November 12, 2009

“Marriin Mirga Ummata Gudaa Oromo Ganfa Afrika hin kabachifne Marii naggaf Dimokraassii fiduu ta’uu hin danda’uu." Dr Getachew Jigi

“Marriin Mirga Ummata Gudaa Oromo Ganfa Afrika hin kabachifne Marii naggaf Dimokraassii fiduu ta’uu hin danda’uu. Sababi isaa Furmati nagga fi Tasgabi Ganfa Afrika kan jiru Harka Oromoo Keessa.”

Dr. Getachew Jigi

Kommiishnin Auropha fi Mootuumman Afrika Mirga dhala nama fi mirga deemokraasii Eritrea fi Ganfa Africkatti jajabeesu kan jeedhu irratti mariin guyyaa Nov 9_10/2009 deemsisa ture.

Walga’ii kana irratti kan hirmatan Oganoota USA, Auropha, Embassota Ganfa Afrika, Mormitoota Eritrea fi Missensa Paarlaamaa Ethiopia Dr. Getachew Jigi Demekssa guyyaa lama dhimma kana irratti falmi adeemsisa turan keessatti argamu.

Mariin kun kan wamamee mormitota Eritrea gargaran Mootuumma Eritrea fonqoolchuu yaalii kana hunda godhama jiru keessa isaa tokko ture. Marii dhiyyate irratti bakka bu’ootni Amerika, Auropha ,mormitoon Eritrea fi Ambassadara Ethiopia Brihane G/kirstoos irra yaadi dhiyyate Mootuumma Eritrea irratti tarkanfin kara hunda fudhatame foonqolchuun dirqama kan jeedhu ture. Jaaroon kun akkuma bara 1991 Ethiopia bakka lamatti kutan Eritreatti

Isayaas Afawarqi Ethiopiyatti immo Malas Zenwi muudani adeeman ammas Mootumma Eritrea diigani mormitoon Eritrea Ethiopian ijarateeti dabarsuuf hojii isaa hangafaa godhatani jiru.

Haata’uu malee mariin kun heeduu ulfataa, falmii gudaan kan isaa mudatee fi gadisisa ture. Sababa kan ta’ee Konfrensi Ganfa Afrika ta’ee utuu jiru rakko Eritrea malee rakko Ethiopia irrati hin dubanu jeechuu isaanti. Kana giduuti kan Dr. Getachew Jigi marii Ganfa Afrika hunda ilalatu kana keessatti rakkon Oromoo-Ethiopia gutuman gututi mari’atamee qixeeti irratti hundi wali galuu qaba kan jeedhu falmii guyyaa lama tasisan. Kana keessatti Dr. Getachew Jigi rakko Oromoo ibsachuuf carraa argatan kanatti hasawa goodhanin :- Mootumman USA fi Auropha bara 1991 mirga Ummataa Oromo irranfachun ABO hirmana angoo Ethiopia keessa ala qaban, Angoo hunda Malas Zenwi keenun Dogogora seenan hin irranfanee goodhan, mirgi Oromoo hanga haratti akka awalamuu kan goodhe utuu hin siireesin dogogora lamaffaa hojeecha jirtu. Degersi fi tumsi demokraassii fi mirga dhala namaf Ganfa Afrikatti goodhamu keessatti Oromoon akka gudina isaatti irratti hirmachuu qaba. Oromoo ala qabamee wayyaneen mirgii fi nageenyii Ganfa Afirka goodhamu bakka hin ga’uu. Kanaaf Rakkon ummtaa Oromoo irra biyya keessatti goodhama jiru hunda nu dhaga’uu qabdu, Oromoo Kumataman lakkawaman missensoota paarlaamaa dabalatee ajeefaamani jiru kan jeedhuu suuraa waliin dhiyate;

Baqatoota Oromoo kuma dhibba tokko fi sadii (103,000) Ganfa Afrika fi Yemen keessatti rakkaacha jiranfi furmati atatama keenamuuf qaba sababi isaa Biyyoon kun Ethiopian walii galan baqatoota qaban dirqiin biyyatti deebsan ajeesisa jiru, kana male humni tikka wayyanee Basasoo –Somalia galee baqatoota jatamii shan (65) ajeese dhibba tokko (100) madeese mana dhibba lamafi shantama (250) gubee itti hin gaafatamne , Somalia, Kenya, Sudan fi Yemen baqatoon Oromoo humnan biyyatti deebi’aa jiru jeechun iyatani;

