Dhaabbilee Oromoo Haala ummati keenya keessa jiru kana hubatan murtee tokko irra ga’uun dirqama lamumma ta’ee argamera.
Ummaani keenya yeroo amma kana kara hunda diina isaa garbonfatuuf irrati wal nyaatuu kara itti of irra itissu walale haali jiru kara hunda itti dukana’ee jira. Nafixaanyan Tigree isaa nyachaa jiru utuu irra hin deemin Nafxaanyan kaleessa immo Oromoo lamafaa garboonfachuuf waan dandayee hunda gochaa jira.
Yeroo kana immo Ilmaan Oromoo bakka hundatti wal qoodani diina dhisaan wal irratti booba’aa turan. Haali kun Ummtaa keessatti sodaa, yaadoo ummu irra darbee ummtati Salphina gudda itti ta’ee jira. Kun immo Ummata keenya Hamilee caabse abdi kutachisa jira. Sodaa, yaadoo fi salphin ummtaa keenyatti dhaga’amee kanaaf bori utuu hin tanee hara’aa deebi keenuu qabna.
Kanaafu Dhaabbilee Oromoo rakko ummtachaaf dursa keenudhan wari bilisummaa oromooti amanan fi kayyoo ummtaa Oromoo haqa irratti kan wal galan haala dure tokko malee tokkuman Bilisummaa Oromoof akka hojeetan murteefatan Uummtaa Oromoof ibsuu qabu. Haawwasi Oromoo bakka hunda jiru ilee tokkummaa Oromoo jalati hirire lammi isaa biyya jiru cinna dhaabachuu qaba. Dhaabbilee kayyoo haqa fi Bilisummaa Oromooti amanan hundi adda addumma xixiqa dhisani Uummtaa diinan marfamee kana tokkumman cinna hiriru qabu. Ogantoon dhaabbilee Oromoo ykn bakka bu’oon isaan fi Ogannon Hawwasa USA Atlanta marii godhachuun walga’ii ummta kana itti fayyadamun walgaltee tokko labsachuu qabu. Ogantoon Haawwasa Oromoo fi Dhaabbilee Oromoo (NGO) akka OSA Ogannotaa dhaabbilee Oromoo fi Ogannoota Hawwasa Oromoo walti fidudhan Oromoo gidutti tokkummaa fi jaalala akka jajabesinuu hunda keessan kabajaan gaafana.
Tokkummaan Oromoon Bilisummaan Oromoo ni mirikana!
Getachew Jiji Demekssa, Dr.
Dura ta’aa Gummi Paarlamaa Oromoo
_____________________________________________________________
Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO), Oromo Parliamentarians Council (OPC)Sint-Jobstraat 43, 2060 Antwerpen, Belgium,
Tel 0032488 47 93 60, Email: infogpo@Yahoo.com
website: http://www.oromoparliamentarians.org
1 comment:
fila shoes
golden goose
air jordan
authentic jordans
huaraches
balenciaga sneakers
kyrie 6
cheap jordan shoes
curry 6 shoes
russell westbrook shoes
Post a Comment