Ebli 15 bara 2010, Qabsaawota bilisummaa Oromoo fi ummata Oromoo biratti guyyaan seena qabeessa tahee fi bara baraan yaadatamaa oolu. Guyyaan Gootota Oromoo, gaafa Ebla 17,2010 magaalaa Melbourne keessatti miseensotaa fi deggertoota ABOn sirna howwaa fi miidhagaan kabajame.
Ayyaannii kun kan qophawee koree Konyaa ABO Victoriaan yemmuu ta’u akka aadaa Oromootti eebba jaarsolii fi faaruu alaabaa Oromootii n eegalame. DT koree Kutaa ABO Australia J/Gammachuu Fayyeeraa fi DT koree Konyaa ABO Victoria J/Unmar Osman haala ayyaana guyyaa gootota Oromoo ilaalchisee haasaa godhchuun keessummoota ayyaana kana kabajachuu dhufan galateeffachuun haalaa fi sirna ho’aa akkaasiin Oromoon wal gahee gootota Oromiyaa fi Oromoof jedhcha lubbuu isaa kafale yaadachuu fi waadaa isaa haaromsuun kan irraa eegamu tahuu ibsanii jiru.
Keessummoota afeeramanii sirna kana irratti aragaman keessaas obbo Golee Baasoo haaluma guyyaa kanaa ilaalichisee haasawa gabaabduu godhanii jiran.
Guyyaan kun guyyaa akkan ho’aa ture , faaruun jaallan wareegamanii mata dureen “maal dhaamanii jaawwan qabsoof kufan” jedhu J/Jamaal Haruunii dhihate hirmaattota qophii kanaa hamilachiiseera. Artistootni Oromoo qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti gahee guddaa taphataa yoon ga’uun yaadatnoo lammii Oromoo guyya guyyaa ti. Akka kanaan ayyaana Guyyaa Goototaa Ebla 17,2010 magaalaa Melbourne keessatti tahe irratti Aristootni jallattootni qabsoo Bilisummaa Oromoo kan akka Obbo Afandii Siyyoo, Kumalaa Addunyaa fi Tesfaayee Dhimmaa faarulee fi walisa qabsoo wal duraa dubaan dhiheessuun hirmaattota kan bohaarsan turan.
Ayyaanni guyyaa goototaa kun kutaa Australia magaalotii Adileed, Sydny fi Perth keessatti siran howwaa fi wal fakkaataan akka kabajame oole MOA-ABO gabaasa.
I.U.Of!!
2 comments:
It looks like things are too oily when washed with only
water, but trust me. Natural soap is easy and fun to make at home, and
contains no chemicals or ingredients which can be damaging to your
skin or the environment. Don't ensure it is too hot, but don't allow it get too cool.
This drug can damage a fetus so extreme caution must be used to be sure that pregnancy doesn't occur during treatment.
Here is my web blog - teen acne treatment *macserver.lawley.wa.edu.au*
This therapeutic system offers the solution for a acne symptoms.
Yoga: Do yoga as yoga will release your stress and when
your stress levels are decreased then you'll definitely get yourself a high self 'esteem.
Homosalate isn't a medication, but a chemical ingredient in lots of prescription and over-the-counter products. Read a little more about how to clean the pore cleanser system works to suit your needs.
Here is my blog ... Acne Blemish Treatment
Post a Comment