March 08, 2009

Polisotti Wayyaanee barattoota Oromoo reebuuf ergaman keessaa 7 ofiif dhanamani salphinaan dacha’an (MOA)

Polisotti Wayyaanee barattoota Oromoo reebuuf ergaman keessaa 7 ofiif dhanamani salphinaan dacha’an. Barsisotii fi hojjettooti Oromoos walgahii ergamtootaa dhiitanii bahan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Bito. 8, 2009)

Bitootessa 5 bara 2009 barattooti Oromoo Calliyaa Fincilii aana Caliyaa Magaalaa Geedoo keessatti kaasuun isaanii hubatame.

Barattooti Oromoo Calliyaa magaalaa Geedoo sadarkaa lammaffaa waliin diddaan qabateen Poolisooni lukkee Wayyaanee tahan 7 dhaagaadhaan yeroo madahan, kaan ammo human dabalachuuf of irra deebi’an.- Sababa Fincilli kun yeroo ammaa ka’e kanaan barataan Oromoo Wandimuu Dandanaa Hospitaala Ambooti dabarfamee lubbuun issa dabarte jirti. Barataan wandimmuun rasaasa diinaan rukutamuun maddeen ibsanii jiru. Gama biraan Baraataan Balaay Mootummaa Camaadaa jedhamus akkaan midhame Hosipitaala jiraachuu fi rasaasi qamaa isaa keessaa bahuunis MOA Ambo irraa ibsee jira.

Sababni Fincilli irraa ka’ee tures bareefama kabajaa uummata Oromoo salphisuu fi xiqqeessu ykn maqaa xureessu mancafamee mormuu fi barattoota Oromoo Yuniversity Bahirdarif Birmachuun akka ta'e maddeen ibsu. Qaami waraqaa kanaa facaases qoratame seeratii akka dhiyaatu jedhanii gaaffii barattooti kaasaniif bulchiinsi naannichaa waan dhiheessuu dideef diddaan kun dhalate. Barattooti Oromoo kabajaa Saba keenyaaf, mirga dhala namaaf dhaabbachuu murtoo godhatanii gaaffii haqaa irratti hundaawuun yaada dhiheessachuun beekamee jira.
Yeroo amma kana Fincilichi gara Ambooti tarkanfachuuf kan jedhuu irran Polisiin Fedraala Wayyaanee meeshaa waraanaa guguddoo fi human dabalata waraanaa Ambotti guuraa jiraachuun maddi keenya gabaasa.

Godina Shawaa Lixaa Ona Daannootti barsiisotnii fi hojjettootni Oromoo walgahii ergamtoota wayyaanee dhiitanii ba’an.

(Madda Oduu ABO/MOA/Bito,8,2009) MOAn akka gabaasetti, ergamtootni Wayyaanee Godina Shawaa Lixaa Ona Daannootti argaman barsiisotaa fi hojjettoota walitti qabanii ABO balaaleffachuu fi maanguddoota Oromoo salphisuuf wayta yaalan hojjettootnii fi barsiisotni nuti haasaa akkanaa hin feenuu nu irraa dhaabi jechuun mormii kaasanii walgahicha dhiitanii ba’an.

Ergamtoota wayyaanee ABO balaaleffachuu fi maanguddoota Oromoo salphisuuf yaalan keessaa tokko gurmaayina Ona Daannoo kan ta’e lukkee Warqinaa Gaaluu jedhamu akka ta’es barameera. Namni kun hojjettoota biiroo fi barsiisota walitti qabee itti lallabuuf yaalus salphifamee geggeeffameera.

Lukkeewwan Warqinaa Gammadaa fi Zawudee Buttaa jedhamanis hojii fakkaataatti bobba’anii jiraachuu isaanii maddeen keenya eeruun, hojii farrummaa kana irraa daddaffiin akka dhaabbatan sabboontotaan akeekkachiifamuu isaaniis ifa godha.

No comments: