January 27, 2010

Gantuun Kana Qoofa Miti Moran Qabsoon Oromoo Qulqula’uu qaba (Gumii Paarlaamaa Oromoo irraa)

Gantuun Kana Qoofa Miti Moran Qabsoon Oromoo Qulqula’uu qaba.

Uummataa of diina jalatti gabromee jiru utuu argani obsan mataa gadii qabatan jirachuun salphina gudadha. Qabeenya Uummataa keenya diini humnan fudhatee nyachaa jiru falmatan irra fudhachuu dhiisan maallaquma Oromoo diini deebsee isaan kenutii Qabsoo haqaa gurguratan diinati galun amoo salphina salphina caaluu dha. Ilmi lammi isaa diinaf saxilee uummata isaa gutuu ganuu kami iyuu egren isaa ykn dhimmi isaa diina birratis lammi biratis saxilamee qula dhabachun isaa hin oluu. Gantuun dhuma irratti ni ganamti.

Ergan diigamasa mora qabsoo keessatti gurma’inan sochoo’aa ture kan egalamee barana utuu hin tanee kan bubuledha. TPLF moraa qabsoo Oromoo keessatti hojeecha akka jirtu ifati dubacha turte. Maallaqa dolara miliyoona 86 ramadee hojeecha jirachuu ishe erga dubane ture jira. Maallaqn kun baasii caasaa “Diaspora direktoorat” jeedhuuf utuu hin tane kan ramadame namoota garaa isaanf bulan ittin bituuf akka ta”ee ilee dabalame ibsame jira. Wayyanee Qinjitiin akka Shunkurtti ququnciftee fixee kuni Oromoodhaaf ciiftee hin jirtuu wan ta’eef mora qabsoo keenya tiksu, tokkuma qabsa’oota tiksun murteesadha dhamsa jeedhu Gumiin Paarlaamaa Oromoo dabarsa turun isaa dagatamu hin qabu.

Qabsa’oon dhugga laga fi amantaan wal qoodu irra kayyoo ganama irratti cicaniin jiran lotee sentuu, madii jeequmsa fi diigumsa ergama diina gegesan of keessa caalalun barbaachisa dha yamu jedhama ture, qabsootu qancare, ganda abaluufatu baleese malee ergan diinaa nu keessa hin jiru jeechuun wari dhadaata turan bayeedha. Dhuggan jiru garu haxinatu hagudatu diiree qabsoo caalaa diaspora keessa balaa Oromoo diinaf saxilu guddatu gegefama ture. Haqi qalatee sobi babalatee, faarii qabsoo goota fakkatee, firri qabsoo diina godhatan maqa baleesun, laga fi amantaan lammi bakkan lakawan qoomoon arba irrati gegefama ture media diinan utuu hin tanee media Oromoti wara ofini jeedhan ture, amalee hin dhabanee.

Diini Diaspora Oromoo gandan, amantan qooda jirachuu isaa ebsamun wagga lama dura egalame. Media Oromo fakkatani halkan guyyaa diina dhisan dhaabilee Oromoo fi qabso’oota Oromoo qoofa balaleefachuu fi qoqoduu irratti hojjecha turan ga’een isaan mal akka ture hundi of gaafachuu qaba. Moraa Qabsoo Oromoo kan diiga ture namoota torba (7) diiree Kiibatti harka laatan qoofa jeedhan wari labsacha jiran yoo jiratan amma ilee diina nu giidu dhokksan bori rakko keenyatti nu deebsuf wara barbadan qoofa. jequmsi guddan kan dhalatee fi egalame diaspora keesatti malee diiree Kiibatti miti. Paltak fi websitiin Oromoo laga fi amantaan wal dura dhaba turan, samu qulquludhan haqa hojjecha turan yoo jene amma ilee diina keenya hubacha akka hin jire mulisa. Sababi isaa gantoon mora qabsoo wagga lama gutuu jeeqa turan nama torba(7) Kiiba Oromiyyaa irra diinatti galan qoofa yoo jeene madali kamin iyuu siiri miti. Utuu jara kana qoofa ta’aan Wayyanee Diaspora Direktoorat” jeete caasaa gudda bantee maallaqa miliyoonan hin rabsitu turte kun dhugadha.

Gummin Paarlama Oromoo Mora qabsoo diiguuf diini maallaqa guddan deggerame hojecha waan jiruf qabsa’oon Oromoo kayyoo isaan fi qabsoo isaan tikisun diina akka of irra qoolatan yeroo adda addaa wamicha dhiyeessa ture. Keessatu Miseensoon Paarlamaa naannoo Kenya turan laga fi amantaan qoodamisi deema jiru harka diina keessa jirachuu ibsun qeequn, furmata fudhatamu qabu akeekun, kun ta’uu banan balaa qaqabuu danda’uu tilmamun iyyachaa akka turan hund keenya ni beekna. Abban qabsoo jira caalsaa yaamun jeedhames jira ture. Waan nu gadisise keessa inni gudan garu qabsa’ooni Oromoo diina isaan walaluu isaani caalaa iyuu jaala qabsoo dhugga waliin deema jiran adda bafatani walalun wal hamachuu fi jeequmsan of saxilu isaantti. Yeroo yeroon wal gamagama deemamu dhabun rakkon hikuu dadhabamee wal balaleefachuu kan fidee ta’uu hubana.

Dhamsii keenya inni guddan mani of utuu hin badiin Eegachuu, rakko dhalatuf amoo murtii irra deebi hin qabnee keenanf hojii fuladura dhufti deemu malee waan darbee odeesa oluun oduu hojii goodhachu ta’aa. Amalee mora qabsoo keenya qulquleesuf dursa keenun foon suma’ee fi foon fayaa adda caalalun mora qabsoo summin diina keessa hin jire, qabsaa’o’ta dhugga kayyoo fi qabsooti cichan qoofan Uummani Oromoo tokkomsan qabsoo gegesu danda’aa dha. Maqa tokkumman qawaa diinaf baduu caalaa, dhabba ofi keessatti dura wal gamagama, wal madalaa fi wal siirresa mora Galmaa tokkummaa Qabsoo Oromoo cimsuun bilisumma dhiyootti fidun ni dnda’ama.

Bilisummaa Uummataa Oromoof

Gummi Paarlaamaa Oromoo

Amajjii 26/ 2010

No comments: