August 05, 2009

Gootichi WBO Godina Bahaa keessa sossoohu, haleellaa qubattuu waraana wayyaanee irratti fudhateen 25 ol hojiin ala taasise

Gootichi WBO Godina Bahaa keessa sossoohu, haleellaa qubattuu waraana wayyaanee irratti fudhateen 25 ol hojiin ala taasise

(Madda Oduu ABO/MOA/Hagayya 4, 2009) Irree fi abdiin ummata Oromoo WBOn godina Bahaa keessa sossoohu, tarkaanfii humna diinaa irratti fudhataa jiru itti fufuun, Adoolessa 12/2009 Dhiha Harargee Ona Habroo naannoo Machaaraa bakka Dikicha je’amtutti humna diinaa duuala sakatta’aaf itti bobba’e rukutee 9 ajjeesee kanneen biroo 11 madeessuu ajajni WBO godina bahaa beeysisee jira.

WBOn tarkaanfii diina irratti fudhatu itti fufuun Adoolessa 21/2009lis Hararguma Dhihaa Ona Daaroo Labuu bakka Qarba Takkee je’amtutti waraana wayyaanee sakatta’aa fi qorannoof bobbaafametti haxxee hidhuun haleelee battalumatti 5 ajjeesee hedduu madeessee jira. Gootichi WBO haleellaa guyyoota lameenii tanaan, meeshaalee gara garaa diina irraa booji’ee dantaa QBOf akka oolches ajajni WBO godina bahaa odeessi argame dabalee hubachiiseera

Waraanni wayyaanee haleellaa WBO irraa dandamate faffaca’ee baqaan kan of duuba deebi’e oggaa ta’u, akkuma amala isaa ummata nagaa irratti haaluu bahaa akka jirus beekun dandahamee jira. Waraanni wayyaanee WBO godina bahaa dura dhaabbatee sochii isaa danquuf sakattaa fi duula adda addaa kan godhaa jiru oggaa ta’u, WBOs duulaa fi sakattaa diinaa murannoon bakka adda addaatti hongeessaa akka jiru ibsameera.

Gama biraan WBOn Godina Bahaa Harargee dhihaa keessa sossohu ergamtoonni diinaa warreen akka Umar Abdallaa Alii, Ahmed Siraaj, Aslaaddiin Ahmed Aliyyii fi Sulxaan Mo’ed Abdallaa je’aman hatattamaan dalagaa farrummaa itti jiran irraa akka dhaabbatan akeekkachiisa maayyii dabarseefii jira.

Haga humni qubattuu wayyaanee guutummaa Oromiyaa keessaa baatutti tarkaanfiin kan itti fufu tahuu ajajni WBO godina bahaa dabaluun addeessee jira. Dhiheenya kanas WBOn Godina bahaa Harargee dhihaa keessa sossohu Adoolessa 11/2009 humna diinaa haleelee 6 irraa ajjeesee 5 madoo taasisuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama.

MOA

No comments: