June 17, 2006

Ibsa Ejjannoo maqaa mana marii "Oromiyyaa Gadaan Oromoo Haalalisu"

Guyyaa: 16-06-2006

Nuti Oromootni biyootii adda addaa keessa jiraachaa daandii wal quunnamtii teknolojii ammayyaa komputaratti dhimma bahuun sagantaa paltalk ykn. mana” Gadaan Oromoo haa lalisu” jedhamee beekamuu keessatti walitti qabamnee Dantaa saba kenyaa irratti marihannu, ibsaTumsa Bilisummaa fi Dimokraasii ykn.Alliance for freedom & Dimocracy jedhamu kan addi bilisummaa Oromoo durfamuun dhaaboota gara garaa waliin uummame gad fageenyaa fi bal`inaan erga marihannee booda murtii ejjannoo armaan gadii dabarfanne:
1. Qabsoo bilisummaa Oromoo fuula dura tarkaanfachiisuun mirga uummata Oromoo kabachiisuuf sochii siyaasaa, diplomacy fi waraanaa dhaabni keenya ABOn godhu ni dinqisiiffanna.
2. Tumsi adda durummaa ABOn ijaarame, dhibdeen siyaasaa uummatni Oromoo jaarraa tokkoo oliif mudate dhimma Oromoo qofa osoo hin taane, akka dhimma guutuu biyyatiitti saboota sochii siyaasaa godhan hundaan hubannoo argatuu fi karaa nagayaatiin furmaata argatu ABOn hoogganummaa bilchaataa akka kennu abdii guutuu qabna.Kanaafis, tumsa kana ijaaruu irratti murtii ABOn fudhate guutuutti deggerra.Humna, yaadaan fi qabenyaan akka fiixa bahu bira ni dhaabbanna.
3. Tumsa ijaaruu irratti kallachi qabsoo Oromoo ABOn fudhate gaaffii hiree murteeffannaa saba Oromoo dhugoomsuu irra taree shakkii fi sodaa sabootni adda addaa qabsoo Oromoo irraa qabaniif deebii kan kennu. Kanumaan waliin mooraa diinota keenyaa haphisee kan wareegama Oromoo xiqqeessu waan ta`eef akeeka tumsa kanaa fiixa baasuuf uummatni Oromoo hundi ABO cinaa hiriiree qooda irraa eeggamu akka kennu waamicha keenya dabarsina.
4. Mirgoota qabsoon keenya galmeessinne iggitii gochuu akkasumas sabni Oromoo biyyasaa irratti abbaa biyyummaa akka gonfatuuf WBO cimsuu fi fincila diddaa gabrummaa wareegama gootota baratoota Oromoon dagaagaa jiru daran finiinsuuf uummatni Oromoo hundi kan dur daran tokkummaa keenya cimsuudhaan akka warraaqnu gaafanna.
5. Jaarmayooleen Oromoo kan walaba tahan garaa-garummaa isaan jidduu jiru dhiphisuu fi shira wayyaanee jala kufuun moraa qabsoo Oromoo dadhabusuuf tattaaffii gochaa jiran ni balaaleefanna. Wayyaaneen akka saree maraatetti Oromoo waliin dhahuuf tattaaffii karaa “Waajjira dhimma namoota ala jiraatani” tiin dhaaboota tokko tokko diinagdee fi qabeenyaan bitaa jiraachu isii guutumatti haala qabatamaa taheen hubanne jira. Ummanni keenyaas shira wayyaaneen dhaaboota Oromoo garii keessaan hojjachaa jirtu hubatee akka dura dhaabatu gaafanna.
6. Dhaaboonni Oromoo kanneen walaba tahani tutuqaa diinaa hin qabne tumsa kana gabbisu irratti qooda fudhatan fi tumsa bilisummaa fi democracy (AFD) irratti akka walin hojjatan waamicha lammummaa dabarsinaaf.
7. Dhuma irratti hanga mirgi abbaa biyyummaa saba Oromoo dhugoomutti addaa bilisummaa Oromoo cinaa hiriirree dirqama qabsoo saba keenyaa nurra keesse hamilee dhaan bahuuf waadaa seenne irra deebinee haaroomsina.

ABOn kallacha qabsoo saba oromoo ti!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!

IUOf!

1 comment:

Anonymous said...

oromiatimes.blogspot.com is very informative. The article is very professionally written. I enjoy reading oromiatimes.blogspot.com every day.
fast cash loan
payday loan