November 18, 2009

Ayyaanni FDG Magaala Adelaide tti Haala O'aan Kabajamee Oole


(Madda Oduu ABO/MOA/ Adelaide, South Australia, Sadaasa 17, 2009)

Hawaasti Oromoo Awustiraaliyaa magaalaa Adelaide keessa jiraatan guyyaa Fincila Diddaa Garbummaa, Sadaasa 9, sirna oo’aan kabajatanii ooluun gabaasame.

Maddi Oduu ABO,MOAn, Adelaide irraa akka gabaasetti, hawaasti Oromoo magaalaa Adelaide keessa jiraatan kunneen ayyaana FDG kana kan kabajatan Dilabata darbe, Sadaasa 15, 2009 walitti dhufuudhaan ture.

Ayyaana yaadannoo waggaa 4ffaa FDG Oromiyaa kanarratti hawaasa Oromoo Awustaraaliyaa Kibbaatti gaafatamaan damee jaarmayaa Jaal Kadir Ibrahim, Fincilli Diddaa Gabrummaa Sadaasa 9, 2005 bifa haaraan eegale sochii jaarraa 16ffaa keessa Oromoon daga isaa bilisoomsachuuf finiinsaa ture wajjin kan wal fakkaatu ibsee jira.


Dhalli Oromoo garbummaa didan marti, bakkayyuu irraa ka’anii faajjii jaallan kaleessaa qabsoo irratti wareegaman kaasuun hawwii biyya ofii irratti abbaa biyyaa ta’uu, bilisummaa, mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu bakkaan gahuu; gaaffiilee mirgi dhala namaa fi dimokraasii akka kabajamu gaafachuu isaaniis JaalKadir yaadachiisee jira.

Amma illee qabsoo keenya fininsuun ilmaan Oromoo sababa Oromoo tahan qofaaf mana hidhaa keessatti gidiraa argaa jiran haal duree tokko malee akka hiikaman, namoota seeraan alatti ilmaan Oromoo hidhan, gidirsan, hiraarsanii fi ajjeessan murtii seeraaf akka dhiyaatan gaafachuun bakka jirru hundatti sochii FDG keenya jabeessuu qabna jedhee jira.


Ayyaana yaadannoo FDG kana irratti gaafatamaan Hawaasa Oromoo Awustaraaliyaa Kibbaa, Ob Ibiraahim gama isaatiin dhaamsa dabarseen ummati Oromoo bakka jirutti tokkummaa isaa jabeeffatee gamtaan akka socho’u dhaamee jira. Miseensoti Hawaasa Oromoo Awustiraaliyaa Kibbaa gama isaaniitinis, ayyaana kana irratti FDG bifa bilchaataa ta’een daran jabeessuuf waan danda’an maraan kan hojjatan ta’uu hubachiisanii jiru.

Daa’imman Oromoos ayyaana FDG kana irratti faaruu Alaabaa oromoo dhiyeessanii hawaasa Oromoo dhiibbaa sirna garboonfattootaan biyyaafi saba isaanii irraa dhiibamanii, Australia magaalaa Adelaide keessa qubatan waliin ayyaana FDG waggaa 4ffaa yaadatanii oolaniira.

==========MOA===========

No comments: