February 27, 2006

Duula Gabaa Dhaquu Lagachuu Haa Geggeessinu

Duula Gabaa Dhaquu Lagachuu Haa Geggeessinu

Guraandhala 22, 2006 (Oromiyaa) - Fincila diddaa gabrummaa erga jalqabnee kunoo baatii sadii ol tahee jira. Yeroo baatii sadii kana keessatti harka wal qabannee sochii gooneen sagalee keenya keessaa fi alatti dhageessisuu dandeenyee jirra. Gaaffii siyaasaa akka qabuu fi gaaffiin keenya kun deebii akka hin argatin addunyaatti beeksifnee jirra. Kun injifannoo guddaa dha.
Fincila deemsisaa jirruun injifannoo galmeessine keessaa tokko mootummaa Wayyaanee naasifnee waan qabatuu fi dhabu wallaalchisuu dha. Fincilli keenya mootummaa Wayyaanee humna isaatti dhaadatu jarjarsee hafuura itti kutaa jira. Mootummaan Wayyaanee abdii kutateera. Mallattoon mootummaa abdii kutatee tarkaanfii gara jabeenyaa ummata nagaa irratti fudhachuu dha. Mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo jimlaatti qabee hidhaa; barattoota harka duwwaa hiriira bahanitti dhukaasee ajjeessaa, madeessee qaamaa hir’isaa, kumaan hidhee dararaa jira. Waraana Agaazii jedhamu bobbaasee ummata keenya irratti gochaa hammeenyaa raawwataa jira.
Konyaa Horroo Guduruu Ona Abbay Commanii fi Guduru keessatti tahe kana mirkaneessa. Shamarraan reebee itti taphataa jira. Mootummaan rifatee fi ummata irraa abdii kutate uffata aadaa uffattan jedhee namoota nagaa yakka tokko malee hidha. Mootummaan Wayyaanee gochaa kana hundaa nurratti raawwataa jira. Kana gochuun isaa ammo jabina osoo hin taane laafina isaa agarsiisa. Fincilli diddaa gabrummaa keenya itti fufuu fi jabaachuu qaba. Makmaaksi Oromoo “Qeerransa eegee hin qaban, qabnaan gad hin dhiisan.” jedha.Mataa gad qabannee teenyus duuti, hidhamuun, reebamuun, hiraarfamuun, biyyaa arihamuun nurraa hin dhaabbanne. Kanaaf furmaati jiru Fincila Diddaa Gabrummaa jalqabne itti fufuu duwwaa dha.
Yaa ummata keenya!!
Fincilli diddaa gabrummaa murannoon geggeessaa jirru ija argamsiisaa jira. Mootummaan Wayyaanee kan nurratti goobee tarkaanfii hammenyaa fudhachaa jiru qabeenya keenyatti dhimma bahee ti. Bunaa fi Jimaa/Caatii keenya gurguratee rasaasa ittiin nu ajjeesu bitata. Midhaan nuti qonnu nyaatee humni itti dhaga’amee nu reeba. Dhadhaa fi damma keenya nyaatee moora baasee nutti bookkisa. Cooma sangaa gabbataa, tumaalessa hoolaa fi re’ee keenya alanfatee ilkee nutti qarata. Xaafii adii fi diimaa keessaa filatee isa nyaatee irree baasee ittin nu miidha. Agartaa Oromoo! mootummaan Wayyaanee waanuma nuti qonnee itti gurgurruu abdatee hammeenya nurratti hojjata. Qabeenya keenya yoo itti gurguruu laganne isa agabsuu dandeenya. Humna qabnu itti agarsiisuu dandeenya. Yaa Oromoo kana hubattaa??
Yaa Ummata Oromoo!!
Akka tokkotti yeroo ilaallu qabeenyuma keenyatu nutti duulaa jiraam! Diinni waanuma keenya nyaatee fi dhimma itti bahee deebi’ee nu miidhaa fi cunqursaa jira. Kanaaf duula qabeenya keenya dhorkachuu haa geggeessinu. Keenya itti kennuu haa dhaabnu. Qabeenya keenya kan akka: Buna, Jimaa/Caatii, Xaafii, Misira, Bolloqqee, Atara ykn daangulee, Bishingaa, Boqqolloo, Baaqelaa, Damma, Nuugii, Talbaa, Ija goommanaa, Dhadhaa, Sangootaa fi maseena, Hootolaa fi re’eelee gabaa baasuu haa dhiifnu.Walumaa galatti muduraa fi kuduraa kan turuu hin dandeenye malee kaan gabaa baasuu haa dhiifnu. Qajeenya keenya isaan soorree akka nutti roorrisan godhuu haa dhiifnu.
Yaa Ummata Keenya
Oromoo dhaamaa wali dhageessisaa; Iyyaa iyya walitti dabarsaa, harka wal qabadhaa, badda gammoojjii osoo hin jenne, magaalaa fi baadiyyaa osoo hin jenne, Oromoon martinuu torban lamaaf duula gabaa dhaquu dhiisuu guutummaa Oromiyaa irratti haa geggeessinu. Keenya itti gurguuruu, kan isaanii irraa bituu haa dhaabnu. Qabeenya keenyaan irree qabnu itti haa agarsiifnu. Qabeenya keenyaan mirga keenya haa kabajchifannu.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Koree Qindeessituu Fincila Diddaa Gabrummaa Ummata Oromoo

2 comments:

Anonymous said...

If you are going for best contents like I do, only visit this site every day as it gives feature contents, thanks

Here is my website - best cellulite treatment

Anonymous said...

I prefer sterling silver jewelry because I hate the way gold looks
with my skin tone and because it is cheaper than white
gold. Having personal contacts with the jeweler is extremely important in
case you need to resize or modify the ring.
Ricky Toney is really a author who loves to discuss
a lot of matters ranging from Men Promise Rings and Promise Rings.


Review my webpage :: webpage