October 01, 2009

Oduu fi ibsa ejjanno Miseensota fi deeggartoota ABO konyaa Nezerlands

Oduu fi ibsa ejjanno Miseensota fi deeggartoota ABO konyaa Nezerlands

Miseensootni fi deeggartootni dhaaba keenya olola dharaa warri tokkummaa uummata keenyaa hin jaallannee afarsaniif gurra kennuu dhiisanii, kaayyoo isaanitti cichanii, qabsoo bilisummaa Oromoo ABO'n hoogganamu shaffisaan galamaan gahuuf bakka maratti yoo murannoon hojjatanii galiin bilisummaa keenyaa fagoo akka hin taane H/D/ ABO J/ Daawuud Ibsaa mirkaneessan.

Hayyu dureen shanee gumii gumii sabaa ABO, jaal Dawud Ibsaa, kana kan beeksisan wayita ammaa imala hojii gara biyya ambaatti godhaa jiran milkiin itti fufuudhaan Fulbaana 26 bara 2009 miseensootaa fi deeggartoota ABO biyya Netherlands keessa jiraatan waliin marii bal’aa wayita gaggeessanitti.

Yeroo gababaa kana keessatti kan deebi'ee of ijaare konyaan ABO Nezeraland ,yeroo ammaa kanaatti bifa nama gammachiisuun miseensoota hedduumminaan horatee sadarkaa kanarra gahuu isaa adeemsa qabsoo bil;isummaa Oromoo gochaa jirru keessatti injifannoo guddaadha jedhaniiru. Kun bakkayyuuttu jabaatee kan itti fufuu qabu jechuunis dhaamaniiru.

H/D ABO J/ Daawud Ibsaa miseensotnii fi deegartoota ABO koonyaa Netherlands waliin haala QBO irratti marii bal’aa gaggeessan kana irrartti haala siyaasaa kan gaafa Afrikaa, biyyoota ollaa Oromoo, addatti immoo kan Impaayera Itoophiyaa irratti xiinxala bal’aa dhiheessaniiru. Bu’aa ba’i ABO'n keessa bahe, sochiilee gama hidhannoo, siyaasaa fi dippilomaasiin godhame irratti gad-fageenyaan xiinxalaal baldhaa dhiyeessuun akka hubannoon gahaa fi qubsaa hirmaatttooti argatan taasisaniiru.

Dura Teessoon Konyaa ABO Nezerlands J/ Hangaatuu Baalchaa Fayyissaa gama isaaniin, dhaamasa baga nagaan dhuftanii H/D/ABO J/ Daawuud Ibsaaf erga dabarsanii booda, konyaan ABO,diigumsa diinaa kamirraa iyyuu yeroo ammaa of baraaree hojii qabsoon keenya gaafatu murannoon itti bobba'ee hojjachaa jiraachuuisaa mirkaneessuun ,fuldurattis taanan injifannoolee hanga ammaatti gama kanaan argaman tikfachaa kana caalaa hojjachuuf waadaa seenaniiru.

Yeroo ammaa miseensootni fi deeggartootni dhaabaa dachaan dabaluu qofti gahaa akka hin taane kan ibsan J/ Hangaatuuun ,heeraa fi seera dhaabaa sirnaan barsisuun iajaarsa dhaaba itttitaa tokk jalatti aka masakamuuf cimnee irratii hojjachuuf karoora baafannee socho'aa jirra jedhaniiru.

Daawwannaan H/D/ ABO J/ Daawuud Ibsaa gama kanatti godhaniis haalan bu'aa qabeessaa fi miseesnootaa fi deeggartoota keenya kan onnachiseedha kan jedhan dura teessoon konyaa ABO Nezeraland J/ Hangaatuu Baalchaa, kora kana gufachiisuuf kanneen wuxifachaa turaiif salphina firroottan qabsoo bilisummaa oromoof immoo gammachuu guddaadha jedhaniiru.

Qabsoo bilisummaa Oromoo kan adda durummaa ABOtiin gaggeeffamu xumura itti gochuudhaaf wareegama qabsoon gaafatu baasuuf yoomillee caalaa qophii ta’uu isaanii miseensotnii fi deeggartootni ABO koonyaa Netherlandsis beeksisaniiru.

Haamilee guutuu fi hirmaanna cimaa miseensotaa fi deeggartootaan kan oo’ee oole mariin kun dhuma irrattis dhaaba isaanii cinaa dhaabbabachuun dirqama issan irraa eegamu yoomiyyuu caallaa bahuuf qophii ta’uu isaanii sagalee tokkoon walii galanii ibsa ejjetnoo qabxii 9 of-keessaaa qabus baafatanii jiru .

Walga'in miseensootaa fi deeggartoota konyaa ABO Nezerlands kun kan eegalamee fi xumurame akka aadaa Oromootti eebba manguddootatin ture.


IBSA EJJANNOO WAL GA'II MISEENSOTA FI DEEGGARTOOTA ABO KOONYAA NETHERLANDS

Nuti miseensotnii fi deeggartootni ABO Koonyaa Netherlands, har'a gaafa fulbaana 26 bara 2009 magaalaa Amsterdamitti walitti dhufnee haala Qabsoon Bilisummaa Oromoo kan ABO tiin hooganamu irratti mariánneerra.

Marii goone kanaan haalli siyaasaa biyyoota ollaa Oromiyyaa jiranii addatti immoo kan biyya Impaayera Itoophiyaa keessa jiru irratti keessummaa kabajaa fi H/D shanee gumii , gumii sabaa ABO J/Daawud Ibsaatiin ibsi gahaan nuuf kenname irraa hubannoo baláa arganneerra.

Ibsa H/D shannee Gummii Gumii Sabaa J/ Daawud Ibsaatiin kenname kana irraa buáa bahiin QBO ABOn hoogganamu keessa bahee hará gahe akka gaariitti hubannera. Oromoon yoo cimee ykn humna taée hamalee balaan nannoo gaanfa Afrikaa irratti deemaa jiru kana irraa buáa akka hin argannee fi faalaasaatiin balaa hamaa baatee akka as deemu ibsa isaannii kana irraa hubanneerra.

H/Dn shannee gumii gumii sabaa ABO J/ Daawud ibsaa wal gahii keenya kana irratti argamannii dhimmoota Oromoo, QBO akkasumas mormittoota siyyaasaa ollaa Oromoo kana malees biyyoota addunyaa gara garaa waliin kan ABO hojjetaa jiru irraa hubannoo gahaa arganneerra.

Akka kanaan nuti miseensotnii fi deeggartootni ABO koonyaa Netherlands dhuma marii keenyaa irratti ibsa ejjetnoo qabxii llee 9 of keessa qabu akka kanaan gaditti gamtaan baafatneerra.

1, Hiree murteeffannaa uummata Oromoo dhugoomsuuf tokkummaan Oromoo murteessaa dha jetnee amanna. Kanaafiis tokkummaa Oromoo haala argamsiisuu malu irratti qooda nurraa eegamu ni baana.

2, Akeekaa fi kaayyoo ABO, isa hiree ofii -ofiin murteefannaa uummata Oromoof jedhu dhugoomsuuf yoroo kam caalaa aarsaa nurraa eegamu baasuuf irra deebinee waadaa keenya haaromsfanna.

3, Jaarmiyaalee ykn gartuuleen, siyaasaa Oromoo aada addaa yoroo adda addaatiin ABO irraa bahanii jiru, fotoqqoquun ykn faffacahuun umurii gabrooffataa mootummaa Itoophiyaa kan dheeressu malee Oromoof akka hin fayyadne hubatanii diina innikaa kan taé wayyaanee irratti akka xiyyeeffatan waamicha Oromummaa dabarsinaafi.

4, Yeroo gara garaatti gartuulee ABO keessaa bahan waliin haala mooraan QBO itituu qabu irratti dhaabnii keenyi ABO marii araaraa harkaa qabu ni deeggarra. Obsa dhaabnii keenyi qabuus ni dinqisiianna.

5, Yeroo ammaatti Oromiyyaa keessa fi alaa mootummaan Itophiyaa Oromoo hidhuu , ukkaamsuu, gara dabarsuu, walumaa galatti hiraarsaa bifa baláan itti fufee jira. Kanaaf wayyaanneen gochaa sukkanneessaa kana irraa hatattamaan akka dhaabbatu akeekkachiisna.

6, Agoobara /TBO/ tumsa Bilisummaa fi Dimokiraasii jedhu keessatti ejjetnoo ABO qabu ni deeggarra.

7, ABO kaayyoo isaa galmaan gahuuf dirqama inni nutti kennu bahuuf, yoomiyyuu onnee guutuudhaan qophii taúu keenya beeksifna. Dirqamaa miseensummaa fi deeggartummaa irraa eegamu osoo nama hin eeggatiin kakaúumsa keenyaaan bahuuf ammas waadaa galla.

8, Ummatni Oromoo Ballaan bakkuma jirutti gamataan kaée wayyaanee irratti akka sagalee isaa dhageeessissu waamicha keenya dabarsina.

9, Jilli hoggana ABO kan H/D ABO J/ Daawud Ibsaatiin hoogganamuu hojii dippilomaasii walitti fufinsaan USA fi Awurooppaa keessas gochaa turaniitti itti jiran ni deeggarra .Buáalee hanga ammaatti irraa argamanittis ni gammana.

Injifanoo Uummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummattti!!

No comments: