June 10, 2006

Ibssa Ejjannoo Miseensota ABO konyaa Bern, Switzerland

Haala yeroo ammaa ilaalchisee ibsa Ejjannoo
Miseensota ABO konyaa Bern, Switzerland

Nutii miseensonni ABO konya Bern, Switzerland guyya 03.06.2006 walgenyee haala yeroo amman tanaa, FDG ummatni Oromoo Biyya keessattiif biyya allaa sochiif, magaal fi badiyyaa keessatti walii galee yeroo yoom iyyuu caalatti fincila diddaa gabrummaa ittii finiinsanii kanii jiru haallan isa mudataa jiruu osoo hin sodatin tokko ta’uu dhan kayyoo Qabsoo ABOn sabaa isaatif gochaa jiruu fi qabsoo jalqabee caalatti itti fufee injifannoo argamsiise jiraa. Qabsoon kami iyyuu galii isaa gahuuf yeroo yeroo dhaan tooftaa fi tarsiimoo fii gilgaalee haala mijjatu uumaa dhaa deemuun, kan gufuu isatti tahan karaa irraa maqsuun kan irraa eegamuu dha. Qabsoon haala yeroo wajjin hin tarkaanfanne galii isaa gahuun shakii qaba. Yoo galii isaa gahes wareegama hedduu fi bu’aa bahii danuu kan hin barbaachifne keessa dabruu isa gaafata. Kanaaf dhaabni keenya ABO haala qabsoon ummata Oromoo irra gahe hubatee tooftaa fira heddummeeffachuu fi diina of irraa xiqqeessuu, kan mararfannoo alaa argamsiisuu diriirsuu isaaf guddaa gammadnee jirra.

ABOn dhiheenya kana ammoo tooftaa fi tarsimoo isaa gilgaalee fiixa bahiinsa qabsoo bilisummaa Oromoof ni barbaachisa jechuun tarkaanfii fudhate qalbii guutuun jala buunee hordofaa turre. Murtii tumsa ijaaruu tis akkasuma hordofaa turre.
Wantii namma gammachisuu ABOn kaayyoo ganama qabatee ka’ee utuu gad hindhiisiin haga har’aa itti fufiinsaan qabsoo godhuu isaa.

Dhaaboti Tumsa kanatti miseensa tahan sagantaa mataa isaanii akka qabatanitti tahuun, fi walabummaan dhaaba isaanii tikfamaa tahuun akka ejjennoon ABO sirrii tahee fi, dhugaa dhan kaayyoo ganamaa sana bakkaan gahuuf mala dhawaa jiraachuu isaa hubannee jirra. Haga sagantaa fi kaayyoo keenya nu harkaa hin buufnetti diina nuti qabsoo irratti geggeessaa jiru isaanis karaa kaanin danquu dhan qabsoo keenya kan nu gargaaruu wajjin hariiroo tumsaa tolfachuun barbaachisaa dha jenna. FDG baatii jahaa oliif deemsisaa jirruun ammaan booda ummata Oromoo kan gowwomsuu fi dabsuu danda’u akka hin jirre mirkaneessinee jirra. Tumsa heddumeefachu fi diina xiqqeffatee fashist woyaane jigssuuf gochi godhamaa jiruu seenaa fii galmaa guddaa tokko.

Kanafuu gammachuu daanga hin qabnee injifannoon argamsiise kana karaa (dandetin, qabenyan) karaa dandayamee hundaanu dirqama Oromummaa bifa hundaanu yoomiiyyuu caallatii birran akka dhaabanuu hubachisaa ijanoo ABO fi FDG jalatti murtii asi gad dabarafanneerra:

1. Tooftaa fi tarsiimoo ABOn haala qabsoo bilisummaa Oromoo dinna xiqesse firoota bayifachun (AFD) sadarkaa amma irra jiru uummata saba oromootiif kayoo isa fixanii bahufii karaa gababa ta’u isaa homma irra shakii hinqabinuu.
2. Kayyoo keenya fixanii basufii hooggana ABO jalatti hiriirree hojjechuuf waadaa kaleessa seenne irra calaatii itti jabesse.
3. Akeeka kana ummata keenya bal’aa hubachiisuuf halkanii fi guyyaa of qusannoo tokko malee ni hojjanna. Kan wallaalaan akeeka tusmaa kana dura dhaabbatu ni barsiifanna, ni gorfanna, kan beekaa Wayyaaneef ergamtuu tahee dura dhaabbatu ammoo karaa irraa maqsina.
4. Sabin Oromoo kan biyya kessa jiruu fi kan biyya alaa adunyaa hunda kessa jiraatu hundinuu caraaamma argamme kanaa caalaattii ufii ijaaree fi ufii jabeessee dukana kessa gara ifftuu Oromiiyatii ufii basu dhafii biyya isaa dhunfachuu fi walii birmachuuf akka of qopheessuu waamicha yoomiuu oli goona.
5. Qabssoo Oromoo laaffisuu fii tokkummaa Oromoo addan facasuu dhan kayyoo kennaa akka fixanii hinbanee gochufii socho’an eenynullee taanan dura dhaabbanna.
6. Balaa mootummaan itiyoophiyaa, ajeeccha, reebiinsa fi saamiinsa dhabamsiisu oromoo irraan tofftaa jijirataa uummta keenna irraan gayaa jiruu hundaa ni balaleeffanna.
Wolumaa galatti addemsaa ABOn itti deemuu karaa sirri waan ta’ef qabsoo sabaa isatii ademsisu itti gammadina karaa kaminis tananii wantaa barbachisamuu hundaan cinna ABO dhabanee akka gargaree wajin wajanuu ibsa uummata Oromoo hundaafuu waamiicha gonnafii.

Gadaan Gadaa bilisummaati!

Injifannoo Ummata Oromoof!

ABO konyaa Bern, Switzerland

No comments: