itti fufa jireenya sabummaa Oromoo agarsiisa. Deemsi kun deemsa halkan tokkoon ykn gocha guyyaa tokkoon obbaasan miti. Tarkaanfiin kun tarkaanfii ilma Oromoo tokko ykn intal Oromoo tokko qophaa miti. Tarkaanfii saba Oromooti. Kanaaf, Oromummaan deemsicha, deemsichi Oromummaadha. Kun ammoo umurii dheeraafi qooda fudhannaa dhalootaa gaafatu mala.

Akkuma kan Oromoo kaan Amaarri, Tigireen, Guraageen, Hadiyyaan, Walayitaan, Nuheer, Anyuwaak, Sumaaleefi kkf mallattoolee ittiin adduma addaan ittiin fo’amanii beekaman qabu. Fedha waloo mata-mata isaaniiti.

Fedhi adda addaa kun (kan sabaafi sablammii adda addaa) yoo sirni gaarii, walubannaafi walqixxummaan jiraate fedhi inni tokko kanneen hafan ykn galagalchoon hinyaatu. Miiltoo waliif tahanii deemuu nidandahama. Waanni hamaan garuu yoo fedhi tokko fedha isa tokko haguuguuf ykn balleessuuf deemsa calqabedha. Kun kan tahu wayita fedhi ittiin dhalatan cufatti ofittummaan guutameefi fedha itti dhalatan san fedha kanneen biroorra caalsisanii ilaaluun gaafa calqabamedha. Kun tuffii, walcaalmaa, waldhabiinsaafi sirna yaraa dhalcha. Waanna ofiif hinjaallanne kabiroof jaallachuun ijoo hammeenyaafi daba kanaati.

Wanneen Oromoo fincilatti oofan...?

Maddi fincilaa fedha jenne. Waan fedhan kun akka fedhanitti yoo hinguutamne ykn yoo hinargamne fincilatti nama darban. Lafarratti Oromoos tahe saba ykn murna biroo fincilatti ka oofan keessa kanneen jajjaboo:

  • Aangoo siyaasaa ykn sirna siyaasaa
  • Qoodmaa qabeenya biyyaa (distrubition of national wealth)
  • Rakkoolee hawwaasummaa
  • Gabrummaa ykn kolonii (slavery in its different form)
  • Walcaalmaa Amantii
  • Qabeenya lafaa (bishaan, albuuda ...)
  • Daangaa biyyaa (territory)
  • Qabiinsa mirga ilma namaa
  • Mirgoota dimokiraasii
  • Ambaalee seenaa (Historical heritage)
  • Haaloo seenaa (historical revange)
  • Yaad-oofa (Ideology)

Oromoon erga sirni bulchiinsiifi amantiinsaa ; Gadaa, sirna alagaa qubattuun tooftaafi shira adda addaan saagame fedhi Oromoo guddichi mallattoo sabummaa isaa tahe sharafamuu eegale. Guyyoota keessa ammoo sabichuu akka qoraan ibiddaaf qophawee tahe. Isaa gubatutti, boba’utti alagaaf ifaa ture. Tarkaanfii alagaan gama kanaan fudhate waggoota dheeraa keessa Oromoo akka sabaatti miidhaa hagana hinjedhamne irraan gahe. Tahulleen ilmaan Oromoo fedha guddicha isaanii owwaalamarra jiru kana baraaruuf yoo xiqqaate waggoota dhibbaaf deemsatti jiran. Fala, malaafi tooftaa deemsichi gaafatu mara dhawaata dhawaataan dhimma itti bahuu jira.

Deemsi sabni Oromoo jaarraa tokko oliif itti jiru kun Oromummaadha. Oromummaan ammoo fedha alagaa san bira oggaa qabnu fincila. Oromoon qabxiilee olitti akka ijoo fincilaatti gad tarrisne keessa argatuun hafee akkuma namaattu yaroonni itti hinlaalamnetu ture. Gariin, Oromoonilleen Oromoo ofiin jechuu yella’ee alagaatti ofmogaasa ture. Murni, sabni ykn biyyi Oromoo hinbeekne fedha Oromoo beekuu hindandahau. Sirni hiika Oromoo akka Oromoon ofbeekuun ala kennu fedha Oromoolleen ka Oromoon hinfeene fedhaaf.

Har’alleen qabxiilee jajjaboo san keessa ka hangafa tahe aangoo siyaasaa ykn sirna mootummaa gaarii keessatti fedhi Oromoos tahe fedhi sabaafi sablammiin biyyattii miiltoo waliif tahee deemuu dandahu hintolfamne. Kan tahe yoo jiraate sirna fakkeessaa ka fedhi Oromoo guddichi keessatti bultiin haguugamaa deemudha.

Biyyattii keessatti, haga ammaa, sirni mootummaa fedha sabaafi sablammii biyyattii walqixa gatii kenne hindhalanne. Yoo dandahame fedha ofiif qabaniin goyyoomsaan ka biroo haguuguu, bultii keessa balleessuu. Yoo dadhabame ammoo sirna fedha sabaafi sablammii farqeessituu tolchuun luugama itti kaa’anii deemsisuudha. Si’ana dhugaa kana dhugoonfachuuf xiinxala guddaa nama hingaafatu. Ammalleen itti baha sirnichaa lafarratti argaa waan jirruuf.

Oromoon ammoo Oromummaa bakkatti deebisuuf, Oromummaa ykn deemsa Saba Oromoo (Oromo contiunity as real Oromo) dabsuufi fedha Oromoo awwaaluuf waggoota deemsa Abashummaa maqaa tokkummaa xoophiyyummaan deemaniin ol yoo tahe malee gad nu’gaafatu. Kanaaf ilmaan Oromoo deemsa dheeraafi dadhabsiisaa kanaaf ofqopheessu qaban. Amma karaa walakkaa jirra, didha jajjabootu nujjira. Garuu, fedha waloo san dhugoomsuuf yoomiyyu caalaa tokkummaa, walubannaafi seexaan yoo deeman sichi karichi haga amma deemneen ol hidheeratu.

Biraanuu

berhanu@rocketmail.com

Mudde 2008

No comments: