
Haaluma wal fakkaatuun barsiisaa muummee afaan oromoo kan ta’an barsiisaa Katamaa Gammachuu kan jedhamu ijoollee sabboontotaaf qabxii dabaltee miseensota OPDO irraa ammo qabxii murteetta jechuun yakkanii hojii irraa arii’aniiru. Haala kana guutummaan guutuutti sabboontotni oromoo yuuniversiitii kanaa mormuun marii cimaa adeemsisuun maandheen wal ijaaraa jiru.maandheelee kana keessaas maandheen GAADDISA ODAA BULLUQ JALAA waadaa ishee haaromsachuudhaan barattoota barattoota sabboontata armaan gadiin marii gaggeessunun ibsa ejjennoo baasatteetti.
1. Abbaa biyyaa Moosisaa
2. Abdii Borii
3. Yoomiyyuu Dhugaasaa
4. Finiinsaa Qabsoo
5. Balaa diinaa Horroo
6. Urjii Bilisummaa fi
7. Murmur Bosonaa ti
IBSAWWAN EJJENNOO
1. Waadaa walii galle hanga bilisummaa fi bilisummaa booda itti fufna.
2. Gootota wareegaman ni yaadatna. Gumaa isaaniis ni baasna.
3. Arrabsoo,hidhaa,hacuuccaa fi cunqursaa uummata oromoo irra ga’u ni mormina.
4. Oromiyaan biyya of dandeessee fi alaabaa mataa ishee qabdu waan taateef alagaan bulchuuf mirga hin qabu.
5. ABOn kallacha qabsoo uummata oromooti.
6. Ayyaanota oromoo fi dhaaba keenya ilaallatu ni ayyaaneffatna. Kan wayyaanee fi lukeewwan ishee garuu ni fashaleessitna.
7. Dhaaba keenya ABO wajjiin hanga dhumaatti waadaa fi amanamummaadhaan hanga dhumaatti wajjiin taanaa fi k.k.f baafachuudhaan ture.
Kanaaf dhaamssi keenya dalagaan akkasii fi arrabsoon akkanaa karaa mootummaa Habashaa dhufee fi jala deemtuu ishee OPDO dhaan caalaa dhufe haamilee keenya waan tuquuf sabnni Oromoo marti qotee bulaa, baratoota Yuuniversiitii fi koleejjii, hawaasnni Oromoo marti kan biyya keessa fi biyya alaa sagalee keenya akka dhageessinuun dhaamssa keenya!!
Bomba Horroo
Yuniverziitii Haroomaayaa irraa
No comments:
Post a Comment