Oromoo lafa isaa irra buqisan Chaina, India, Turki, Biyyota Araba fi Djibuti gurgurachuun investmenti seeran ala fi Goocha Isreal ummataa Palasitin irratti gootuu waliin tokko waan ta’eef Investmentiin akkasi akka atataman dhabatu;

Oromoo warana Biyyatti keessa ari’ame hidhamuu isaan lammin Tigiray qoofan warana biyyatti waan ta’aan TPLF -Tigray Ummata Ethiopia Milioona sadeetama (80) fixuuf qoophi waan ta’eef mootuuman TPLF kun angoo irra bu’uu qaba;

Mootumman Malas Zenwi Warqee bank keessa basee gurguratee Sibila Hadida bank keessa ka’uu, qabeenya biyyatti hunda samee gurguratee mallaqa USA fi UK ka’ee mootuumaa malamaltuman guutamee Adunyaa keessa isaa 1ffaa waan ta’eefi angoo gadii dhisuu qaba;

Mootuuma sammtu, nama ajeeftu, fi sobdu waan ta’eef ummata kana bulchuuf hamilee fi dandeetti hin qabu, nagaa fi tasgabii Ganfa Afrikaatti fiduu hin danda’u.

Malas Zenawi dimokraasii fiduuf fedhii hin qabu sababii isaa ummataa xiqaa irra waan dhufefi, lubuu hedduu waan baleesef, mallaqaa bayee waan sameef, Eritrea fi Somalee irratti lolaa seeran ala banuun yakka waan dalageef angoo gadii dhisuu hin barbadu;

Dhaabbileen siyassa biyya Ethiopia jiran mirgi isaan dhorkamee magala keessa ba’uu dadhabani, ummataa isaan qunamuu dhorkaman utuu jiran filannooti deema jeechuun keessan TPLF Angoo irra tursuuf wan ta’eef kana siireesu qabdu;

Akkumaa mormitoota Eritreaf mallaqa fi deggersa kara hunda gootan kana dhaabbilee Oromoo fi dhaabilee biroof ilee goochu qabdu;

Gaanfa Afrikatti Nagaan kan dhufuu danda’uu yoo mirgi Oromoo egamee qoofa furtuun nagaa Ganfa Afirika kan jiru Garba Diima keessa ykn harka Malas Zenawi keessa utuu hin tanee harka Majority Oromoo keessa kan jeedhu ture.

Oromoon Abba Biyya tanan Rakko Somalia, rakkon Eritrea fi Ethiopia ni furma ;

Garu isin maliif Oromoo irratti dhiba gootu? kun siiri miti ummani Oromoo hunga amma obsan isin egee jira yoo isin mirga demokraassii fi miriga Majority hin kabajan ta’ee Ummatti kun fala birra barbadee abba biyya ta’uun isaa hin oluu. Waan hin hafnee kana dura dhabacha jirachuu keessantu nu gadisisa jechuun, adeemsaa walga’ii sana akka jijijramuu goodhe jira. Dr. Getachew Jigi duraa kasse akka waliiga’ii kana hin seenee dhibba heeduun iratti godhama turun isaa hubatamee jira. Kana malee Mirgi baqatoota Eritrea kuma jatami lama (62,000) irratti malee Mirga baqatoota Oromoo kuma dhibba tokko fi sadii (103,000) irratti hin dubanuu jeedhamu isaan walqabatee falmii gudan goodhamee jira.

HRW Adunya Ittigaafatama Afrika kan ta’aan Mr. Yonathan Elliott Rakkon ummata Oromoo irrati waggota dheeraf goodhama ture bakka bu’aa ummata Oromoo kana irratti ilee yamuu nuu birratti dhiban irratti goodhamu argun nama gadisisa jeechun dubachun isaan gabafamee jira.

Burqaa Oduu SBO

No comments: