March 24, 2006

Fincila Diddaa Gabrummaa


Fincila Diddaa Gabrummaa

Bitoteessa 22, 2006 (Oromiyaa) - Guyyaa dilbataa 19 03 2006 yuniiversitii Kibbaa kolleejii qonnaa awaasaatti bandii mirga uummata Oromoo tuquu barbaade tokkorratti tarkaanfiin fudhatame. guyyaa kana jarreen gocha kana hojjachuu yaalan gootoowwan barattoota yuuniivarsiitii kanaan tarkaaffii cimaa irratti fudhataniin erga dallaa keessaa ari`amanii booda jarreen kunniin poolisii federaalaa qabatanii dallaatti deebihanii Oromticha tokko qabatanii osoo bahaa jiran barattoonni qaqqabanii harkaa buufatani jiru.

Kanatti kan qaana`an federaalonni ngaan araaramaa homaa gochuu hin dandeenuu jedhanii of irraa deebihani jiru.

******

Godina kaaba Oromiyaa keessatti FDG haala cimaa ta’een itti fufeera haaluma kanaan Ona Fichee magaalaa Ficheetti gaafa 20/03/2006 sa’aa 4:00 irratti Barattoonni M/B/sadarkaa 2ffaa Abdisaa Agaa fincila guddaa gaggeessaniiru.haaluma kanaan Alaabaa kitillayyoota buusani guubuun kan ABO sa’aa dheeraaf fanisani jiru.

Akkasumas dhaadannoole baraman dhaggeesisani jiru. Gochaa kanatti kan rifatan lukkeewwan wayyaanee barattoota gaaffii mirgaa gaafatan irratti rasaassa robsuun baratoota sadii madeessaniiru isaanis: 1.Barataa Kuubaa Tashoomaa, 2.Barataa Roobaa Qacaa fi 3.Barataa Katamaa Gaarii jedhamu. Baratoonni kuniis magaalaa Ficheetti yaalamaa akka jiran beekamee jira.

Fincila kana irratti qaama hin beekamne irraa bonbiin harkaa lama darbatame jira. Poliison sadiis gar malee madaa’uun isaani beekameera, wayyaaneen barattoota hidhuus gochaa ishee guyyaa guyyaa ta’eera haaluma kanaan Ona fiichee irraa barattoonni hidhaman 30 ol akka ta’ee oduu nuga’eerraa hubaneera.

Kana malees fincilichii Onoota godinicha keessatti argaman Kuyyuu, Dagam, Warra Jaarsoo, Hidhabuu Aboote fi kan birootti bifa jabaan itti fufuun isaa beekame jira.

Injifannoon Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

No comments: