Maddi Oduu ABO, MOAn Naayiroobii irraa akka gabaasetti, Ayyaanni Hulluuqoo sirna miidhagaan kabajamuun cinattis, guyyaa sabboontonni Oromoo kaayyoo isaanii Oromummaa callaan walqabatanii milkeeffachuuf akeekkatanii turan, deebisanii itti haaromsatan ta’ee jira.
Akkuma duudhaa sirna ayyaana Hulluqqootti, jilli kun eebba manguddootaan baname. Ittaansuunis, sirni Hulluuqoo kan balaa darbe ittiin jala hulluqan, kan hamaa dhufe mara jalaa itti hulluqan gaggeeffameera.
Gama Argaa dhageettii Gadaa Oromootiinis, aadaa Oromoo guddisuufi dagaagsuuf hojiileen jajaboo hojjatamaa akka jiru kan eeran Abbaan Liiban Dabbasaa Guyyoo, aadaa keenya bakka itti awwaalamee baafnee hundee duraatti deeibsuuf yeroo ammaa kana Biyyoota Dhihaa, fi Awuroopaa waliin walitti hidhachuun bal`inaan akka hojjachaa jiru ibsanii jiru.
Jila Hulluqqoo kana irratti, kana malees, aansuun manguddoonni sadii aadaa Oromoo ilaalchisaanii wal-duraa dubaan erga ibsa bal’aa godhanii booda walaloon “ati eenyuu “ jedhu tokko dhiyaatee jira. Jila Hulluqqoo haalaan miidhagee kabajame kana irrattis sabboontotnni Oromoo hedduumminaan uffata aadaa Oromoon faayamanii kan argaman ta’uu gabaasaan MOA hubachiisee jira.
Source: Maddaa Oduu ABO (MOA)
No comments:
Post a Comment