November 28, 2009

TOAn (UOSE) Hiriira Nagaa Biyya Denmark, Copenhagen Waamicha Godhe

MALLAS SUMMAA’UU LAGA QOOQAAF ITTI GAAFATAMAA DHA!!

”Ijoollee 9n da’e, 6 du’anii 3 qofatu na waliin hafe, Abbaan warraa kiyyas ni du’e, maatii koo keessaa nama 7n awwaale, hunda isaanii dhiiga garaa kaasee ajjeese, mana yaalaa deemnee turre, rakkinni bishaan irraa akka ta’e nutti himan, halkan hirribaa ka’een maatii koo yaada, irra kan na yaaddessu garuu ijoolleen koo warri hafan kun ni jiraatuu dha, yoon irraa du’e attam ta’u? Abdiin tokko nu hafe hin jiru Waaqa male” jetti Adde Aminaan.

”Ijoolleen Aadde Amiinaa kan du’an muka irraafaa kufaniiti malee summaa’uu bishaaniin miti” jedhu jala deemtonni

Mallas gaaffii VOAn gaafateef deebii yeroo kennan. Qormaatni Laga Qooqaa irratti geggeeffame ragaa kan ba’u summaa’uu bishaan kanaaf sababni xurii warshaa Waayyaannee (Mootummaa Itihoophiyaa) keessaa gara bishaan kanaati dhangala’u akka ta’ee dha.

Magaalaa guddittii biyya Denmark, Copenhagen keessatti gaafa 7-18/12/2009 wal-ga’iin sadarkaa addunyaa dhimma Qilleensaa irratti mari’atutu adeemsifama. Akeekni wal-ga’ii kanaa “fala ittiin waannen qilleensa summeessa gadi xiqqeessan irratti mari’achuu dha”. Wal-ga’ii kana gama dhumaa, guyyaa17 fi 18 ji’a 12ffaa irratti matoota biyyaatu wal-ga’ii kana irratti argamuuf dhufa. Kanumaan wal qabatee mataan Waayyaannee Mallas Zeenaawiis walga’ii kana irratti argamuuf Africa bakka bu’ee dhufuuf akka deemu himamee jira. Asitti kan nama dhibu Mallas kan dhufu biyyooti guddatan Africaf $billionaan waggaa waggaan akka kennan gaafachuuf ykn akkuma amala isaa kadhachuuf malee dhimma qilleensaa irratti dubbachuun Ajandaa isaa keessa waan jiru hin fakkaatu.

Akka nuti yaannutti Mallas Zeenaawwii kan itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amne, Kiisha isaa guuttachuu qofaaf Ilmaan Oromoo kumaaatamaan bishaan summaa’een ficcisiisaa jiru, ofiif utuu rakkina ta’ee jiruu rakkinaaf furmaata barbaaduun hin danda’u. Dhugaa lafa jiru, nuti hundi beeknu kana ammoo warri Mallasaa akka inni wal-ga’ii kana irraa qooda fudhatuuf afeeranis beekuu qabu jennee amanna. Yoo nuti Oromootni biyya alaa jirru sagalee tokkoon kaanee haala Aadde Amiin keessa jirtu kana addunyaatti hin iyyineef ishiinis ta’e ijoolleen ishii 3n hafan kan isaan eeggatu carruma maatii ishii warra dhumanii ti.

Kanaaf egaa gaafa 17/12/2009 tti hiriira mormii guddaan Magaalaa guddittii Denmark, Copenhagen, keessatti adeemsifamuuf qophiin xumuramee waan jiruuf kanneen xalayaan kun isin ga’ee fi kanneen Imimmaan Aadde Amiinaan cobsaa guyyaa du’a ishii fi kan ijoollee ishii 3n hafanii eeggattu isinitti dhaga’ame guyyaa jedhame kanatti akka argamtanii ”Mallasaan dhumiinsa maatii Aadde Amiinaaf itti gaafatamaa dha” jennee mootummoota addunyaatti sagalee Aadde Amiinaa waliin dhageessifnuuf afeerraa Oromummaa fi Namummaa isiniif goona. Hiriirri kun kan qophaa’u Tokkummaa Barattoota Awurooppaan.

Odeeffannoo dabalataaf: e-mail yomis99@yahoo.com kana quunnamaa.

Koree Qindeessituu

No comments: