August 29, 2009

Oduu Gaddaa: Jaal Mohammad Gammada Addunyaa irraa boqotani

Jaal Mohammad Gammada Addunyaa irraa boqotani

Jaal Mohaammad Gammadaa, biyya Oromiyatti, baha Oromiyaa magaalaa Shashamannetti bara 10/12/1954 dhalate. Barnoota isaa sadarka lammaffaa, ogummaa harkaatiin(technical school) fixate. Biyyaa America yeroo dhufellee Mount Hood Community College deemuun ogummaa welding baratee certificate argachuun ittin hojjataa ture.

Jaalli kun ogummaa qabuun tajaajilu callaa osoo hintaane bara 1991 yeroo ABO biyya gale namoota dhaaba kana jala hiriiruun halkanii guyyaa hojjataa ture keessaa tokko ture. Jaalli kun bara 1991 kaasee haga lubbuun isaa boqattutti miseensa ABO ture.
Bara 1998 - 2005 hucuuccaan diinaa itti hammaannaan maatii isaa biyyatti dhiisuun jiruu baqaa jiraachuuf dirqame. Biyyaa Kenya keessatti yeroma baqatummaa irra tureellee saba isaa tajaajiluuf yoomillee nama boqonnaa hin fudhane turee. keessattu yeroo adda addaa rakkoo baqqatoota Oromoo keessatti umaamu furuuf akka jaarsatti maanguddoo dabalatee furmataa fiduuf nama carraaqqii guddaa godhaa ture.

Hiree argatee biyyaa America haga seenellee hawwii saba isaati qabuuf asitillee magaalaa portland tti hawaasa Oromoo jabeessuun, fi ijaaruun carraa argamee maraan nama tattaafii godhaa turee. Jabinna inni muldhiseen hawaasn Oromoo magaalaa Portland president hawasaa Oromoo akka ta'u filateen. Yeroo hawaasa kana tajaajilaa ture, iddoo waltajii Oromoo(Oromo Cummunity center project) bituuf ummata gurmeessee hawwii kana fiixaa basuuf nama halkanii guyyaa xaaraa turee keessaa isa fakeenyaan waamamu turee. Bara 2009 yeroo filannoon hawaasa ta'e ammalee deebisan president hawaasa magaalaa Portland ta'ee filatamee ture.

Jaalli kun sabboonummaa caalaa nama saba isaa milkeessuuf hujiin tattaafataa ture. Baruma kanaalle kora Atlanata tti ta'e irratti argamuuf nama tikect xayyaaraa bitaatee deemuuf qophii irra osoo jiru dhibamee hospitaala Seene. Jaalli kun Hospitaala Oregon Health Science University keessatti yaalaataa turee guyyaa 08/25/2009 addunyaa kana irraa boqate.
Jaalli kun ijoolee afur kan qabu yoo ta'u, gadda nutti dhagayameef, sabboona tokko uf keessaa dhabuun kan nu gaddisiisee yoo ta'u, gadda kana namootiin isaa beekaniif, sabn isaa akka nu wajjin maatii isaa jajjabeessu dhaamsa gabaabaa kana dabarsina.



Waldaa hawaasa Oromoo Magaalaa portland /Portland Oromoo Comunity Association/