Seenaa Gabaabduu Barataa Gaaddisaa Hirphasaa
Barataa Gaddisaa Hirphasaa abba isaa Obbo Hirphasaa Qanaaa fi haadha isaa Aaddee Jaalannee Diroo irraa Eebla bara 1980(A.L.O.) Godina Shawaa Lixaa Aanaa Xuqur Incinnii ganda Qorroo Haarritti dhalate. Barnoota isaa sadarkaa 1ffaa achuma Xuqur Incinnii mana barumsaa Boorat sadarkaa 1ffaatti xumure. Barnoota sadarkaa lammaffaa kutaa 9 M.B. sadarkaa lammaaffaa Gudaritti
Barataan Gaaddiisaa diimaa bareeda mataa luuccaa dhaabbitiin isaaf miidhaginni fuula isaa bayyee
Barataan Gaddisaan waaee eenyummaa Oromoo
Barataa Gaaddisaan gaafa mooraa yunivarsiitii Finfinnee seenee eegalee gaafii mirgaa fi
Mana hidhaa Maakalaawwii, mana hidhaa Karchalee Finfinnee booddee ammoo mana hidhaa Qaallittii keessatti hooggantoota Waldaa Maccaa Tuulamaa fi barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee waliin miidhan irra gahaa ture. Dararama poolisa federaalaa harkatti irra gahaa ture caalatti ammoo
osoo walirraa hin kutiin reebaa turan. Yeroo achitti reebaa turanitti kale isaa akka malee waan miidhaniif ammo qorra lafa jalaa waliin itti hammaatee waldhaansa dhoorkanii ittuma yaadanii ajjeesan.
Barataa Gaaddisaan Bitootessa 28-2006 ganama keessaa saaa 9:00 irratti Hospitaala Minilikitti osoo wallaansa tokko illee hin argatiin hiriyyoota isaa harkatti biyya lafaa irraa boqote.Dhumarratti gootichi Oromoo Gaaddisaan wayta lubbuun keessaa bahuuf jirtutti akkas jedhee barattoota Oromoo fi Ummata Oromoo maraaf dhaamsa dabarsee.Dhaamsa isaa keessaa muraasni:-
Yaa Ummata Oromoo!, Yaa hiriyyoottan koo fi yaa firoottan qabsoo bilisummaa
Oromoo!
Duutin ani due dua gootoota Oromoo kan eenyummaa Oromoo yeroo jalqabaaf kaasan dua obboo H/Maariyaam Gammadaa, kan Jeneraal Taaddasaa Birruu, dua Dhibbaalaa MaammooMazamirii fi kan gootota Oromoo biroo waliin walfakkaata. Ani kanan hidhameef, kanan ajjeefameefis waanan gaaffii mirgaa Oromoo gaafadheef, waanan cunqursaan Oromoo irra jirtu haa kaatu jedhee gaafadheef akkasumas Oromummaa kootti waanan boonuf malee yakka hojjedheen miti. Mootummaan gabroonfataan ammoo nama ofitti amanu hin jaallatu, mootummoonni Abashaa
Duuti Oromoo dhaa hamma dua sareellee dhageettii dhabdee jirti. Waan taheefis ani bilisummaa Oromootiifan wareegame irra deddeebitanii hidhii xuuxuun waahuu akka hin fidne beektanii kaayyoon ani itti wareegameef akka galmaan geessan imaanaa/adaraan tokkoon tokkoo Oromootiif dhaammadha. Kanaaf yaa uummata Kuttaayee, yaa uummata Amboo, yaa uummata Sulee , yaa uummata Giincii, yaa uummata Guduruu,Yaa Ummata Sikkoof Mandoo, Yaa Ummata Ittuuf Humbanaa ,Horteen Booranaa fi Barreentumaa walumatti qabaatti Uumatni Oromoo marti gumaa koo goodatti hin hambisinaa! Karaan irra jirru karaa sirriifii
Margaa Oromoo lafarraa duguuguun aangoorra turuuf yaaluun mootummaa
gabroomfataa kufaatii irraa hin oolchu!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaat!!
No comments:
Post a Comment