October 08, 2009

Waamicha Seminara Tokkummaa Barattota Oromoo Jarmanii (TBOJ)

Gara:

1. Hawaasa (Gamtaa) Oromoo Frankfurt

2. Hawaasa Oromoo Munschin

3. Hawaasa Oromoo Dusseldorf

4. Hawaasa Oromoo Barlin

5. Waldaa Dubartootaa (Oromtitti) Frankfurt

Irraa: Koree qindeesituu seminara tokkummaa barattoota Oromoo Jarmanii (TBOJ)

Nagaan waaqayyoo hunda haa dursu.

TBOJ kora 33ffaa sababeefachuun sagantaa seeminaraa Guyyaa gaafa Onkoololessa (October) 31 (Sanbata-duraa) bara 2009 Waaree booda saatii 14:00 irraa jalqabee magalaa Frankfurt, Johann Wolfgang Univert�t (Mertonstr 26 -28) geggessuuf qindessaa jira.

Seminaarri kun mata-durooti armaan gadii sadan (3) xiyyefata.

1. Ibsa haala qabsoo bilisummaa Oromoo yeroo ammaa ABO dhaan geggefamaa jiru

2. Qoda barattota Oromoo addemsa qabsoo bilisummaa Oromoo kessa itti fi

3. Marii waligalaa kanneen ijaarsoota Oromoo biyya Jarmanii ilaalan

Kanaafuu marii haala seminaraan qopheesine kana irra itti argamuun akka qooda fudhattaniif kabajaan isin afeerra.

Injifatnoon ummata Oromoof!

Koree hojii geggesitu TBOJ

Frankfurt , Jarmanii

Fulbaana 30 bara 2009

No comments: