July 13, 2010

Ibsa Walgahii 4ffaa Gumii Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo

Ibsa Walgahii 4ffaa Gumii Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo





Gumiin Sabaa ABO walgahii isaa dhaabbataa 4ffaa Adoolessa 2-10, 2010 geggeeffatee jira. Walgahii kana irrattis gabaasa Shanee Gumii ti fi Koree Seeraa fi To’annoo dhaggeeffatee gamaaggamee murtii irratti kenne. Akkasumas bu’uroota adda addaa irratti marii cimaa geggeessuu dhaan murtiilee fi qajeelfamoota adda adda dabarsee jira. Murtiilee fi qajeelfamoota kanas akka hojiirra oolchuuf Shanee Gumii ajajee jira. Xiinxala dhimmoota adda addaa irratti dhihaates dhaggeeffatee akka qaama gabaasaatti kaayyate. Bu’uuroti marii bal’aan irratti geggeffame keessaa haala dhaabaa, jaarmayaa fi Qabsoo waliigalaa; akkasuma haala ummata Oromoo, mootummaa Wayyaanee, biyya Itiyoopiyaa fi Gaafa Afriikaa gadi fageenyaan ilaalee jira.

Dhaaba ABO fi jaarmaya isaa laalchisee jijjiirama haala fi yeroo rakkisoo tahan keessa kaayoo qabatee lafaa ka’een itti cichee hanga ammaa qabsoo itti fufee jiraachisuun mallattoo jabinaa tahuu erga mirkaneesseen booda ir’inoota gara hundumaan mumul’atan tokko tokkoon laalee mala itti irra aanamuu dhawee akka hujiirra oolfamuuf Shanee Gumii ajajee jira.

Adeemsa qabsoo waan laaluun diinni rakkoo siyaasaa karaa nagayaa furuu dhaf qaawa jiru hundumaa waan cuccufeef carraa jiru hundatti dhimma bahee dhaabni kun qabsoo bilisummaa akka finiinsu taasisuuf gufuulee kanaan dura tutturan hunda xinxalee akka karaarraa kaafaman qajeelfama kenne.

Haala waliigala qabsoo bilisummaa Oromoo laalchisee faffaca’insi mooraa qabsoo keessa jiru diinaaf qaawa kan banu tahuun isaa beekamaa dha. Haala kana irra aanuu dhaaf tattaaffii araara fi tokkummaa mooraa tana keessatti tasgabbii buusuu fi xiyyeeffannaa qabsoo cimsu kan jalqabame xinxalee adeemsi haasaa araaraa kun maal ta’uu akka qabu Shanee Gumiif qajeelfama barbaachisu erga kennee booda akka shaffisaa fi jabinaan akka itti fufu ajaje. Qaamonni yeroo adda addaatti dhaaba kanarraa fofottoqan haala tasgabbaawaan waan jiru xinxalanii adeemsa araaraa deemaa jiru shaffisaan gara xumuraatti geessuu dhaan humni jirtu hunduu qabsoo diina walin gegggeeffamturratti akka fuulleeffattu Gumiin waamicha dabarsaaf. Waa’e hegeree qabsoo Oromoo fi hawaasa Oromoo irratti kan mari’atee wal hubannaa tokko uumuu kan dandeessisu Konfransii hooggana Oromoo(Oromo Leadership conference) qopheessuufis murteessee jira. Kanaafis qajeelfama qabatamaa baasee akka fiixa baafamuuf Shanee Gumiif ajaja kenne.

Ummanni Oromoo cunqursaa fi saamicha yoomirra hamaa jala akka jiru hubatamaa dha. Ajeechaan fi hidhaan dhoksaa fi dirreetti bahee geggeeffamaa turte amma dirre baatee mana heeraa kan ufiitti labsaan tahuun tuffii diinni sabichaaf qabu kan mul’isa. Saamichi diinagdee kanaan dura karaa albuuda fi nagadaan geggeeffamaa ture amma babal’tee lafa qonnaa tan ummanni irra jiraatuu fi dhimma itti bahu harkaa saamuu, qilleensa, bishaan, biyyee Oromiyaa summeessuu fi bosona Oromiyaa ciruun gammoojjummaa (desertification) babal’isuu irratti bobbahee jira. Kun hundi tahee ummanni Oromoo mormii isa bifa hundaan mul’isaa jiraachuun ifaa dha. Haala kana laalchisee furmaanni tokkichi jiru qabsoo finiinsuu dhan sirna kana dhuma itti tolchuu qofa wan taheef ummanni Oromoo murna fi gita gitaan if qopheessee waraana bilisummaa Oromoo maddii hiriiree diinarratti tarkaanfii akka fudhatu waamicha dabarsaaf.

Haalli gantootaa fi ayyaan-laallattootaa tokko tokkoo ummata keenyarratti miidhaa fidaa jiraachuun isaa hubatamaa dha. Ha tahu malee hamma qabsoon geggeeffamtutti gantoonni fi ayyaan-laallattooni yoomiyyuu kan mumul’atan tahuun beekkamaa dha. Jarreen kana maayyiin saanii tanuma seenaan kanaan dura galmeessee tahuu hubachiisaa gantummaa fi ayyaan-laallattummaan xurii seenaa namaa keessaa hin haqamne, tan dhaloota dhufuttillee kokkoo taatee jiraattu tahuu hubatanii akka irraa deebi’an akekkachiisaa dantaa sabichaa eeguu dhaf haalli kun akka itti fufu kan hin hayyamne tahuu hubachiisa.

Ummatoonni Ethiopia keessaa jiran kaanis cunqursa, hacuuccaa fi saaminsi karaa mootummaa Wayyaanee irra gayaa jiru kan Oromootii gadii miti. Qabeenya uumaa tin badhaatuu taatee osso jirtuu biyyoota hiyyeeyyii irraa gadii addunyaa keessatti ramadamtee jirti. Hamma sirni mootummaa Wayyaanee irra jirutti kana keessaa bahufillee abdiin hin jirtu. Kanaaf bakka bakkatti humnoonni mootummaa tana morman sochii adda addaa geggeessaa jiru. Kunis ummata Tigray, bu’ura hundee mootummaa tanaallee dabalatee ti. Ummatooti cunqursaa fi saaminsa gosa tokko jala jiran akka qabsoo isaanii walitti qindeeffatanii mootummaa Wayyaanee if irraa kaasan GS waamicha dabarsa.

Mootummaan Wayyaanee mootummaa baaragaan hojjachaa jirtu hujii isheen if kophxeessitee leelleeqaa jirtu tahuun hubatamaa dha. Filmaata jettee wanni dhiheenya kana geggeessite akka jirutti sagalee kenname garagalfachuun abdi-kutannaa karaa dadaa tin biyya geggeessurraa qabdu mul’isa. Mootummaa abbaa-irree callaa tahus mirkaneessa. Yeroo ammaa kana jibbinsi ummanni irratti qabu yoomuu caalaa babal’atee jira. Deggarsi biyyaa alaa, keessattu humna angawaa itti irkattee jiraachaa turterraa qabdus haphachaa jira. Afoollummaan keessa qaama nyaatee hororoqaa jirti. Humnoonni mootummaa tana mormanis heddumminaan dabalaa jiru.

Mootummaan tun hanga ammaa kan turuu dandeesseef jabinarraa osoo hin taane qindoomina dhaba humnoota ishee mormaniirraa tahuun beekamaa dha. Gadadoo ummata Oromoo fi ummatoota dhibii mootummaa tanaan irratti raaw’atamaa jiru kana xumura itti tolchuu dhaf qindoominni mooraa mormitoota daddaffiin akka tolfamu Gumiin Saba akeekee jira.

Haalli Gaanfa Afrikaa erga jeequmsa seenee wanni fooyyoomina agarsiisee hin mul’atu. Jeequmsa kana keessattis qooda guddaa kan qabdu mootumma Wayyaanee tan abdii ufirratti hin qabne ergamtuu abbaa humna hundumaa taatee hojjattuu ti. Hanga mootummaa tun naannoo sanii buqqaatutti sabatinsi naannoo Godinaa kana keessatti bu’uu hin dandayu. Kanaafuu qabsoon mootummaa Wayyanerratti geggeeffamtu qaama tattaaffii nagayaa fi tasgabbii Godinaa kanaaf geggeeffamuu ti. Kana keessattis ummanni Oromoo akka ummata guddaa Godinaa kanaatti qooda isarraa eegamu bahuu qaba. Kanaafis ABO shoora isaa taphachuuf of qopheessee adda durummaan sochoohuun waan yeroon hin kennamnef tahuu GS mirkaneessa.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Gumii Sabaa ABO

Adooleessa 10, 2010

I.U.Of!!


Source: MAO (Madda Oduu ABO)

No comments: